Obbo Saahilee Bartaa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Guraagee, Aanaa Imidbir, Magaalaa Imidbir jiraatu. Obbo Saahileen hojjetaa mootummaa turan. Yeroo ammaa soorama bahanii maatii isaanii waliin waldaan gurmaa’uun hojii loowwan aannanii horsiisuurratti bobba’anii jiru. Lafa bulchiinsa magaalaarraa fudhatanirratti mana loowwan aannanii keessatti horsiisan ijaaranii hojiitti seenanii jiraachuu dubbatu.
Obbo Saahileen dhiyeenya kana garee Gaaxeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, hojii loowwan aannanii horsiisuu bara 2013 jalqaban. Yeroo sana Baankii Oomoorraa qarshii kuma 150 liqeeffachuun goromsoota sanyii fooyya’aa bituun hojii jalqaban. Yeroo ammaa loowwan aannanii jabbiilee waliin 12 ta’an qabu. Kanneen keessaa ja’a elmamaa jiru. Loowwan kunneen sirriitti sooruufi kunuunsuun bu’aa gaarii irraa argachaa jiru. Bu’aan loowwan kunneen irraa argatan wabii nyaata maatiisaanii mirkaneessuurra darbee madda galii ta’eefii jira.
“Bulchiinsi aanichaafi magaalattiis deggarsa barbaachisu nuuf taasisaa jiru. Ogeessonni fayyaa beelladootaas guyyaa mitii halkan yoo nuti waamnellee dhufanii nu gargaaraa jiru. Loowwan aannanii akka daa’imaatti eegumsaafi kunuunsa barbaadu. Loon akkuma fedhii kormaa agarsiisaniin mixxiqqeessuurratti garuu hanqinni naayitiroojiinii yeroo baay’ee nu mudata. Loon tokko akkuma fedhii kormaa agarsiifteen mixxiqqeessuu baannaan marsaa isa itti aanu eeguun dirqama ta’a. Yeroo loowwan itti fedhii kormaa agarsiisan mixxiqqeessuu baannaan marsaa itti aanu eeguun dirqama ta’a. Yeroo loowwan itti mixxiqqeeffaman daddarbaa deemuun bu’aa loowwan irraa argannurratti dhiibbaa guddaa uuma.” jedhu.
Obbo Saahilee omisha aannaniitiin wabii nyaata maatiisaanii mirkaneessuurra darbanii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii, omisha aannanii kana haadholii ijoolleesaaniitiif aannan kireeffataniifi mana shaayiifi mana urgootti gurguraa jiru. Aannan liitirii tokko naannawaatti qarshii 60n gurguraa jiraachuus himaniiru.
Magaalattiitti loowwan aannanii bal’inaan horsiifamaa waan jiraniif gara fuulduraatti gabaa aannaniirratti sodaa qabna. Rakkoo gama kanaan mudachuu malu furuudhaaf warshaan aannan qindeessu utuu ijaaramee gaariidha. Utuu warshaan kun ijaaramee nutis hojii horsiisa loowwanii kana caalaa babal’ifnee hojjechuu dandeenya jedhu.
Loowwan qaban keessaa torba rimaa ta’uu himanii, hojii kana babal’isnee hojjechuuf sodaa gabaa aannanii waan qabnuuf jabbiilee keenyallee gurguraa jirra. Bu’uuraalee misoomaa kanneen akka elektirikii, daandii, bishaanii babal’isuunis hojii dagatamuu hinqabneedha. Rakkoo elektirikii isaan mudatee jiru furuun humna bulchiinsa magaalattiifi aanichaatii ol waan ta’eef qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata akka isaaniif kennuuf gaafataniiru.
Magaalattiitti yeroo ammaa waldaaleen horsiisa loowwan aannaniirratti hirmaatan baay’een jiraachuu himanii, loowwan horsiifamaa jiranis omisha aannanii fooyya’aa kennaa jiru. Loon tokkorraa guyyaatti aannan hanga liitirii 22tti argachaa jiraachuus eeraniiru.
Nyaata beelladootaa qindaa’aa Yunivarsitii Walqixxeerraa bitanii ittifayyadamaa jiraachuufi akkasumas omishanii haamanii tuuluun ittifayyadamaa jiraachuu himanii, gatiin nyaata beelladootaa qindaa’aan ol ka’us filannoo biraan hinjiru. Omisha aannanii fooyya’aa argachuuf nyaata beelladootaa qindaa’aa bituun dirqama ta’uus eeraniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Imbidr Obbo Tsaggaayee Shuumee akka jedhanitti, maaddii guutuun walqabatee magaalattiitti hojiilee qonna magaalaa garaa garaatu raawwatamaa jira. Isaan keessaa tokko horsiisa loowwaniiti. Hojiileen qonna magaalaa raawwatamaa jiran wabii nyaata maatii mirkaneessuurra darbanii madda galii ta’uun bu’aa guddaa argamsiisaa jiru. Yeroo ammaa magaalattii keessa waldaaleen 20 ol hojii loowwan aannanii fooyya’oo horsiisuurratti hirmaatanii jiru.
Magaalattiitti giddugaleessaan guyyaatti loon tokkorraa aannan liitirii 22 ol argamaa jiraachuu himanii, loowwan guyyaatti aannan liitirii 32 kennanis jiru. waldaalee horsiisa loowwan aannanii sadii keessatti loowwan jabbiilee lama lama dhalatan jiraachuus eeraniiru.
Itoophiyaan horii gaanfaatiin sadarkaa ardiifi addunyaatti beekamtuu taatus bu’aa damee kana irraa argattuun ammoo duubatti haftuu ta’uu himanii, horsiisa loowwaniirraa bu’aa barbaachisu argachuuf hojii sanyii loowwanii fooyyessuurratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira. Hojii waggoota lamaan darban keessa raawwatamaniin loowwan kuma tokkoofi 154 mixxiqqeessuun kan danda’ameera. Loowwan mixxiqqeeffamaniifis to’annoofi hordoffiin barbaachisu taasifamaafii jiraachuu eeraniiru.
Horsiisa beelladootaa keessatti nyaataafi fayyaa isaanii eeguufi sanyii fooyyessuun baay’ee barbaachisaa ta’uu himanii, fayyummaasaanii eeguuf dursanii akka talaalaman ta’aa jira. Yoo akka tasaa dhibeen qabamanis dafanii qoricha akka argatan ta’aa jira. Nyaatni beelladootaa qindaa’aan ol ka’aa waan ta’eef waldaaleen horsiisa looniirratti hirmaatan nyaata beelladootaa akka omishaniif lafa kan kennaniif ta’uus eeraniiru.
Godina Guraageetti, Hogganaa Ittaanaa Qajeelcha Qonnaafi Hogganaa Damee Beelladootaa Obbo Mahaammad Muddasir akka jedhanitti, loowwan akka godinichaatti jiran keessaa %23 sanyiinsaanii fooyya’aadha. Waggaa waggaan loowwan %10 sanyiisaanii fooyyessaa deemuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuufi barana loowwan kuma 22 sanyiisaanii fooyyessuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu himu.
Akka godinichaatti waldaalee 60 hojii horsiisa looniirratti, waldaaleen 236 ammoo horsiisa lukkuurratti hirmaatanii jiraachuu himanii, hojiin kanaan lammiileen kuma tokko ta’an carraa hojii argataniiru. Dameen qonnaa carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Kaayyoon keenya inni guddaan wabii nyaata maatii mirkaneessuufi sirna nyaataa madaala’aa ta’e akka argatu taasisuudha kan jedhan Obbo Mahaammad, akka godinichaatti qabeenya aannaniitiin maatiin kuma 120, qabeenya fooniitiin maatii kuma 85, qabeenya lukkuutiin maatiin kuma 69 fayyadamoo ta’aniiru. Kun dargaggoota gurmaa’anii horsiisa loowwan aannaniifi lukkuurratti hirmaachaa jiran kan hindabalanne ta’uu dubbatu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016