Dargaggoo: Anniisaa Jijjiiramaa, utubaa biyyaafi abdii egeree

Umriin dargaggummaa waa hunda jechuunis ifa hubattummaan guutameefi rakkoof furmaata ta’uudha. Akkasumas yeroo egeree ofiitiif, hawaasaafi biyyaaf bu’aa buusuuf humna ho’aadhaan bu’uurri itti kaa’amuudha. Dargaggummaan dubbisuufi gaafachuudha.

Yeroo galaan egeree ittigalaafatamuudhas. Dargaggummaan abdiifi qajeelummaan guutamuudha. Umurii waa’een addunyaa, jireenyaa, ogummaafi beekumsaa ittidheebotamuudha. Yeroo ittibiyya koof maal hojjedhu jedhanii itti of gaafatan, ofirra namaaf ittijiraatan, darbees jaalalliifi tokkummaan ittilallabamuudha.

Dargaggummaan umrii jijjiiramaaf, hojii uumuufi ijaarsa biyyaatiif xiyyeeffannaa guutuu kennanii ittitattaafataniidha. Umrii ce’umsaa milkaa’ina egereetiif naamusa gaari uffachuun dammaqinaan itticarraaqqataniidha.

Kanumaan walqabatee ummata Itoophiyaan qabdu keessaa harka 70n kan umriisaa marsaa dargaggummaa keessatti argamuudha. Kana keessaa ammoo tokko sadaffaan barnootarratti kan argamuudha. Kunis humni misoomaaf oolu bal’inaan jiraachuu kan agarsiisuudha.

Gama kaaniin umrii kun yoo sirnaan qabamu baateefi hinhogganamne humna salphumatti badiifis saaxilamu ta’uun waan amanamuuf xiyyeeffannaan irratti hojjechuun kan qabnuudha.

Konfaransii 14ffaan dargaggootaa Oromiyaa mataduree, “Dargaggoonni anniisaa jijjiiramaa, utubaa biyyaafi abdii egeree” jedhuun tibbana guutummaa naannichaatti adeemsifames dhimmootuma ijoo irranatti tarreessinerratti kan xiyyeeffateedha.

Konfaransichi maniiwwan guguddoo lama qabachuuni sadarkaa gandootaarraa kaasee hanga naannootti kan geggeeffame. Manii tokkoffaan dargaggeessi haala waliigalaa biyyiifi addunyaa irra jirtu beekee ijaarsa biyyaa taasifamu keessatti gaheesaa akka bahatu akkasumas toora biyyi keenya qabattee jirtuufi imaammataafi tarsiimoo ba’urraa hirmaataafi fayyadamaa akka ta’u gochuufi.

Hojiilee hojjetamaa jiran sadarkaalee adda addaatti ciminootaafi hanqinoota jiranirratti hoggansasaa waliin mari’atee gaaffiifi yaada qabu mootummaaf dhiyeessee sadarkaa sadarkaadhaan deebiin akka itti kennamu gochuunis akeeka konfaransichaati.

Manii 2ffaan gurmaa’insa dargaggootaa cimaa ijaaruudha. Dargaggoonni gurmaa’ina mataasaanii niqabu. Fakkeenyaaf waldaa dargaggootaafi federeeshinii dargaggootaa kan ilaallu yoo ta’e, isaan kunniin sadarkaa gandaarraa kaasee hanga naannootti bakka koreensaanii harca’eefi hojmaatnisaa laafetti irra deebi’anii filachuudhaan gurmaa’insasaanii carraa kanaan cimsaa jiru. Gaaffiilee bu’uuraa dargaggoonni kaasan keessaas tokko dhimma carraa hojiin walqabatuudha. Akkuma beekamu mootummaan carraa hojii bal’inaan uumuuf carraaqqii adda addaa taasisaa jira.

Fakkeenyaa baranuma dargaggoonni miliyoonaan lakkaa’aman carraa hojii argataniiru. Lakkoofsi kun guddaa ta’us oggaa baay’ina dargaggoota naannichaatiin walbira qabamee ilaalamu ammayyuu hojii bal’aan kan nu hafu ta’uun hubatamee tattaaffiin walirraa hincinne akka barbaachisu kan agarsiisuudha.

Akka hogganaa ittaanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Kadir Indaalkaachoo jedhanittis dhimma carraa hojii uumuu kanaan walqabatee rakkooleen lama adda bahan jiru. Isaanis rakkoolee gama dargaggootaafi gama mootummaatiin mul’ataniidha. Aadaan hojiifi qusannoo laafaa ta’uun akkasumas hojii filachuufi tuffachuun rakkoolee dargaggoota biratti mul’ataniidha.

Gama mootummaatiin ammoo carraa hojii dargaggeessaaf uumamuu qabu waa hunda raawwachuun carraan hojii akka uumamuufi liqii yeroon dhiyeessuurratti hanqinoonni gara garaa jiraachuu qorannoodhaan mirkanaa’eera.

Dargaggoonni dhimmoota bakka oolmaa dargaggootaan walqabatanirrattis gaaffii kaasaniiru. Gaaffiileen dargaggoonni kaasaniif waltajumarratti deebiin kennameera. Dhimmoonni qaama mootummaa olaanaaf dhiyaatee deebii arachuu qabanis cuunfamanii qabatamaa jiru.

Dargaggeessi Oromiyaa jijjiirama kana argamsiisuu keessatti qaama adda durummaan qabsaa’uun seenaa hojjeteedha. Ammas dargaggeessi rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessatti bakkawwan gara garaatti mul’atu furuu keessatti hirmaatee nageenya waaraa mirkaneessuuf gaheesaa bahachuuf waliigalameera.

Walumaagalatti dargaggoonni anniisaa jijjiiramaa utubaa biyyaafi abdii egeree ta’an kunniin keessumaa nageenya waaraaf xiyyeeffannaa kennuufi sababaa’oo ta’uun, hojii tuffachuu dhiisuun, waan isaanuma, hawaasaafi biyya fayyadurratti irreefi qalbii tokkoomeen hiriiranii ofis biyyas ceessisuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 1 Bara 2016

Recommended For You