Finfinnee: Hawaasni naannawaa yaa’a lageeniifi haroowwanii jiraatan balaa tasaa lolaan qaqqabuu malurraa ofeeggannoo taasisuu qabu jechuun Ministeerri Bishaaniifi Inarjii ibse. Fuuldura kanatti hangi rooba idileen olii bakkeewwan tokko tokkotti roobuu akka danda’u Inistitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa raageera.
Ministeerichatti Raawwachiisaan Hojii Bulchiinsa Bishaan Qindaa’aa Obbo Balaayinah Yirdaawu ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka ibsanitti, raaga Inistitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa fuulduratti raage bu’uura godhachuudhaan hawaasni naannawa yaa’a lageeniifi haroowwanii jiraatu balaa lolaatiif akka hinsaaxilamneef of eeggannoo taasisuu qaba. Kanaafis hawaasni raaga haala qilleensaafi haaydirolojii hordofuu akka qabu ibsaniiru.
Raaga Inistitiyuutii Metiworolojii Itoophiyaa hordofee dandeettii bishaan qabachuu qaamolee bishaanii, ujummoon dhangala’aa duuduun, kunuunsi yaa’a lageenii ga’aan dhabamuufaan walitti ida’amee hawaasni naannawaa yaa’a lageeniifi haroowwanii jiraatu yaaddoo balaa lolaa jala akka galu taasisa.
Sababootni gocha namtolcheefi uumamaan akka qaqqabu himanii; jijjiirama qilleensaafi ciramuun bosonaa hanga qabannaa bishaan lageenii akka dabalu taasisuun bitaaf mirga lageenitti ba’uun lolaa ta’ee lubbuu namaafi qabeenyarraan miidhaa qaqqabsiisa. Naannawa magaalotaattis ujummoon dhangala’aa duuduu, ijaarsa magaalota keessatti ijaaraman hordofee lafti qotamu kallattii yaa’aa jijjiiruudhaan balaa lolaa qaqqabsiisa.
Yaa’a lageen 12 Itoophiyaan qabdu Baaroo Akooboo, Awaash, Gannaalee Daawwaa, Oomoo Gibee, Abbayyaa, Ogaadeen, Marab, Ayishaa, Danaakil, Takazeefaan yaaddoo balaa lolaa jala jiran keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Haroo Baatuu, Hawaasaa, Abbayyaafi Caamoo haroowwan yaaddoo balaa lolaa ittimul’achuu malu jedhaniiru. Kunis, kan ta’uu danda’uuf uumama teessuma lafaa, timaan guutamuu qaamolee bishaaniifi qarqara lageeniifi haroowwanii hawaasni qubatee jiraachuun balaaf saaxilamoo taasisa.
Lageen qeenxeen galtuu lageen gurguddoo ta’anis hanga rooba naannawasaaniitti roobu bu’uura godhachuudhaan yaaddoo balaa lolaa jala jiraachuu ibsaniiru.
Hawaasni yaaddoo balaa lolaa irraa ooluuf odeeffannoo akeekkachiisa balaa duraa raaga haala qilleensaafi hayidiroolojii walqabatee Ministeera Bishaaniifi Inarjii irraa kennamu hordofuu qaba. Raaga haala qilleensaa guyyoota kudhanii ji’aafi ji’a sadiirraa ka’uudhaan dandeettii qabannaa bishaan lageenii irraa ka’uun raaga fuulduraa hordofuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Hojii bulchiinsa kallattii yaa’a lageenii hordofanii akka yaa’an taasisuu, tokkoon tokkoon yaa’a lageenii karoora balaa adda baasuufi xiinxaluu, raaga haala qilleensaafi haydirolojii kennamu hordofuun ofeeggannoo barbaachisaa hawaasni taasisuu qaba jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016