Gurmiin nageenyaa galaana Diimaatiif hundaa’u kamuu osoo Itoophiyaa hinhirmaachifne bu’aa tokkollee hinfidu

Biyyootni akka Masriifi Sa’ud Arabiyaa waggoota shan dura gurmuu ‘Gamtaa walta’iinsa biyyoota Galaana Diimaa’ jedhamu tokko hundeeffatanii dhimmi nageenyaafi fayyadamummaa galaanichaas kan isaan qofa ilaallatu fakkeeffatan.

Isaaniin ala biyyootni jaha kanneen akka Eertiraa, Sudaan, Somaaliyaa, Jibuutii, Yordaanosiifi Yaman dabalatanii irreessaanii jabeeffatan.

Haata’u malee shiraafi dabni gamtichaa osoo oolee hinbuliin biyyootuma miseensa ta’an kunniin gamaa gamasitti wal ilaalaniin walshakkii keessa galanii balaa isaanitti bu’e wallaalan.

Akkuma beekamu naannoon galaana Diimaa kun qaama galaanaa daldalli guddaan itti adeemsifamu waan ta’eef muddamni sochii geejibaa itti mudatu ta’ee hawwattumma galaana miidhagaafi hawwataadha.

Galaanni Diimaan Afrikaafi Eeshiyaa kan adda qoodu yemmuu ta’u, Eeshiyaa, giddugala bahaafi Awurooppaatti nama baasa. Biyya Jibuutii hanga barruu harkaa geessu keessaa lafa muraasarratti eenyufaatu qubatee kan jedhu ilaaluu qofti ni gaha.

Fiigicha naannawa kanatti irree jabaa qabaachuuf taasifamu kan ifatti agarsiisuu dandeessu Jibuutiidha. Biyya xiqqoo tana keessaa Faransaay, Ameerikaa, Chaayinaafi Jaappaan buufata qabu. Hindiifi Raashiyaanis sochii eegalaniiru.

Biyyootni fagoo jiran dooniiwwan daldalaasaanii ulaa kana keessa darbuunsaa waan hinoolleef nageenyi naannawichaa isaan yaachisuunis waan hinoolle. Ulaa Galaana Diimaa Baabeel Maandabirratti yoo rakkoon wayii dhalate isaan tuquunsaas hinoolu.

Fedhii biyyoota guguddoo fagoo kana hubachuun biyyootni naannawichaa ijaaramuu kan eegalan bara 2018tti ture. Gamtaan kun bara 2020tti biyyoota saddeet of keessatti qabatee yaa’ii taa’ee ifatti hundeeffame.

Damee qorannoo Afrikaafi Oreentaal keessatti kan hirmaatan Obbo Ni’aamiin Ashannaafii gamtichi fedha jabaa Masriifi Sa’ud Arabiyaan malee miseensota warra hafan jahaan kan hundaa’e akka hintaane ibsu.

Kanaaf sababni dhiyeessan ammoo haala qabatamaa biyyoota miseensa ta’an birooti. “Masrii malee biyyootni kaan kan ofiin dhaabachuu danda’an miti. Shoora hamaamota Sa’ud ta’uu qabu” jedhan.

Gamtichatti biyyootni ijoon sadii kan hinhammatamne yemmuu ta’u, isaanis; Itoophiyaa, Israa’eeliifi Emireetota Arabaati.

Biyyoota miseensa ta’an keessaa afur miseensota ‘IGAD’ ta’anii osoo jiranii jiranii Itoophiyaa keessaa hambisuunis adeemsichi shira hamaa qabaachuusaatiif ragaa guddaa ta’uu Daarikteerri Olaanaan Inistitiyuutii Qorannoo Dhimma Alaa Obbo Jaafar Badruu ni dubbatu.

Kana booda gamtaan dhimma galaana Diimaa irratti ijaaramu kamuu mariin nageenya galaanichaa mirkaneessuuf adeemsifamu hirmaannaa Itoophiyaatiin ala bu’aa fiduu kan hindandeenye ta’uu kan himan Obbo Jaafar, hiikkaan galaanni Diimaan dinagdee Itoophiyaa keessatti qabuufi miira lammiileen biyyattii galaanichaaf qaban qaamotni hinhubanne ammallee shiraan galaanicharraa ishii dhiibaa jiraachuu ibsu.

Akka ibsasaaniitti; tanaan dura seenaa waggoota 30 Itoophiyaan galaana Diimaa irraa moggatti dhiibamte keessatti waliigalteefi gamtaan dhimma galaanichaarratti hundaa’aa ture hundi fedhii biyyoota lamaa qofarratti kan xiyyeeffatan turan.

Dogoggora siyaasaatiin waggoota 30f galaana Diimaarraa moggaatti dhiibamtus garuu waggoota muraasa kanneen keessatti gaaffii Itoophiyaan kaasaa jirtu milkeessuuf kan gargaaru sagantaan Marii Galaana Diimaa bara darbe kan jalqabame yemmuu ta’u, kunis biyyoota dhimma galaana diimaarratti gahee qaban hunda walitti fiduudhaan haala faayidaa waliiniifi nageenya galaanichaarratti kan mari’atuudha.

Baranas marsaa lammataatiif marii nageenya galaana Diimaarratti xiyyeeffate tibbana Finfinnetti adeemsifameen Imireetota Arabaatii hanga, Somaalii Laanditti, Israa’elii hanga Jibuutiitti biyyootni qarqara galaana Diimaa argaman baay’een sagantaa kanarratti hirmaataniiru.

Gamtaa kanaan dura dhimma galaana Diimaarratti Sa’udiifi Masirfaan hondeessan kan haqa biyyoota ollaa galaanichaa waakkate qofa osoo hintaane, fedhiisaanii malee kan biyyoota biraatiifis iddoo kan hinkenne ofittummaan kan keessatti calaqqiseedha.

Sababa hundeeffama gamtichaa yeroo gaafannuu biyyoota miseensa ta’aniifi fedha naannawichaa hubachuun gaarii ta’uu kan kaasan immoo Daabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Sumaaliyaa kan turan Badal Mohaammadi. Isaanis morkii Sa’ud Arabiyaafi Emireetota Arabaa gidduu jiru ilaaluun barbaachisa ta’uu kaasu.

Akka yaadasaaniitti; biyyootni Galfaa Kuwatariin yeroo qollifatan Masri, Sa’udiifi Emiroototni Arabaa dallananii qoqqobbii dhiibbaa dinagdee irra kaahan. Haa ta’uu malee michoomaafi tokkummaa kana garuu itti fufsiisuu hindandeenye.

Osoo biyya naannawichatti humna guddaa qabdu, Yunaayitiid Arab Emireetis keessa hingalchiin gamtaan ijaaramuun daantaa biraa qaba. Kanaafi, maniin waltajjichaa akka hundeessitootni jedhan walta’iinsa daldalaati jedhanii fudhachuun kan nama rakkisuudha.

“Walta’iinsarra dorgommiitu natti mul’ata,” kan jedhan xiinxalaan naannawichaa, Sa’udiifi Imireetis ammoo caalaa to’achuuf waan fiigicharra jiraniif hirmaannaafi qooda biyyoota ollaa warraa kaanii cirumaayyuu waan dagatan fakkaatu.

Waltajjii waliigalte daldalaati kan jedhan fakkeessuufi, (face value). Dhugaan jiru garuu dhimmichi waliigaltee osoo hintaane dorgommiidha. Dorgommichis kan biyyoota maallaqa boba’aa qaban lamaaniiti.

Gama haqummaafi hirmaachisummaasaatiin jalqabumarraa cimina waltajjiifi iftoomina kaayyoorratti gaaffii guddaan ka’aa turus, irree maallaqa boba’aatiin ijaarame abdatanii kophaasaanii gulufuurraa yoo hinsirranne garuu Itoophiyaa dabalatee biyyootni moggaatti dhiibaman kaanis gaaffii haqaa qabaniin isaan dura dhaabachuun waan hinoolleedha.

Fakeenyaaf, ogeessonni Esraa’eel keessa hinjirtu jedhan. Israa’eel qaama Galaana Diimaa taatee, Itoophiyaan naannawichatti dhiibbaa kan uumtu taatee biyyoonni lamaanuu haalli ittituffatanii bira darban kun daran ulfaataa waan ta’eef bubbulee dhohuunsaa hinhafu.

Gamtichi saffisaan akka sirratu yoo hintaane bubbulee carraa gara gamtaa ykn waadaaa waraanaatti guddachuuf qabaachuu akka malus warreen shakkan hindhabamne. Haa ta’uu malee baay’ina biyyoota miseensichaafi ummatasaanii yemmuu ilaalan garuu, dhimmichi fagoo ittita’a.

Sudaan rakkoorra jirti. Ertiraan immoo erga biyyoota guguddoo addunyaatiin walqoollifattee dugda walitti galtee bubbulteerti. Somaaliyaafi Yaman jijjiirama barbachaaf mootummootasaanii aangoorraa kuffisanis biyyasaanii kufaatii jalaa baraaruu dadhabanii hanga ammaatti jeequmsa keessootiin raafamaa jiru.

Kanneen hafan Yordaanoosiifi Masriidha. Waliin cimuun hafee kan walii isaaniituufuu haloo walbahachuuf haala mijataa itti walii eeggataniidha.

Kanaafuu, waliigalteefi gamtaan isaan shiraan hundeeffatanii biyyoota haqa hirmaattummaafi fayyadamummaa osoo qabanuu irraa dhiibban miidhuun hafee haala kanaan ofiisaaniitiifuu fayyadamoo ta’uu hindanda’an. Sababnisaas osoo biyyoota guguddoo qarqara galaana Diimaatti argaman kanneen akka Itoophiyaa hinhirmaachifne nageenyi isaan eegisanis ta’ee faayidaa milkaa’an isaan argachuu danda’an waan hin yaadamneefi.

Walumaagalatti; kana booda inisheetiviin dhimma galaana Diimaarratti uumamuu danda’u kamuu bifa haqaqabeessa ta’een biyyoota ollaa hunda hammachuun dirqama. Keessattuu biyya galaanicha waliin hariiroo waggoota dheeraa qabduufi baay’ina ummataatiin biyyoota qarqara galaanichaatti argaman keessaa sadarkaa duraarratti argamtu Itoophiyaa lagachuudhaan nageenyi galaana Diimaarratti mirkanaa’u hinjiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You