“Manni Murtii Olaanaa Shaggar naamusa ogummaa ofiisera seeraan, haqni maallaqaan akka hinsharafamne moosaajiin hordofa” – Obbo Kumalaa Buusaa (Pirezidaantii mana murtichaa)

Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Lakkoofsa Danbii 233/2015n kan hundaa’e yoo ta’u, hawaasni aanaaleefi kutaalee magaalaa Shaggar hunda keessa jiraatu tajaajila murtii haqa qabeessaafi si’ataa akka argatu taasisuuf kan dhaabatedha.

Tajaajila mana murtii idileen cinaatti mana murtii aadaa aanaalee hunda keessatti hundeessuun Oromoo dabalatee sabootni biroo Magaalaa Shaggar keessa jiraatan dubbiirraa misoomatti akka deebi’an gochaa jira.

Sochiin kenniinsa tajaajila seeraa idileefi aadaan jiru maal fakkaata? haqni haqaan deebi’uu osoo qabuu abbootiin seeraa naamusaan ala maallaqaan haqaaquuf yaalan waan jiraniif tajaajilli seeraa haqa qabeessa kennuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru maal fakkaata? Isa jedhuuf Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Obbo Kumalaa Buusaa keessummaa Gaazexaa Bariisaa torban kanaa taasifanneerra.

Kenniinsa tajaajila seeraa waliigalaa Shaggaritti kennamaa jirurratti xiyyeeffachuun gaafdeebii Obbo Kumalaa waliin taasisne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra oluma nooraa kunooti.

 

Bariisaa: Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar yoom hundaa’e?

Obbo Kumalaa: Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar bu’uura danbii lakkoofsa 233/2015 kan hundaa’e yoo ta’u aanaaleefi kutaalee magaalaa hunda keessatti tajaajila seeraa kennaa jira.

Manni murtichaa gurmaa’ina bu’uura labsii laakkoofsa 2016/2011 baheen aangoofi hojii manneen murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuuf baheen tajaajila abbaa seerummaa kan kennudha.

Kenniinsi tajaajila seeraa haqaaf haqa qofa giddugaleeffatee murtee kennamu yoo ta’u, bu’uura naamusa seeraan akka Magaalaa Shaggaritti haqni haqaan malee maallaqaan kan hinsharafamne akka ta’uuf humna guutuun hojjetaa jira.

Bariisaa: Kayyoon hundeeffama Mana Murtii Magaalaa Shaggar maaliidha? Maalis hojjechaa jira?

Obbo Kumalaa: Hundeeffamni Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar Magaalaa Finfinnee keessatti dhimma dantaa naannoo Oromiyan walqabatanirratti aangoo abbaaseerummaa kan qabu, Mana Murtii Aanaa tokko (Mana Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee) hundeessuun tajaajila abbaa seerummaa kennaa jira.

Bariisaa: Caasaan gurmaa’ina mana murtichaa maal maalidha?

Obbo Kumalaa: Manni Murtii Magaalaa Shaggar kun murtiin akka hindabne haqni abbaa haqaaf ejjennoo jedhuun dhugaaf kan dhaabate yoo ta’u, Mana Murtii Olaanaa tokkoofi Manneen Murtii aanaalee, kutaalee magaalaa 12fi magaalaa Finfinneerratti ammoo Mana Murtii Aanaa tokkoo hundeessuun hojjetaa jira.

Bariisaa: Kenniinsi tajaajila seeraa idileerratti yakkiifi dhimmoonni furmaata seeraa barbaadan irra deddeebiin mudatan maal fa’i?

Obbo Kumalaa: Akkuma beekamu Magaalaan Shaggar Finfinnee marsitee kan jirtu ta’uusheen walqabatee yakki irra deddeebiin ilaalamaa jiru dhimma weerara lafaafi lafa akkasumas hannaa wajjin kan walqabatuudha.

Bariisaa: Mani Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar hundaa’uunsaa keessumaa qonnaan bulaan lafasaarraa akka hinbuqqaaneef waan hojjete yoo jiraate?

Obbo Kumalaa: Manni murtii kun hunda’uunsaa keessumattuu saamichaafi malaanmaltummaa lafa qonnaan bulaarratti qaqqabaa ture maqsuu, to’achuufi olaantummaan seeraa akka lafa qabatu taasisaa kan jiru yoo ta’u, wabii lammiilee ta’ee tajaajilaa jira.

Kanamalees lammiileen haqa haqaan akka argataniif amalli fafee maallaqaan haqa sharafuuf yaalamu akka maseenuuf Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar aantumman hojjeta. Yeroo ammaa saamichi lafaa seeraan alaa, hanniifi yaaliin haqa maallaqaan argachuuf taasifamu hafaa jira.

Bariisaa: Dhimmoonni lafaan walqabatanii keessummaa’aa jiran kunniin maal fa’i?

Obbo Kumalaa: Weerarri lafaa jira, lafa tokkorratti namoota garaa garaaf kaartaa kennuufi aangoo dahoo godhachuun saamicha lafaa geggeessuun yakkoota lafaan walqabatanii darbanii darbanii mul’achaa jiraniidha.

Bariisaa: Yakkoota dhimma lafaan walqabatanii magaalaa Shaggaritti mudachaa jiran seeraan furuufi murtii haqa qabeessa akka argataniif xiyyeeffannoon jiru maal fakkaata?

Obbo Kumalaa: Ogummaan seeraas ta’e naamusnisaa kenniinsi tajaajila haqaa haqa qabeessa ta’e abbaa haqaaf akka deebi’uu qabu waan akeekkachiisuuf hamma danda’ametti murtiin qulqulina qabu hojiirra akka oolu taasifamaa jira.

Bariisaa: Falmiifi murtiin darbu iftoomina akka qabaatuuf haqa dabsuun akka hinmudanneef falli taa’e yoo jiraate?

Obbo Kumalaa: Itti fayyadamni teknolojii walfalmiin ifaaf ifatti gaggeeffamu hojiirra ooleera. Haqni akka hindabneefi maallaqaan akka hinsharafamneef teknolojii kanaan hordofama. Kanamalees ofiiseroota naamusaa hundeessinee haqni akka hindabne dhugaan abbaa haqaaf akka deebi’u hojjetaa jiru.

Inispekshiniin ykn hordoffiin yeroorra yerootti gaggeeffamu komii, qeeqaafi alseerummaa mudatan sakatta’uun qaama kamirrattuu olaantummaan seeraa akka fudhatamu taasifamaa jira.

Bariisaa: Ga’een hojii Ofiisera naamusaa maalidha?

Obbo Kumalaa: Akkuma qondaala naamusaa abbaan seeraa ykn abbaan murtii haqa dabsee yoo argame ykn ammoo maallaqaan haqaaqee yoo argame hordoffiifi qorannaa gaggeessuun itti gaafatamummaa akka fudhatu kan taasisaniidha. Gabaabumatti alseerummaa murtii dabsuun walqabatee mudatu maqsuufi hordoffiifi deggarsa kennuuf kan dhaabataniidha.

Bariisaa: Dhaddachi lafaan walqabatu kun irra jireessaan dhimma qonnaan bulaafi lafasaan walqabatan ilaala, qonnaan bulaan yaadasaa sirriitti ibsachuu wayita dadhabutti kenniinsi tajaajila seeraa tola kennamuuf yoo jiraate?

Obbo Kumalaa: Dhugaa dubbachuuf qonnaan bultootaafi harka qalleeyyii yaadasaanii ibsachuu hindandeenyeef tajaajilli seeraa tola kennaamafii jira.

Tajaajilli kun baasii kan isaan hingaafanne kanamalees haqnisaanii yaadasaanii ibsachuu dhabuufi maallaqaan akka hindabneef deggarsa ogummaa kennamudha. Sochiin kun abbootiin dhimma haqnisaanii akka jalaa hin ukkaamfamne deggarsa ogummaa seeraa kennuun tajaajila seeraa tolaan akka argatan taasisaa jira.

Gabaaabumatti abbootiin dhimmaa beellama qaban gara mana murtiitti wayita dhufanis dabareensanii akka isaan jala hindabarreef koreen dhimmasaanii kana hordofee abbootii dabaree sa’aatii isaaniif ramadameen bakka itti keessumma’anitti maqaasaanii waaamuun akka of qopheessan bakka itti barbaadaman agarsiisuuf burjaajiin akka hin uumamne gargaaru.

Kanamalees abbootiin dhimmaa haqa haqaan malee maallaqaan akka hinbitanneef yoo hojmaanni fafee akkanaa isaan mudatemmoo bilbila tolaan eeruu kennuun hanna isaanirrra qaqqaburratti akka qabsaa’aniif manni murtichaa kutannoon hojjetaa jira.

Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar “haqni haqaan malee, maallaqaan hinsharafamu” kutannoo jedhuun tajaajila seeraa si’ataa, qulqullina qabuufi teeknolojiin deggarame akkasumas hawaasa murtee haqa qaabeessa barbaaduuf wabii kan ta’u waan ta’eef hojmaata badaafi harkaqalleeyyii dhugaan jalaa haqaaqameef kan dhaabatudha.

Bariisaa: Abbootiin seeraa haqa maallaqaan jijjiiran hinjiranii laata? Dhugaa kan dhoksan faallaa naamusa ogummaa kan hojjetan seeratti dhiyeessaa jirtu yoo ta’e?

Obbo Kumalaa: Abbootiin seeraa haqa maallaqaan sharafan jiru, isaan kana kan hordofus jira, kanamalees eeruu kallattii gara garaan nuuf kennamuunis duukaa buunee seeratti dhiyeessaa akkaataa badiisaaniitiin tarkaanfii fudhataa jirra, kun boris itti fufa.

Hordoffii gama kanaan taasifameen ragaa qindeessuun tarkaanfii akeekkachiisa barreeffamaa hanga hojiirraa gaggeessuutti kan irratti fudhatame jira. Dhugaa dubbachuuf uummata dhugaan jalaa badee dhugaa barbaacha dhufe dhugaasaa dhoksuun, haqasaa maallaqaan haqaaquun naamusa badaa seeraanis seenaadhaanis fudhatama hinqabnedha.

Abbaan murtii dhugaaf dhaabatee dhugaaf falmee fakkeenya ta’uu osoo maluu naamusa faallaa ogummichaa dhaabachuun sirrii miti, seeraanis waan nama gaafachiisuuf waan akkasiif har’as borus obsa hinqabnu.

Bariisaa: Murtee darburratti komiin loogiin akka hinmudanneef ittifayyadamni teknolojii hordoffiin itti taasifamu hojiirra oole yoo jiraate?

Obbo Kumalaa: Kenniinsi tajaajila mana murtii Shaggar dijitaala ykn teknolojiin kan deggarameedha jechuun nidanda’ama. Falmii guyyaa guyyaan taasifamu, murtee darbuufi sochiileen guyyuu karaa diijitaalaa hordofamu.

Ani fakkeenyaaf biiroo koo keessa taa’een sochii mana murtii Shaggar keessa jiru mara nan hordofa, alseerummaan, hanni, haqa dabsuun kan calaqqisu taanaan salphaatti to’atamuu danda’a jechuudha.

Gabaabaatti deddeebiifi baasii humnaa olii kanamalees kenniinsa murtiirratti beellama har’aa boruun dheeratuun dhamaatee qaqqabu hir’isuuf falli itti fayyadama teknolojii moosaajii hundaa’uun mana murtii aadaa Shaggar keessatti shoora olaanaa taphataa jira.

Bariisaa: Abbootiin dhimmaa beellamasaanii karaa diijitaalaa akka hordofatan sa’aatii walfalmii bakka dhaddachaa akka beekaniif deeggarsi taasifamu jiraa laata? Abbootiin dhimmaa tarii dubbisuufi barreessuu yoo hindandeenye akkamiin deggaramu?

Obbo Kumalaa: Koreen dhimma abbootii dhimmaa kana karaa dijitaalaa hordofee beellamasaanii guyyaa falmiifi sa’aatii isaan beeksisu jira. Guyyaan beellamasaaniifi sa’aatiinsaa isaanitti himama, maqaa abbootii dhimmaa dijitaalaan dubbisuun bakki dhaddachaa eessa akka ta’e isaan beeksisuun tajaajila tolaa kan kennan hojiirra jiru.

Kanarraa kan ka’e dhamaatiin abbootii dhimmaa dubbisuu dhabuun, afaan wallaaluun mudatu hir’ataa jira. Gabaabaatti faddaalaan abbootii dhimmaa burjaajessuu, maallaqaan haqasaanii dabsuuf yaaluun hir’ataa jira. Isa kanaaf immoo humna kan ta’e hojiirra oolmaa tajaajila kenniinsa seeraa dijitaalaa Shaggar keessatti hojiirra ooleedha.

Bariisaa: Itti fayyadamni moosaajii manneen murtii magaalaa Shaggar keessa jiranirratti hojiirra ooluunsaa faayidaa akkamii qaba?

Obbo Kumalaa: Tajaajiloonni diijitaalaa moosaajiimmoo abbootiin dhimmaa oliyyannoo kan qaban yoo ta’e, manneen murtii sadarkaa sadarkaan jiran teknolojii kanaan ragaalee barbaachisoo akka walii dabarsan kan taasisuudha.

Dhimmi seeraan qabame tokko mana murtii tokkorraa isa biratti moosaajiin yoo daddarbu ragaaleen qabxiileen jalqabaa kaasee hanga oliyyannoon kennameetti qindaa’an kallattiin mana murtii oliyyannoon itti gaafatameetti waan dabarfamaniif hojii salphisu jechuudha.

Bariisaa: Manni murtii aadaa akka Oromiyaatti hojiirra akka oolu taasifamuun niyaadatama, akka Shaggaritti maalirra jira laata?

Obbo Kumalaa: Tajaajilli mana murtii aadaa aanota magaalaa Shaggar 36 keessatti hojiirra ooleera, kanamalees tajaajila eegaluun uummanni dubbiirraa misoomatti akka deebi’u godheera.

Bariisaa: Tajaajilli mana murtii aadaa kun hawaasaaf bu’aa akkamii qaba?

Obbo Kumalaa: Baasii humnaa olii, karaa fagoo deemanii walfalmuu, qisaasa’ina yeroo deddeebii maqsuun gaaddisa seeraa balbala ofiitti argamutti tajajaila seeraafi murtii qaamota walfalmu lamaan qixa gammachiisu dabarsuun hawaasni dubbiirraa gara misoomaatti akka deebi’u kan godhudha.

Gama kanaan dhamaatiin dhimmamtootaafi abbootii seeraa kan salphate yoo ta’u, tajaajilichi hawaasa biratti fudhatamummaa guddaa argateera. Akka magaalaa Shaggaritti bara kana dhimmoota seeraan qabaman 3,368 keessaa 2,890 ykn dhibbantaan 85 mana murtii aadaan furamuu danda’aniiru.

Bariisaa:Tajaajilli manaa murtii aadaa kun qulqullinarratti maal fakkaata? Hordoffiin taasiftanis maal fakkaata? Tarii loogiin achitti mudachuu hindanda’uu laata?

Obbo Kumalaa: Dhugaa dubbachuuf tajaajilli mana murtii aadaa kun ilaaf ilaameen kan furamu yoo ta’u, kan idileerra fudhatamummaa guddaa argataa jira. Sababnisaas murtiin kennamu inni miidhes inni miidhames karaa walitti hinbuuneen jibba hir’isee jaalala waloosaanii itti fufsisuun kan raawwatudha.

Aadaan waldhabdee ilaaf ilaameen xumuruu kun tokko miidhamaa tokko miidhaa godhee kan gaggeessu osoo hintaane lamaanuu qixa tajaajila argachuun araarri bu’ee hariiroon hawaasummaa ganamaa akka deebi’u kan taasisudha.

Bariisaa: Manni murtii aadaa ba’aa mana murtii idileerra jiru furuu keessatti shoora attamii taphataa jira laata?

Obbo Kumalaa: Manni murtii aadaa ba’aa mana murtiii idileerra jiru irra jireessaan maqsaa jira. Kanamalees filannoon abbootii dhimmaas mana murtii idilee caalaa kan aadaa ta’aa jira, deddeebii, dhamaatii baasii humnaa oliirraa isaan baraareera.

Kanamalees namoota walfalman jibbaan kan adda baasu osoo hintaane haa hafuutiin dhugaa abbaa dhugaaf deebisuun araara buusuun hariiroo hawaasummaa adda cite bakkatti kan deebisu waan ta’eef filatamaadha.

Bariisaa: Manni murtii aadaa tajaajila kennu kanaaf faayinaansiin bakkatti barbaachisu jiraachuu danda’a gama kanaan falli taa’e jiraa laata?

Obbo Kumalaa: Manni murtii aadaa hawaasni dubbii fixuun misoomatti akka deebi’uuf kan hojjetu yoo ta’u, hojii gama kanaan gaggeessu si’eessuufis ta’e murteen darbu qabatamaa akka ta’uuf ragaaleesaanii waraqaafi barreeffamaan qabachuu malu yaada jedhuun galii maddisiisuu akka qaban taasifamaniiru.

Hojii hojjetan kanaanis galiin akka argamu tasisuun danda’ameera. Galii achii argamus nagaheen bahuufi galuu akka qabu dabalataanis murtee abbootii gaddisa seeraan darbu barreeffamaan taa’uu akka qabu kan taasifame yoo ta’u, murtee darbu namoota barreessaniif carraa hojiillee uumee jira.

Bariisaa: Manneen murtii aadaa iddoo garagaraatti bakkeefi odaa jalatti gaggeeffamaa jira. Kunimmoo hojiirratti rakkoo fiduu waan danda’uuf giddugala kenniinsa tajaajila seeraa mijeessuuf kallattiin taa’e jiraa laata?

Obbo Kumalaa: Dhimma kana wajjin walqabatee akka Shaggaritti xiyyeeffannoo laannee giddugalli mana murtii aadaa akka jiraatu hojjetaa jira. Murteen darban barreeffamaan akka taa’an erga goonee mankuusni ragaaleen itti oltaa’aniifi dhaddachi mana murtii aadaas akka ijaaramu ta’eera.

Shaggar keessatti ijaarsi mana murtii aadaa aadaa uummataa kan giddugaleeffate, duudhaa uummataa karaa eegeen ijaaramaa jira, gama kanaan magaalaan Shaggar fakkeenya taati jennee yaanna. Yeroo muraasa booda kutaa magaalaa hunda keessatti ijaarsisa raawwatee tajaajilaaf oola jennee abdanna.

Bariisaa: Shaggar magaalaa Oromoo taatus sabaaf sablammiin gara garaa achi keessa jiraatan tajaajila mana murtii aadaa kana fayyadamaa jiruu laata?

Obbo Kumalaa: Manni murtii idilee sabaaaf sablammii Shaggar kessa jiraatan hundaaf akkuma hojjetu kan aadaas hundaaf dhaabata. Dhugaa dubbachuuf loogii tokko malee hunduu tajaajila seeraa madaalawaa ta’e kan itti argatan qixaan kna itti keessummeeffamaniidha malee sabaan kan qoodame miti.

Manni murtii magaalaa Shaggaris imaanaa mootummaan isatti kenne galmaan gahuuf akkasumas aantummaa abbootii dhimmaa sabaaf sablammiilee achi keessa jiraatan qixaan tajaajiluuf kanamalees deddeebbiifi dhamaatii maqsuuf misooma mana murtii aadaarratti xiyyeeffatee hojjetaa kan jiru waan ta’eef filatamaadha.

Bariisaa: Komii qeeqa ykn kenniinsa tajaajilaan walqabatee haqni dabe akka sirratuuf kanamalees xiyyeeffannoo akka argatuuf akkaataa eeruun itti kennamu mijateeraa laata?

Obbo Kumalaa: Eeyyee hordoffiin teknolojii diijitalaan taasifamu akkuma jiru ummannis qeeqaaf komii tajaajilarratti qabu ibsachuuf karaa bilbila tolaa akkasumas ergaa gabaabaan eeruu kennuu danda’a.

Qindoomina teknolojii, deggarsa ogummaa tolaa, eeruu kennuun, manni murtii aadaa hundaa’uun amaloonni hannaafi haqa maallaqaan dabsuuf yaalaman akka furaman gochaa jira.

Bariisaa: Abbootii dhimmaa tokko tokko wayita dubbisnu tajaajilli mana murtii aadaa daran filatamaa jira jedhama, innis haqni maallaqaan akka hinhaqaaqamne godha jedhamee waan abdatamuufidha jedhu, isinoo maal jettu?

Obbo Kumalaa: Akkuman dura siif kaase manni murtii aadaa beellamaa dheeraa mana murtii idilee keessatti abbootii dhimmaa baasii hinmalleen dararaa ture kan baraaredha. Abbootiin dhimmaa lamaanuu murtii itti quufinsa qabuun kan itti gaggeeffaman, jibbi kan maqfamu tokko injifataa inni biraammoo injifatamaa kan itti ta’u waan hintaaneef daran filatama.

Gama biraanimmoo gaaddisa seeraa odaa jala taa’anii haqa dabsuun haraamadha, dhalaaf golaaf Waqaafi lafaarratti fudhatama kan hinqabne waan ta’eef dhugaa dabsuurra lamaanuu walyakkuu itti himuun ilaaf ilaameen gorsaan walfalmii bara lakkoofsise yeroo gabaabduu kessatti xumuratu.

Kanarraa kan ka’e qaamonni walfalman hedduunsaanaii dhimmasaanii gara mana murtii aaadaatti naanneffataa jiru, yeroo gabaabaa keessattis xumurataa jiru, kun aadaafi duudhaa jajjabeeffamuu malu ta’uusaan giddugalli mana murtii aadaa akka ijaaramu galiis akka maddisiisatan, murtee dabarsanis barreeffamaan akka olkeewwatan taasisuun ammaan tana sadarkaa carraa hojiillee uumuurra gahuu danda’aniiru.

Bariisaa: Haqni akka hindabneef dhugaan abbaa dhugaaf yaada jedhuun itti fayyadamni teknolojii hundaahuun mana murtii aadaa sochii gaariirraa jiraachuu keessan agarsiisa, hudhaan mana hojichaa qormaata hojjettootaa ta’e mootummaan ilaalamuu qaba jettan maalidha?

Obbo Kumalaa: Hojjettoonni keenya dadhabe mudhuke osoo hinjedhin tajaajila si’ataa kennuun hawaasasa tajaajilaa jiru. Haaata’u garuu manni hojichaa dhiyoo hundaa’uun walqabatee rakkoo mana jireenyaan miidhamaa jiru. Dhimmi kun birmannaa mootummaa osoo argate gaariidhan jedha. Kun ta’us hawaasa keenya tajaajiluufis ta’e ergama nutti kenname milkeessuuf humna guutuun hojjenna.

Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif galatoomaa.

Obbo Kumalaa: Isinillee galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 20160

Recommended For You