Hajjii Bulbulaa: Atileetii cimaa nama dhiisii roobnuu itti hinqaqqabu jedhamaa ture

Dhalli namaa erga dachee kanarratti uumamee kaasee wal’aansoo jiruufi jireenyasaa guyyuu mo’achuuf ifaajjiifi sochii taasisuun fayyummaafi jabeenya qaamasaa osoo beekuus ta’e hinbeekiin eeggachaa kan ture ta’uu seenaan jalqabbii ispoortii ni ibsa.

Sochiin ispoortii jaarraawwan hedduu dura akka feeteen jalqabame kun ammaan tana bifa qindaa’eefi jaalatamummaa gonfateen akkasumas kabajaafi ulfina biyyaa eegsiseen gaggeeffamuun erga jalqabamee as garuu sadarkaa idiladdunyaatti faajjii (mallattoo) eenyummaa biyyaa ta’uun nageenya, jabeenyaafi tokkummaa ummata Addunyaa ibsuun ga’ee olaanaa taphachaa jira.

Nutis akka biyya keenyaattis ta’u addunyaatti yaadrimee addunyaan ispoortiifi ispoorteesitootaaf qabdu kana fudhachuun madda ispoorteessitootaa kan ta’e godinni Arsii, keessumaa Boqojjiirratti xiyyeeffachuun gaafdeebii gootashii tokko wajjin taasisne isin dubbisiisna.

Gara gaafdeebii keenyaatti ce’uun dura waa’ee Boqojjii waanuma gabaabduu walhaa yaadachiisnu. Boqojjiin dirree baldhoo, loowwan hedduu itti horsiisaman, omisha garbuufi qamadii, qilleensa jireenyaaf namatti toluun kan beekamtuudha. Waggoota muraasaa as ammoo gootota ispoortii atileetiksii Arsiifi Oromiyaa bira darbee Itoophiyaa Addunyaarratti beeksisan horachuudhaanis beekamti.

Oggaa waa’ee gootota boqojjii kaafnu yeroo jalqabaatiif Arsiirraa Awaash ce’ee dirree ispoortii atileetiksiirratti kan mul’ate Atileet Hajjii Bulbulaa jedhamuudha.

Atileet Hajjiin ardiilee Addunyaa Afrikaa, Eeshiyaa, Ameerikaas ta’u Awurooppaa baay’eetti dorgommuudhaan gamatti haala dinqisiisaadhaan mo’ateera. Gaazeexaan Bariisaas seenaa gootaa kaasuudhaan hojiisaa dubbistootaaf dhiheessuuf bakka jiru iyyaafatee keessummaa maxxansa kanaa taasifateera.

Bariisaa: Arsii bakka kamitti, yoom dhalatte?

Hajjii Bulbulaa: Kanan dhaladhe bara 1952 Bulchinsa Arsii, Konyaa Cilaaloo, Aanaa Limmuufi Biilbiloo, Ganda Limmuu Rogichaa (Limmuu Mikaa’eel) jedhamutti.

Bariisaa: Barumsa eessatti jalqabde?

Hajjii Bulbulaa: Barumsa koo Mana Barumsaa Sadarkaa tokkoffaa Kaataar jedhamuttin baradhe. Sana dura garuu akkuma daa’imman baadiyyaa kamuu hoolotaafi jabbilee tikseera.

Bariisaa: Ispoortii atileetiksii hoo akkamitti jalqabde?

Hajjii Bulbulaa: Ijoollummaa kiyyarraa kaasee fiiguun jaaladha. Waanin baadiyyaatti dhaladheef yeroon mana barumsaa dhaquufi deebi’u fiigichaani. Yeroon haajaaf (dhimmaaf) gara magaalaa deemus farda hinbarbaadu. Ergan mana barumsaa galees kan nafaana fiigee namo’ate hinjiru.

Haalli qilleensaa bakka ittidhaladhee baddaa waan ta’eef yeroo baay’ee rooba hindhabu. Anis oggaan mana barumsaatii bahee gara manaatti qajeelu akka tasaa ta’ee yoon rooba argu osoo inni nandhaqqabiin dafee jalaa gala. Kanaafuu hiriyoonni kiyya “Nama dhiisii roobnu hindhaqqabu” naan jechaa turan.

Yeroo baay’ee fardeen hurufarra burraaqan qabuun rakkisaadha. Ani garuu ari’ee dadhabsiisee qabee abbaa fardaatiif kennaan ture. Beelladooti tokko tokkos fiiganii nama jalaa bahu. Ani ammoo dadhabsiisee gororasaanii fixachiisuudhaan dhaabee gara manaatti galchaayyu. Kanumarraa ka’uunis rakkinni akkanaa yoo mudate Hajjii waamaa jedhamaa ture.

Mana barumsaattis ispoortii kutaa kutaadhaan adda qoodamnee yoo taphannu hiriyoonni kiyya dafanii nafilatu. Maaliif yoo jedhame fiigichaan kan nacaalu waan hinturreef.

Kanumarraa kan ka’e mana barumsaa kiyya bakka bu’uun filatamee dorgommii sadarkaa aanaa, yeroo san konyaa (awuraajjaa) jedhamaa, akkasumas kutaa biyyaa Arsii bakka bu’ee hirmaachuuf carraa kanan argadhe.

Booda keessa Finfinneetti yeroo baay’ee atileetota kilaboota adda addaa kanneen muuxannoo qaban wajjin fiigee mo’achuu kiyyaan garee atileetiksii biyyaalessaatti makame. Qabxiin kiyyas yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa dhufuudhaan leenjistoonni yeroo sanaa sadarkaa biyyaalessaatti akkan dorgomu carraa naa kennan. Walumaagalatti ka’umsi kiyya ispoortii mana barumsaati.

Bariisaa: Yeroo jalqabaatiif Finfinnee deemtee akka dorgomtuuf eenyutu si gargaare?

Hajjii Bulbulaa: Akkuman irranatti ibse mana barumsaatti ijoollee baay’ee wajjin dorgomaa turre. Namni Saajiin Guutaa jedhaman, Urgee Waakeenneefi ani sadarkaa mana barumsaa dhiisii aanaattuu akka fakkeenyaatti nu kaasaa turan. Haaluma kanaan leenjisaan keenya nama Irreessaa Bayyanaa jedhamu “Ni mo’atta” jechuun yeroo jalqabaatiif Finfinnee nafide.

Yeroo sana kanan fiige Arsii bakka bu’eeni. Mo’achuu baadhus qabxii gaarii argadheera. Sa’aatiin ittixummure waan gaarii tureef Kilabni Buna Itoophiyaa akkan isaan wajjin turuuf na gaafate.

Ergan Buna Itoophiyaatti makamee booda akkan garee biyyaalessaatiif dorgomu leenjistoonni yeroo sanaa nagaafatan. Achumaan garee biyyaaleessaa Itoophiyaatti makamee atileetota shaampiyoonaawwaniifi Olompikiirratti maqaa olaanaa qaban wajjin shaakaluu jalqabe.

Bariisaa: Arsii bakka bu’uudhaan dorgommii qaxxaamura biyyaarratti hirmaachuun mo’atteertaatii haalasaa nuu ibsimee?

Hajjii Bulbulaa: Eeyyeen. Dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaarratti kanan hirmaadhe Arsii bakka bu’uudhaani. Dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa 3ffaa bara 1978 adeemsisamerraatti jechuudha.

Dorgommiin kan adeemsisamee fiigicha kiiloo meetira 12n atileetota biyyoota jahaa jidduutti. Hirmaattonni yeroo sanaa Itoophiyaa dabalatee Keeniyaa, Yaman, Jibuutii, Tokkummaa Soviyeetii (Raashiyaa har’aa)fi Bulgaariyaarraa turan.

Ani daqiiqaa 36:27 tokkoffaa ba’ee mo’achuu kiyyatti qabxiin kiyya akka biyyaatti waan qabameef meedaaliyaa warqii fudhachuu danda’eera. Atileetonni Baqqalaa Dabaleefi Waldasillaasee Milkeessaa jedhaman lammaffaafi sadaffaa ta’uun meedaaliyaa meetiifi nahaasa badhaafamaniiru. Isaan lamaanuu atileetota Raayyaa Ittisaa (Machaal) turan.

Haaluma kanaan Itoophiyaan dhunfaanis ta’u gareedhaan tokkoffaa bahusheetti waancaafi meedaaliyaa warqii argachuu dandeetteetti. Qabxiin kun akka Arsiitti osoo hinta’in akka biyyaatti waan qabameef maqaan kiyyas atileetii Itoophiyaa jedhamee galmaa’e.

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa kun biyya teenyatti bara 1976 biyyoota jaha jidduutti yoo jalqabamu Itoophiyaan beektotaan kiiloo meetira 12n, dargaggootaan kiiloo meetira sagaliin hirmaattee turte. Gareewwan lameeniinuu dhunfaafi gareedhaan tokkoffaa bahuun mo’atte.

Fiigicha kiiloo meetira 12n Atilteet Hayiluu Waldatsaadiq jedhamu daqiiqaa 33:44 tokkoffaa bahuudhaan mo’ate. Sa’aatiin inni yeroo sana ittiin mo’ate kun yeroo baay’eedhaaf riikordii Jaanmeedaa ta’ee kan tureedha. Hanguma ammaattuu fooyya’uusaa nan shakka.

Dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa kanarraatti bara 1979 Abbabaa Mokonnon sakandii 10n nacaalee tokkoffaa yoo ba’u, ani ammoo lammaffaa, Waldasilaasee Milkeessaa sadaffaa bahe. Wanti sidinqu Abbabaa Mokonnon sakandii 10n yoo nacaalu, anis Waldasillaasee sakanduma 10n caaleen mo’adhe.

Bara 1980 fiigicha kiiloo meetira 12 Itoophiyaa dabalate atileetonni biyyoota torbaa irratti qooda fudhatanii turan. Abbabaa Mokonnoniifi Baqqalaa Dabalee tokkoffaafi lammaffaa yoo bahan, ani ammoo sadaffaa baheera.

Bara 1981 ammoo Abbabaa Mokonnon yeroo 3ffaaf walitti aansee tokkoffaa yoo bahu, ani lammaffaa, atileetiin Dabbabaa Damisee jedhamu sadaffaa bahe.

Bara 1982 Itoophiyaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaafi Zimbaabuween kanirratti qooda fudhatan dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaatti atileet Haaddish Abbabaa tokkoffaa yoo bahu, ani ammoo yeroo sadaffaadhaaf lammaffaa baheera.

Dorgommii kanatti Abbabaa Mokonnon walittaansee waggoota sadanuu mo’achuusaatti mootii dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaa isa yoo taasisu, ans yeroo sadii walitti aansee lammaffaa ta’uu kiyyatti atileetii duraan ta’a.

Bariisaa: Dorgommii bara 1983tti adeemsifame hoo akkamiin yaadatta?

Hajjii Bulbulaa: Kan bara 1983 biyyoota shan jidduutti adeemsisametti Arsii bakka bu’uudhaan kan hirmaate obboleessi hangafa Hayilee Gabrasillaasee Takiyyee Gabrasillaasee, Baddiluu Kibratiifi Nugusuu Urgeetti aanee sadaffaa baheera. Arsii bakka bu’uudhaan anatti aanee atileetii lammaffaa ta’uu danda’eera.

Sana booddee atileetota Boqojjii, Kofalee, Saaguree, Asallaafi Heexosaa burquudhaan Itoophiyaa addunyaarratti waamsisaa turaniidha.

Fakkeenyaaf atileet Laggasaa Tiggee, Lammii Cangaree, Warquu Biqilaa, Hayilee Gabrasillaasee, Gazaahany Abarraafi Tasfaayee Tolaa, Hayiluu Makonnoon Gootota Olompikii Qananiisaa Baqqalaafi Taarikuu Baqqalaafaa kaasuun nidanda’ama.

Dubartootaan ammoo Daraartuu Tulluufi Faaxumaa Roobaa, Ijjigaayyoo Dibaabaafi obboolaashee Xirunashiifi Ganzabee, Mastaawot Tufaafaan kanneen yeroo gabaabaa keessatti beekamtii gonfataniidha. Kanaafuu baay’een itti gammada, ittiinis boona.

Bariisaa: Sadarkaa idiladdunyaatti qabxiin galmeesiste maal fakkaata mee?

Hajjii Bulbulaa: Ergan yeroo gabaabaa keessatti garee biyyaalessaa Itoophiyaatti makamee sadarkaa dargaggootaafi beektootaatti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan biyyoota adda addaatti fiigeera.

Keessumaa dorgommii qaxxaamura biyyaa bara 1979 magaalaa guddoo Angoolaa, Luwaandaatti adeemsisametti sa’aatii gaarii galmeesisuudhaan tokkoffaa ba’ee mo’adheera.

Dorgommiin kun kan qophaa’e bara haaraa Awurooppaa sababeeffachuudhaan yoo ta’u, atileetoota ciccimootu irratti hirmaate.

Dorgommichi kan adeemsifame kiiloo meetira sagaliin yoo ta’u, tokkoffaa ba’uun kanan mo’adhe daqiiqaa 25:12n. Sa’aatiin kun sanaan dura atileetii beekamaa Keeniyaa, Birihaanuu Girmaatiin qabame kan ture sakandii 12 oliin fooyyessuu danda’eera.

Lammaffaa kan bahe atileetii biyya Taanzaaniyaa Jaamaa Miinyaa Poondi yoo ta’u, hiriyaan kiyya Caalaa Urgeessaa ammoo sadaffaa baheera.

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa Angoolaa kiiloo meetira sagalii kun ALA bara 1969 kan jalqabame yoo ta’u, Birihaanuu Girmaa bara 1972 irraa kaasee yeroo sadii walitti aansuudhaan mo’ateera.

Angoolaatti Birihaanuu Girmaa Mootii qaxxaamura biyyaa Angoolaa jedhamuudhaan beekama. Kanumarraa kan ka’e gaafa dorgommii sadaffaa mo’atu badhaasa waancaa guddaa Angoolaa argateera.

Akkasumas biyyoota Awurooppaa keessumaa ALA bara 1986 dorgommii qaxxaamura biyyaa Siwizarlaanditti adeemsisameen dhuunfaadhaan 17ffaa, gareedhaan ammoo Itoophiyaan 2ffaa ta’uu dandeetteetti.

Bara 1987 Waarsoo, magaalaa Poolaanditti dorgommii qaxxaamura biyyaatti gareedhaan Itoophiyaan akka injifatu ga’ee olaanaa taasiseera.

Shaampiyoonaa atileetiksi Addunyaa kiiloo meetira kudhanii kan ALA bara 1987 Xaaliyaan, Roomitti adeemsisametti dhunfaadhaan 23ffaa bahus Itoophiyaa gareedhaan 2ffaa turte. Niwiizilaand, magaalaa Aklaanditti dorgommii qaxxaamura biyyaa adeemsisameen Itoophiyaan gareedhaan lammaffaa yoo taatu ani miseensan ture.

ALA bara 1988 shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaa Seeneegal, magaalaa Daakaaritti adeemsisametti fiigicha meetira kuma shaniifi kuma 10n lamaaniinuu lammaffaa ta’uun xumureera.

Dorgommii qaxxaamura biyyaa ALA bara 1989 Faransaay, magaalaa Ayyaakis jedhamtutti adeemsisametti dhunfaadhaan 4ffaa yoon bahu, Itoophiyaan gareedhaan sadarkaa 2ffaa argatteetti.

Akkasumas Xaaliyaanitti fiigicha meetira kuma shaniin tokkoffaa bahuu kiyyaan ala daqiiqaa 13:31.00 riikardii bakkichaa fooyyesseen ture. Fiigicha meetira kuma kudhanii Fiinlaandi, Heelsiinkiitti adeemsisameen ammoo daqiiqaa 27:43.04n raawwachuudhaan mo’adheera. Sa’aatiin kunis yeroo san sa’aatii fooyya’aa bakkichaati jedhameeti kan galmaa’e.

Bariisaa: Yeroo dorgommii keessa turte san olompikiirratti hirmaachuuf carraa argattee beektaa?

Hajjii Bulbulaa: ALA bara 1988 yeroo atileetonni Itoophiyaa Adduyaarratti olaantummaa qaban ture. Anis biyyoota baay’eerratti mo’achuudhaan meedaaliyaawwan heddu argadheera.

Morookoo, magaalaa Raabaatitti fiigicha meetira kuma 10n atileeta biyyattii beekamaa nama Biraahim jedhamu wajjin dorgommmii xiiqii fixachiisaa taasisee lammaffaa ta’eera. Atileetiin Morookoo kun yeroo san Addunyaarratti atileetota beekamoo keessaayis tokko ture.

Yeroon sun yeroo Olompikii 24ffaa Koriyaa Kibbaa, See’ulitti adeemsisamuuf biyyoonni miseensonni koree olompikii biyyoolessaa ittiqophaa’an ture. Haata’u malee Itoophiyaan sababii siyaasa yeroo sanaa tureen biyyoota Sooshaalizimii hordofan deeggaruudhaan hinhirmaadhu jettee hirmaannaa ala taatee waan tureef abdiin nuti qooda fudhannaaf qabnu nu jalaa dukkanaa’e.

Yeroo san fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma shaniin, akkasumas maaraatoniidhaan atileetonni Itoophiyaa injifannoodhaan addunyaarratti olaantummaa gonfatan waan tureef abdiin keenyas ni hirmaanna kan jedhu ture. Ta’us murtee mootummaatiin osoo hinhirmaatin hafeera.

Yeroo san atileetonni nu mo’annu keessumaa atileetiin Morookoo Biraahim Bootaayeb jedhamu tokkoffaa yoo bahu, atileetiin Xaaliyaaniifi Keeniyaa lammaffaafi sadaffaa bahaniiru. Carraan ani Olopmpikiirratti hirmaachuuf qabus yeroo san najalaa baate.

Bariisaa: Atileetonni baay’een dorgommii keessa kanan seene ebaluu argeeni jedhu. Ati eenyu maqaa dhoofta?

Hajjii Bulbulaa: Akuma beekamu yeroo jalqabaatiif Arsii bakka bu’uudhaan shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaarratti kan hirmaate anuma jedhen ture. Arsiirraa ani atileeta duraati jechu baadhus sadarkaa bulchiinsaatti keessumaa naannawaan ittidhaladhe bakka bu’ee hirmaadhe mo’achuu kiyyaan atileetii duraa na taasisa.

Ka’umsa kiyya ebalu jechuuf anu nama yeroo jalqabaatiif Arsii bakka bu’ee Finfinnee dhufee mo’ate waanin ta’eef ebalu ilaaleen fiigicha jalqabe jechuun natti ulfaata.

Haata’u malee ergan Finfinnee dhufee atileetota hangafoota Keenya warreen yeroo san Olompikiifi shaampiyoonaawwan adda addaarratti mo’achuun beekaman Miruts Yifxar, Mahaamad Kadiir, Isheetuu Turaa, Tolosaa Qottuu, Birihaanuu Girmaa, Yohaannis Mahaammad, Darajee Nadhii, Kabbadaa Baalchaafaa seenaasaanii yoon dhagahu baay’ee itti gammadaa ture.

Yeroo san isaan dorgommii dhaabanii leenjistoota kilaboota addaa addaafi garee biyyaalessaa turan. Isaan qofa miti Obbo Nigusee Roobaa, Irreessaa Maammoo Waldee, Doktor Yilmaa Bartaa, Doktor Waldamasqal Kostireefaan leenjistoota keenya turan. Leenjistoota daran kabajamaniifi jajamaniidha.

Yeroon Arsii bakka bu’uun Finfinnee dhaqe san ispoortiin atileetiksii biyya keessatti babal’achaa waan dhufeef sadarkaa dargaggootaatti Takkiyyee Gabrasillaaseefi Laggasaa Tsiggee nafaana bu’uudhaan dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaanmeedaatti hirmaachuun mo’ataniiru.

Achumaanis carraa kilaboota adda addaa keessatti mindeeffamuu argatan. Kanaafuu anatti aananii atileetota Arsii bakka bu’uun Jaanmeedaatti mo’atan isaan taasisa.

Bariisaa: Yeroo dheeraadhaaf seenadhaan malee ispoortii atileetiksirraa fagaattee turte. Hiriyoonni kees si’arguu hindandeenye jedhama. Kun maaliif ta’e?

Hajjii Bulbulaa: Kanin dorgommii dhaabe dadhabee miti. Yeroo san rakkina baay’eetu namudate. Leenjistoota kiyya wajjin walii galuu dhabuudhaan kanan dhaabe. Waggoota lamaaf dorgommiirraa akkan fagaadhu adabameen ture. Sana booddee hamileen kiyya nicabe.

Yeroon dorgommiirra ture kilaba Buna Itoophiyaafi garee biyyaalessaa Itoophiyaafin fiigaa ture. Adabamuu kiyyatti carraa lameenuu dhabe. Bakkan itti hirkadhu dhabuurraa kan ka’e rakkoo guddaa keessan gale. Hiriyootan kiyya warreen dur nabeekan birayyuu dhaquun qaaneffadhe.

Naa gamnaanin gara Arsiitti deebi’e. Iddoon ani jiraadhu magaalaa Boqojjiitii ala waan ta’eef yeroo baay’ee qe’eerraa hinfagaadhu. Haata’u malee warreen kanaan dura nabeekan tokko tokko keessumaa Komaandar Bashaadduu Dabaleefi Saajiin Guutaa Kabbada nafaana bu’uudhaan akkan gadi bahee nama wajjin olu nataasisuusaaniitiin har’a sifaana walarguu danda’eera.

Bariisaa: Haalli maatii kee akkami? Haalli jireenyaa kee hoo?

Hajjii Bulbulaa: Maatii qaba. Ijoollee lamas horadheera. Isaan wajjinin jiraadha. Isaanis akkuma kiyya harkaqal’eeyyiidha. Hojii hinqaban. Inni dhiiraa umriisaa waggaa 15, isheen dubaraa xinnoodhaa; wajjumaan jiraanna.

Kaleessa dirreewwan ani itti fiigutti na faana kan ture lammiin kiyya har’a iddoon ani jiru hinbeeku. Ani garuu baadiyyaa Boqojjii, godoo xiqqoo takka keessatti maatii kiyya wajjin gadadoo keessattin argama. Kanaafuu lammiin koo akka nagargaarun barbaada.

Bariisaa: Ati nama seenaa guddaa hojjetee as gaheedha. Atileetonni hedduun faana kee bu’uudhaan addunyaarratti beekamtii olaanaa kan argatan kanneen Boqojjiidhaa bahan waan ta’aniif isaan wajjin walquba qabduu?

Hajjii Bulbulaa: Akkuman sitti himuuf yaale yeroo baay’ee rakkoolee adda addaa naqunnamaniin namaan walargu hindandeenye. Haata’u malee Komishinar Gargaartuu Daraartuu Tulluufi Komishinar Gargaaraan Huseen Shiboo dhiyeenya kanaa kaasanii gargaarsa naa gochaa jiru. Ijoolleen takka takkas harka natti hiixachuu hinoolle.

Ani garuu gargaarsa waaraa keessumaa mana jireenyaa argadhee maatii kiyya wajjin jiraachuun barbaada. Mucaan kiyyas faana kiyya bu’uudhaan kilaba atileetiksi osoo argatee natti tola.

Umriin kiyya deemeera. Nadhukubas. Akka kanaan duraa asii achi fiigee, bu’ee ba’ee carraaqee jiraadha jechuuf narakkisa. Kanaafuu hiriyoota kiyyaafi jaalattoota kiyyaan hanga humni keessan danda’e nagargaaraa jechuuniin barbaada.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You