“Gara fuulduraatti kalaqaalee Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti waamsisan hojjechuun barbaada” – Barataa Barakat Ballaxaa

Agarsiifni kalaqa saayinsii marsaa 9ffaa waliigala Magaalaa qindeessummaa Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneetiin qophaa’e mataduree “Qulqullina Barnootaa Mirkanaa’a Badhaadhina Biyyaaf” jedhuun Caamsaa 16-18 bara 2016tti Paarkii Michoommaatti adeemsifameera. Agarsiisicharratti kalaqaaleen saayinsii barsiisotaafi barnootaan hojjetaman dhiyaataniiru.

Barataa Barakat Ballaxaa Magaalaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Boolee, Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaafi 2ffaa Kaatolikii ‘Gedame Setawiyan Mariyam Tsion’tti barataa kutaa 12ffaati. Barataan kun kalaqaalee saayinsii adda addaa qabatee kan dhiyaate yoo ta’u, isaan keessaa tokko maashinii rookeetii dhukaasu ‘Hypersonic rocket’ jedhamuudha. Maashiniin kun meeshaa waraanaa jiranirraa haala adda ta’ee kan hojjetame riimootiidhaan kan hojjetuufi siistama raadaariidhaan ala isa taasisu qaba ta’uu dubbata.

Maashinicha magaalaa tokko taa’anii magaalaa biraatti to’achuun haala danda’amuun kan hojjetame ta’uufi utuu gamoowwan, hidhawwaniifi wantoota biroo hintuqiin waan balleessuu ykn rukutuun barbaadame qofa ilaammatee akka rukututti kan hojjetame ta’uu dubbata.

Maashinicha wantoota naannawaa jiranitti fayyadamuun kan hojjete ta’uufi maashinichi naannawaa hanga fageenya raadiyeesii kiiloo meetira 50tti to’achuu haala danda’uun hojjetame. Maashinicha kana caalaa fooyyessanii sibiilarraa hojjechuun waraanaaf ittifayyadamuun kan danda’amu ta’uu hima.

Barana maashinii bishaan gara gaaziitti jijjiiru hojjechuudhaan hojii kalaqa saayinsiifi teknolojiitiin tokkoffaa ba’uu kan himu Barakat, maashinichi galaanarra taa’ee rokeetii haala dhukaasuu danda’uun hojjetame. Maashinichi faalama qilleensaa kan hinqaqqabsiifne ta’uufi meeshaa biyyoonni addunyaa doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu itti dhangalaasanii hojjetan qarshii kumaa dhibbaan ykn miliyoonaan lakkaa’amuun hojjechuuf ‘pirogiraamiisaa’ hojjetee gadilakkisuu yaalii taasisuu dubbata.

Agarsiisni akkasii qophaa’uun barattoonni dandeettii waa kalaquusaanii akka baasan, walirraa barataniifi muuxannoo waljijjiiran taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jedhu barataan kun, yoo waa beekuufi hojjechuu barbaanne cimnee dubbisuu qabna.

Biyyoonni addunyaa wantoota guguddoo kalaqan nurraa uumama adda ta’anii utuu hintaane, waan nu caalaa dubbisaniif, qayyabataniif, qorataniifi dinagdeen nu caalaniif qofa. Nutis yoo dubbisne, qayyabanneefi waa beekuuf kaka’umsa qabaanne waantota hedduu kalaquu dandeenya.

Agarsiisni akkasii qophaa’uun kalaqawwan hedduun dhokatanii jiran ifatti ba’anii hawaasa biyyattiis ta’e addunyaa akka tajaajilan waan taasisuuf gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba jedha.

Gara fuulduraatti damee barnoota ‘Astrophysics’ barachuu akka barbaadu kan himu barataan kun, damee barnootaa kanaan kalaqaalee Itoophiyaa sadarkaa addunyaatti waamsisan hojjechuu akka fedhu dubbata. Karoorasaa kana milkeeffachuuf yeroosaa guutuu baroota, waa dubbisuufi kalaquurratti dabarsaa jiraachuufi qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa ji’a tokko booda kennamu qabxii olaanaa galmeessisee darbuufis yeroosaatti sirnaan fayyadamuun qayyabachaa jiraachuu eera.

Waan yaadneefi karoorfanne hojii qabatamaan agarsiisuufi itti milkaa’uu kan dandeenyu yoo jabaannee baranneefi dubbisnee qofa kan jedhu barataan kun, hanqinni maallaqaafi meeshaalee gara garaafi bakki hojii waan yaada keessatti kalaqne qabatamaan lafarratti akka gad hinbuufne kan isa taasisaa jiran ta’uufi kalaqaaleen saayinsii biyyattiis akka hinguddanne taasisan keessaa isaan ijoo ta’uu dubbata.

Barakat barataa cimaa sadarkaa keessa ba’u ta’uu himee, utuu sirriitti ittifayyadamnee sa’aatiin 24:00 guyyaa tokko keessa jiruyyuu yeroo bal’aadha jedhan. Oggaa qormaatni ga’u yeroo hinqabu jedhanii dhiphachuurra utuu yeroo qabanii sirriitti dubbisuufi qayyabachuun barbaachisaa ta’uu nigorsa.

Utuu yeroo qabnu sirriitti fayyadamnee waantota hundaaf yeroo gahaa qabaanna. Gaaffii qormaataa tokko daqiiqaa tokko keessatti deebisuu ni dandeenya. Gaaffii sana sirriitti deebisuuf garuu dursinee yeroo keenya aarsaa goonee dubbisuufi qayyabachuu qabna. Qayyabannaan yeroo dheeraa taa’anii dubbisuu qofa utuu hintaane tooftaan qayyabachuun barbaachisaa jechuunis ibsa.

Barnootaafi hojiilee kalaqaatiin sadarkaa kanarra ga’uu kootiif barsiisotaafi manni barumsaa koo gumaacha olaanaa naaf taasisaniiru kan jedhu Barataa Barakat, hojiin barsiisaa daandii agarsiisuudha. Waan barsiisaan barsiise bal’isee dubbisuufi qayyabachuun ammoo hojii barataati. Kanaafuu barattoonni utuu barnootasaanii sirnaan hordofuufi yeroosaanii hingubiin qayyabachuu akka qaban gorsa.

Mana Barumsaa Kaatolikii Sadarkaa 1ffaafi 2ffaa Kaatolikii Gadaami Setawiyan Maariyaam Tsiyoonitti barsiisaan Keemistirii Zawuduu Zannabaa akka jedhanitti, “Barakat barnootasaatiinis ta’e hojiilee kalaqaa hojjetuun barataa addaati. Barakat barataa naamusa gaarii qabuufi gara fuulduraatti bakka guddaa ga’a jennee abdannuudha. Barakatiin waggaa sadiif barsiiseera. Barataa kana itti dhiyeenyaan beeka. Barataa waan barate qabatamaan hojiin agarsiisee mul’isuudha. Hojiilee kalaqaa hedduu hojjeteenis yeroo gara garaa badhaasaafi beekamtii argateera”.

Barakat barataa cimaa dandeettii kalaqaa addaa qabuudha. Barataan kun waan barate battalumatti qabatamaan hojiitti jijjiiree agarsiisa. Hojiilee kalaqaasaa barsiisaasaa waliin mari’achuun hojjeta. Barsiisonnis ta’e manni barumsichaa hanga danda’an meeshaalee kalaqaaf isa barbaachisan guutaafii jiru. Kana jechuun wantoonni kalaqaaf isa barbaachisan hundi guutamaniiruuf jechuu miti jechuun eeraniiru.

Yeroon Barakat waliin laaboraatoorii keessa hojjechaa oollee bullu jira kan jedhan barsiisaan kun, barnootarrattis hanga danda’an gargaaraa jiraachuufi hawwiinsaanii guddaan barataan kun bakka olaanaa gahee arguu akka ta’e himu.

Manni barumsaasaanii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaatiin qabxii olaanaa galmeessisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu himanii, Barakat barattoota qabxii olaanaa galmeessisu jedhamanii eegaman keessaa isa tokko ta’uus eeraniiru.

Hogganaa Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Doktar Zalaalam Mulaatuu haasaa baniinsa agarsiisichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, agarsiifni kalaqa saayinsii waggaa waggaan adeemsifamu kun barsiisonniifi barattoonni magaalattii beekumsa horatan hojiin akka mul’isan taasisaa jira. Dhaloota barnootaan qaruun biyya guddisuufi jijjiiruu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Agarsiisichi barsiisonniifi barattoonni kalaqa saayinsii haaraa akka hojjetaniif bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu himanii, akkasumas muuxannoo akkanaa walirraa qooddachuun hojii kalaqa saayinsii eegalan cimsanii akka ittifufaniif kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee akka jedhanitti, agarsiifni kalaqa saayinsii barsiisotaafi barattoota dhiyaate bu’aa hojiilee barnootaa magaalattii kan agarsiisaniidha. Barsiisonniifi barattoonni waan barsiisaniifi baratan hojiin akka mul’isan taasisuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Akka ibsasaaniitti, biyyattiin namoota dubbatan, barsiisaniifi hubachiisan hedduu qabdi. Dubbachuufi barsiisuu qofa utuu hintaane waan dubbannuufi barsiifnu hojiin mul’isuu qabna. Itoophiyaan ammayyuu hojiilee kalaqaa rakkoolee furaniifi tajaajila si’ataa kennan hedduu barbaaddi.

Agarsiisni kalaqa saayinsii barsiisotaafi barattoota magaalattiin dhiyaate kun barattoota biyyattii hundaaf fakkeenya gaarii ta’uu himanii, hojiin abdii namatti horu kun kalaqaalee haaraan akka hojjetamaniifis balbala kan banu ta’uu eeru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You