Baankiin Daldalaa Itoophiyaa waancaatti dhiyaate

– Arbaaminciifi Itiyoo Elektirikiin piriimeeritti makaman

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa kan marsaa lammaffaa xumuramuuf taphawwan lama lama qofti yeroo isaa hafutti Baankiin Daldalaa Itoophiyaa waancaa fudhachuuf carraan isaa bal’aadha.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa carraa isaa kan bal’ifate wal morkii Sanbata darbe adeemsifametti Faasiil Kanamaa 1-0n mo’achuudhaani. Sadarkaa lammaffaarratti kan argamu Machaal ammoo gara liigii biyyaaleessaatti gadi bu’uuf rara’aa kan jiru bulchinsa Magaalaa Shaashamannee waliin 2-2n adda ba’uun qabxii qoodatee ba’uun caraan waancaa fudhachuuf qabu harkaa ba’eera.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa qabxii 56n liigicha dursaa kan jiru yoo ta’u, Machaal ammoo qabxii 51n sadarkaa lammaffaarratti argama. Haaluma kanaan shaampiyoona ta’uuf taphawwan isa hafan lamaan yoo mo’ateefi Baankiin Daldalaa ammoo lamaanuu yoo mo’ame malee shaampiyoona ta’uu hindanda’u.

Shaampiyoonaa hanga ammaatti adeemsisameetti Shaashamanneen qabxii 14n, Haambaarichoo Duraamee ammoo qabxii saddeetti qofaan sadarkaa 15faafi 16ffaa irratti waan argamaniif yeroomaan gara liigii biyyaaleessaatti kan gadbu’an ta’a.

Iddoosaanii ammoo barana liigii biyyaaleessaa keessa kan turan kilabni bulchiinsa Magaalaa Arbaaminciifi Itiyoo Elektirik gara liigii piriimeeriitti makamaniiru.

Kilaboonni lamaan gara liigii piriimeerii Itoophiyaatti kan makaman shaampiyoonaa liigii biyyaaleesaa bara 2016 ramaddii lamaan adeemsisamaa turetti lamaanuu ramaddiisaaniirraa tokkoffaa ta’uudhaani.

Haaluma kanaan kilabonni lamaan walmorkii mo’aa mo’attootaa adeemsisameen Kilabni Arbaamincii Itiyoo Elektirik 1-0n mo’achuudhaan abbaa waancaa mo’aa mo’attootaa ta’uun waancaa fudhateera.

Arbaaminci wayita gara naannoosaatti deebi’u pirezidaantiin naannoo Kibbaa Obbo Xilaahuun Kabbadaa magaalaa walaayittaa Sooddootti argamuun kilabichaaf simanaa godhaniiru. Wayituma kana kilabichaaf qarshii miiliyoona tokkofi Konkolaataa Awutoobiisii badhaasaniiru.

Akkasumas Komishiniin Ispoortii Naannoo Kibbaa kilabicha cimsuuf qarshii miiliyoona walakkaa yoo badhaasu, qaamooleen adda addaas kilabichaaf simanaa gochuufiin baga milikiidhan galtan jedhaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 24 Bara 2016

Recommended For You