Sirna haqni dabde bakkatti deebitee warri wal miidhe itti araaramu: Sirna Gumaa Baasuu

Oromoon aadaafi duudhaalee sirnoota garaa garaatiif ittiin dhimma bahu bocatee jiruufi jireenyasaa ummata ittiin jiraachaa tureefi ammas bakkoota tokko tokkotti ittiin bulaa jiruudha.

Duudhaalee gabbataa ummanni Oromoo nama nama ajjeesse tokko ittiin adabuufi nama ajjeefameef haqa ittiin barbaadee maatiisaatiif beenyaan ittiin kaffalamu keessaa sirni gumaa baasuu isa tokkoodha.

Dhimmi gumaa baasuu aadaa Oromoo ganamaa keessa kan ture, adeemsa keessa dhiibbaa alagaatiin akka laafu godhamus, utuu hinbadiin dhaloota ammaa bira qaqqabeera.

Gumaa baasuun akka seenaa Oromoo irraa hubatamutti, gumaan adeemsa jiruufi jireenya hawaasummaa Oromoo keessatti hundee araaraafi nagaa ta’ee hojjataa dhufe. Sababoota addaddaan namoota gidduutti waldhabiinsa uumamuun namoota wal ajjeesan ykn walmiidhan gidduutti araara buusuuf sirni gumaa baasuu kun gahee guddaa bahachaa ture; ammas bahachaa jira.

Adeemsa isaa milkeessufis, maanguddoonni namoota walmiidhan gidduu galanii jaarsummaa araaraa taa’uun dubbichaaf hiikkoo kennu. Egaa, namichi lubbuu namaa balleesse ykn miidhaa qaamaa qaqqabsiise warra ajjeese ykn miidhe sanaaf beenyaa akka kaffalu kan itti muramu sanatu gumaa jedhama; sirni isaa immoo sirna gumaa baasuu jedhama.

Gumaan kan kaffalamu yeroo lubbuun namaa badeefi miidhaan qaamaa yoo namarratti qaqqabe qofaa osoo hintaane, horiin nama harkatti yoo du’ellee akkaataa sadarkaasaatiin itti murtaa’ee namni ajjeese sun kan kaffalu ta’a.

Walitti bu’iinsa uumame kanaan lubbuu badeefi miidhaa qaamaa qaqqabeef Jaarsi gidduu galee jaarsummaa dubbachuun kan miidhameef namicha miidhaa irraan gahetti gumaa muruun araara buusuuf adeemsaaleen deemamuu qabantu jira.

Gumaa kaffaluuf maanguddoonni seera gumaa beekaniifi Abbootiin Gadaa taa’anii haala ajjeejchaan itti raawwachuu danda’eefi sababasaa addaan erga baafatanii booda ulaagaa gumaa olaanaa, giddu galeessaafi gadi aanaa keessaa isa kam keessatti akka ramadamu ilaalameet gumaan murama. Miidhaa qaamaa yoo ta’es akkasuma.

Haaluma kanaan guyyaa walitti bu’iinsi uumamuun duuti gale sanaa kaasee haaloo baafachuuf gosni bahee ammas dabalee lubbuu akka wal hinbaafne ykn miidhaa walirraan hingeenyeef jecha gosni warra nama ajjeesee guyyaa shaniif balbalasaanii cufatanii gosa isaanii gara biraa jiranitti fagaatanii baqatu.

Namichi nama ajjeese sun immoo mana sirreessaa akka galu taasifama. Mana sirreessaa kan hingalle yoo ta’e ammoo firootasaa fagoo jiraatan biratti baqatee dhokata.

Karrisaaniis qoraattiin cufama. Erga lubbuun namaa badee guyyaa sagaliin booda warri lubbuun namaa harkatti bade lammiifi maanguddoota naannoo waammatanii halkan sagaliif warra du’eef sagadu ykn kadhatu.

Sagadni erga raawwateen booda gumaa akka bitaniif gosni warra ajjeesee abbaa bokkuufi kallacha, ayyaantuu, bokkuufi caaccuu baasanii akkasumas farda luugamaan baasu. Maanguddoota ammoo gosoota Oromoo ollaa gosoota lamaan wal dhabanii sanaa jirataaniin kan dubbatamu ta’uu jaarsoliin ni himu. Haala kanaan hanga gaafa warri du’e hoodni keessan haadahu jedhaniitti bahanii ni dhaabbatu.

Gaafa hoodni keessan haadahu jedhanii raada arrab-saaqii jedhamtu kan ilkaan cabsite warra du’eef kennanii gara gumaa dubbachuutti seenama.

Hooda bahe diduun hindanda’amu. Hooda bahe yeroo tokko tokko warri du’e aariirraa kan ka’e ni didu. Haata’u malee akka aadaa Oromootti hoodni bahe safuudha, waan guddaadhas.

Hayyootni Oromoo seeraan hoodni safuufi sodaatamaa akka ta’u durirraa tumamee ittiin dhimma bahamaa jiraachu himu. Kanaaf Oromoon hooda isatti bahe ni deessisa malee diduu hin danda’u. Yoo dide immoo abaarsa qaba.

Namni hooda isatti bahe dide abaarsa maanguddootiif waan saaxilamuuf akka karri isaas ta’ee namnisaa nagaa hin argannetti amanama. Kana qofaa osoo hintaane, qotee callaa hin argatu, sanyiin hinmarguuf. Yeroo dhiyoo as garuu gatiin horii olka’uun daangaa kaawwameen ol waan ta’eef raadni arrab-saaqii kun gara qarshiitti jijjiiramtee qarshii 1,000 akka kafalan taasifamaa jira.

Qarshiin kunis qacamaa gosaa kan jedhamu yoo ta’u, warri firri jalaa du’e warra fira ajjeese haaloo ba’uuf eeggatanii miidhaa irraan akka hingeenyeefi isaanis dabalanii lubbuu akka hinbaafneef gosoota warra du’ee hundaaf kan qoodama.

Warri namni jalaa du’e erga qacamaa gosaa fudhatanii booda jaarsoliin gosa lachuu gidduu seenanii sababa gadda itti gale kanaan warri firri jalaa du’e baasii baasaniifi waldhabdee jarreen lamaan gidduu jiru qoratanii baasuun baasii bahe warri ajjeese akka deebisu taasisuun walii galchanii gara bokkuu migira bakkeetti lukaafi lukee gama lachuunuu akka walii kennan ergu.

Olitti akkuma eerame, gumaa lubbuu murteessuun kanfalchiisuu keessatti jaarsoliin biyyaa qooda haa qabaataniyyuu malee, Abbootiin Gadaa garuu qooda olaanaafi aangoo guddaa qabaatu.

Murtiin gumaa abbootii Gadaafi abbaa bokkuutiin murtaa’a waan ta’eef namoonni kun gumaa walbituuf yoo gara kana dhufan karaa jaarsolii biyyaafi lammiisaaniitiin waliigaltee isaanii fudhatanii dhufu. Abbaan Bokkuus waliigaltee isaanii ilaalee “gumaaf dhuftanii? baasii keessan, qacamaa keessaniifi dabdee keessan fudhattaniittuu?” jedhee warra miidhaan irra gahe gaafatu.

Eeyyee yoo jedhan gara sirna hanxaxii cabsaatti isaan ergu. Yoo hinfudhanne ta’e immoo dura baasii isaanii, qacamaa isaaniifi dabdee isaanii fuudhaniifi guyyaa hanxaxii cabsaatti beellama qabuufi.

Guyyaa hanxaxii cabsaa kana gosti namni jalaa du’eefi warra ajjeesee lukaafi lukee isaanii qabatanii “kan ajjeese gumaa baasa, bakka isaan hingahiin jedhan hingahu gumaa kee nan baasa hinhanbisu” jedhee kan itti kakatuufi warri namni jalaa du’es “har’aa kaafnee gumaa keenya fudhanna malee haaloo hin baanu. Bakka nuti si dhoowwine hin geessu malee haaloon si hin eeggannu” jedhanii guyyaa itti kakuun raawwatamee nageenyiifi tasgabbiin gosa lamaan gidduutti bu’uudha.

Guyyaan kun Sirna Gumaa baasuu keessatti guyyaa murteessaadha. Guyyaa hanxaxii cabsaa kana lukaafi lukeen gosa lachanuu hanxaxii gogaa 16 harkatti qabatanii kakuu akka armaan gadiitti raawwatu.

“Kun gumaadha, yoon gumaakee balleesse, gumaaniifi balaan (hamaan) natti haa galu; kuni ija ijaan gumaan natti haa galu; inni kuni harkaa harkaan gumaan natti haa galu. Kuni gurraa gurraan natti haa galu; kuni arrabaa arrabaan natti haagalu; hiddii qooqxe, odaa tortorte naa haa godhu; dhama’een, calcalliin, sochootuun, abba torbii daaraa midirii naa haa balleessu.

Afuurri Waaq Arfaasaafi Birraan gufuun sagal, abarreen 44 dachaadhaan na haadhahu. Saree gurraattii, afuura arfaasaa, saree kottollaa naa haa godhu; ani gumaa kee nan baasa. Anis gumaa koo nan fudhadhaa” jechuudhaan guyyaa hanxaxii cabsaa kana gosni lachanuu kakatanii gara Sirna Gumaa baasuutti seenama.

Haala kanaan akkaataa ajjeechaan itti raawwate, otoo itti hin yaadin moo itti yaadeeti ajjeese kan jedhu dursanii abbootiin gadaa adda baasanii waan jiraniif, guyyaa kana namicha ajjeesetti gumaa inni kaffaluu qabu itti murtaa’a.

Gumaa itti murtaa’e kanas kaffalee of irraa akka xumuru yeroo qabameef keessatti lammiisaarraa hirphatee kaffala.

Qabeenya amma fedheyyuu yoo qabaate manaa kaffaluu hindanda’u hooda. Guyyaadhuma kana yeroo kam keessatti akka kaffatee xumuratuufi guyyaa sirni harka dhiqaa raawwatamus ni murtaa’a. Haala kanaan gara gumaa baasisuutti seenamee miidhamaan kaafamee miidhaan itti adabamee dhugaan bakkatti deebi’a jechuudha.

Sirni haqni bakka dabdetti akka deebitu taasisee nama balleesse adabuu qofaa osoo hintaane, gumaa irraa eeggamu kanfalee gara hariiroo dura tureetti deebi’an taasisu kun, sirna kennaa haqaa filatamaa waan ta’eef ammas cimee itti fufuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You