Boqojjii hawata turizimii gochuuf

Finfinnee: Ispoortiin hawaasa tokko keessatti jaalalaafi walitti dhufeenyi gaariin akka uumamuufi aadaan walkabajuu akka cimu gochuu keessatti iddoo guddaa qaba. Akkasumas misoomaafi guddina itti fufiinsa qabu mirkanneessuu keessattis ga’een isaa olaanaadha.

Kanaan walqabate bu’aalee misoomaafi guddina turizimii, akkasumas dhimmoota fayyadamummaasaanii mirkaneessaniif xiyyeeffannaa kenuudhaan barana yeroo 3ffaaf walta’insa Waajjira Fiigicha Olaanaa Itoophiyaafi Ministeera Turizimii Federaalaatiin Fiigichi Olaanaa Boqojjii, Godina Arsii, Magaalaa Boqojiitti gageeffameera.

Ministirri Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii Fiigichi Olaanaa Boqojjii Dilbata darbe adeemsifamerratti akka jedhanitti, ispoortiin keessumaa atileetiksiin biyya keenya addunyaarratti beeksisuu keessatti shoora olaanaa taphachaa kan tureeefi jiruudha.

Gootota atileetoota keenya Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Isheetu Turaafi Mahaamadi Kadir yoo kaafnee seenaa Olompikii Itoophiyaa kaasuun keenya hinoolu jedhu Ambaassadar Naasiiseen.

Seenaa kana yoo kaafnu waggoota dhihoo as gootota Boqojjii burqan kaasuun keenya hindagatamu kan jedhan Ambaasaaritiin, keesumaa Komishinarri Gargaartuu Daraartuu Tulluufi Komaandar Faaxumaa Roobaa Itoophiyaa bira taranii Afrikaayyuu dirreewwan olompikiifi shaampiyoonaawwan atileetiksii adda addarratti beeksiisuudhaan Boqojjiin madda atileetota dubartotaa ciccimoo ta’uus eeraniiru.

Faana saanii bu’uudhaan Ijigaayoo Dibaabaafi obbolaanshee Xirunash Dibaabaafi Ganzabee Dibaabaa akkasumas Gooticha Olompikii, shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa, Dorgommii Qaxxaamura biyyaa, Taphawwan Guutuu Afrikaafi Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaatti leenca yoomiyyuu hindagatamne Qananiisaa Baqqalaa, Quxusu isaa Taarikuu Bqqalalaa horachuudhaan addunyaa ajaa’ib kan jechisiisan biqiltuuwwan Boqojjii yaadachuuf qe’ee isaaniiti dorgommii kana yoo qopheesinu gammachuu guddaatu nutti dhagahama jedhu.

Industirii Turizimii babal’isuu keessatti walitti dhufeenya ummataa cimsuuf ispoortiin turizimii meeshaa olaanaadha kan jedhan Ambaasaadar Naasiiseen, gareewwan naannoo Boqojjiitti argaman kanneen iddowwan hawata turizimii gochuuf bulchiinsa magaalaa Boqojjii wajjiin kan hojjetan ta’uus himaniiru.

Kantiibaa Magaalaa Boqojjii Aadde Birihaanee Naggasaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, Boqojjiin iddoo burqaa gootota atileetota biyyaatti. Burqaan kun akka hingogneef qaamoleen dhimmichi ilaallatu ispoortii atileetiksii babal’isuurratti qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Boqojjiin Itoophiyaa bira tartee adunyaarratti kan beekamtu taatus bu’uuraalee misoomaa gahaa kan hinqabne ta’uu himanii, atileetonni gootonni Boqojjiifi naannoosheetii burqan kunneenis qabeenyasaanii iddo biraatti dhangalaasu malee ummatasaaniif hintaane.

Magaalaan Boqojjii Finfinneerraa kiiloo meetira 231 Asallaarraa ammoo kiiloo meetira 56 fagaatus daandii dheeraan Aspaaltii ishee qaxxaamuree gara Baalee dhaqa. Teesumni lafa ishee misoomaaf mijataa, haalli qilleensi ishees jireenyaaf baayi’ee kan namaatti tolu qabaattus misoomaaf garuu carra dhabduudha jedhu.

Magaalattiin umrii dheeraa haaqabaatu malee misoomaan baayee duubatti kan hafeedha kan jedhan Aadde Birihaaneen , iddoowwan oolmaa ispoortii, daandiiwwan ganda keessaa, ibsaafi neetiworkiidhaan rakkoo keessa jirti. Akkasumas Hoteeloota sadarkaasaanii eeggatan tajaajila kenan hinqabdu jedhu.

Bara 2003 Istaadiyoomii ammayyaa sadarkaa isaa eeggate ijaaruuf pirezidaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Abbaa Duulaa Gammadaatiin dhagaa bu’uuraa ka’amus bulchinsa magaalaa qofaan hojjechuuf humni waan hinjireef dalaadhaan marfamee taa’aa jiraachuu himu.

Boqojjiin maqaa qabdi malee misoomaan duubatti haftuudha kan jedhan kantibattiin, abbootiin qabeenyaa keesumatuu ijiooleen naannoosheetii ka’anii addunyaarratti beekamtii qaban fulasaanii nutti deebifachuun misoomaaf harkasaanii akka diriirsaniif gaafataniiru.

Akkasumas qaamooleen biroos keessumaa abbootiin qabeenyaa kottaa misoomaaf harka diriirfadhaa. Nu harka bal’ifnee isin simmannaa jechuudhaan waamicha dhiheessaniiru.

Fiigichi Olaanaa Boqojjii marsaa 3ffaaf Dilbata darbe magaalaa Boqojjiitti adeemsisamerratti namoonni kuma tokkoofi 500 ol hirmaataniiru. Fiigicha kiiloo meetira 12n atileetoota beektoota dhiiraa jidduutti adeemsisameen bara darbe tokkoffaa kan bahe Addisuu Goobanaa baranas tokkoffaa ba’uun mo’atera. Birihaanuu Fayyeefi Amaan Kadir ammoo lammaffaafi sadaffaa ba’aniiru.

Dorgommii dubartoota jiddutti adeemsisameen Tigisti Dajanee, Maskaram Asaffaafi Adaaneech Masfiin walduraa dubaan tokkoffaadhaa hanga sadaffaatti bahaniiru.

Dorgommii baranaa kanatti koorniyaa lamaaniin atiletoonni tokkoffaa bahan waancaafi qarshii kuma 25n, lammaffaan qarshii kuma kudhan, sadaffaan ammoo qarshii kuma shan badhaafamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You