Mari’ataatu daandii dheeraa waliin imala

Tulluu waldhabdee barootaa dhidhimsuuf Itoophiyaan marii biyyaalessaaf onnattee ka’uunshee Itoophiyaanotatti abdii jireenyaa horeera. Bu’aa ce’ii hedduu booda boqonnaan marichaa Finfinneetti gara ajandaa marii walitti qabuutti ce’uunsaa magaalattii carra qabeettii ishee taasisa.

Garaagarummaa yaadaa diigumsa biyyaaf sababa ta’e furuuf hundeeffama Itoophiyaa as tarkaanfilee hedduun hojiirra oolaniiru. Keessattuu humnaan garaagarummaa furuufi yaada lammiilee ukkamsuun tarkaanfiin humnaa fudhatamaa ture tasgabbii fiduurra dhibee biyyattii kirkira hamaaf saaxilee ta’eera.

Tarkaanfiin humnaa garaagarummaa barootaa furuuf fudhataman riqa jibbaa ijaaraa as ga’uun ,keessattuu jijjiirama akka biyyaatti mul’ateen waggoota shanan darban keessatti garaagarummaan yaadaa boqonnaa jireenyaaf yaaddessaa ta’etti ce’uu danda’eera. Jijjiiramaan walqabatee bal’achuun dirree diimokiraasii yaada ukkaamamee tureef aduu bilisummaa ta’eera. Namni hawaasaafi biyyasaaf bilisummaan akka tajaajiluuf taasifameera. Hidhamtoonni siyaasaa garaagarummaa yaadaan hidhamurraa bilisa ba’uu bira darbee kan biyyaa baqataniifi duuti itti murtaa’ee araaraafi dhiifama argataniiru.

Ta’us rakkoon biyyattii rakkoo barootaa waan ta’eef dirree diimokiraasii bal’ate garaa bal’ina uumuu hin dandeenye. Yaada ofii bilisummaan ibsachuun akkuma jirutti ta’ee namuu kabaja wal dhowwuufi seera kabajuun hafee jibba sanyummaan macha’uun cilee walfaaluun dagaagaa dhufe. Waldhiibuu, qe’eerra walbuqqisuufi ajjeechaan lubbuu Itoophiyummaa hin ibsine bakkoota hedduutti raawwatameera. Gara bal’ina mootummaafi ulfaatina taatewwan wal bira qabuun qaamoleen mootummaa akka dadhabaatti lakkaa’uun biyya diiguuf wixxirfatanis heddummachaa dhufan. Ajjeechaa qondaaltotaafi namoota bebbeekamoo dabalatee tarkaanfiin biyya diiguu bal’inaan fudhatameera.

Gara bal’inaaf malee mootummaan dadhabaafi fedhiin biyya diigsisu akka hin jirree mul’isuuf mootummaa olaantummaa seeraa kabachiisuu akka danda’u itti mul’iseera. Qaamolee “Nuun alatti biyyi qilee haa seentu” jedhanii diigumsaaf ka’an hunda tolaanis lolaanis adaba qabsiisuuf mootummaan daandii fagoo imaluu danda’eera. Egeree Itoophiyaafi Itoophiyaanotaaf falli jiru marii qofa ta’uu Koomishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuun kutannoo mariitti amanuusaa mul’iseera.

Lammiileen Itoophiyaa daandii dheeraa waliin imalanii dhufan jireenya hiika qabu caalaatti waliin jiraachuuf fedhii isaan marii biyyaalessaaf qaban olaanaa ta’uu Koomishiniin Marii Biyyaalessaa yeroo garaagaraa ibsaa tureera. Ummatni kaleessa osoo humnaan cafaqamuu waliin jiraataa ture mirgi walqixxummaafi obbolummaa kabajamnaaniif jaalalaan waliin jiraachuun biyyasaa guddisa.

Biyyootni addunyaa rakkoo walxaxaa hanga duguuggaa sanyiitti geesse keessaa ba’uun guddina roga maraan fakkeenya ta’an mariifi marii qofaan. Ruwaandaan waldhabbii duguuggaa sanyii lammiilee miliyoonatti hiiqanii keessummeessuun ammaan tana tokkummaa jabaan biyya jabduu ijaaruurratti argamti. Afrikaan Kibbaas waldhabbii ummata adiifi gurraacha gidduutti mudate mariin goolabdee araaraan bira taruun har’a Afriikaa keessatti biyya jabduu qabaachuu danda’aniiru. Itoophiyaanis waldhabbii barootaa furuuf yeroo dhumaaf kutannoon kaateetti.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You