Waliigalan alaa galan; alaa galan maqaa tolan

(Waamicha Nageenyaa Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Adurahmaan taasisan guutuusaa)

Nageenyi bu’uura ummataati; wabiin nageenyaa ummata keenya. Nagaafi tasgabbii ummataa mirkaneessuuf ammoo, duudhaalee qabnu fayyadamnee tokkummaa yaadaafi ilaalchaa dagaagsinee fedhiifi faayidaa ummata keenyaa karaa tarsiimaa’aa ta’een galmaan gahuuf qindoomnee hojjechuu qabna.

Nuti ilmaan haadha tokkoo, Oromummaan bu’uura eenyummaafi qabeenya waloo keenya. Eenyummaa keenya cimsachuuf ammoo, Oromiyaa dhalootaaf taatu ijaaruu qabna. Oromiyaa cimsinee, Itoophiyaa cimtuu ijaarra.

Tokkummaa keessoo keenyaa cimsachuun akka sabaatti mul’ata tokko qabannee ummata keenya ceessisuuf waliin hojjechuu qabna. Hojii kana milkeessuuf ammoo, Caffeen keenya ittigaafatamummaa guddaa fudhatee hojjechaa jira.

Caffeen, Oromoofi Oromiyaa bakka bu’a. Mallattoo ummata keenyaati. Sagalee ummata keenyaa dhageessisa. Qorqalbii ummata keenyaatu keessaan ifa.

Obbolummaa, tokkummaa, walqixxummaafi garaagarummaa ilaalchaa jiru dhiphisuun galma waloo irratti xiyyeeffatee hojjeta. Hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru cimsuuf riqicha ta’ee tajaajila.

Misoomni, guddinni diinagdeefi badhaadhinni hawwinu akka mirkanaa’uuf nagaa ummataa mirkaneessuun dirqama. Olaantummaan seeraa akka kabajamu taasisuudhaaf mootummaan ittigaafatamummaa guddaa qaba.

Milkaa’ina kanaaf ammoo, qoodni bakka bu’oota ummataa keessaattuu, dubartoonni ummata bakka buunee jirru, ummata keenyaaf sagalee ta’uun aantummaa qabnuuf gochaan agarsiisuun dirqama keenyadha.

Dubartoonni filatamtoota ummataa taanee jirru ittigaafatamummaan qabnu dachaadha. Gama tokkoon, ummata keenyaaf sagalee taanee haala jiruufi jireenya isaa ibsuun, ergama bakka bu’ummaa keenya ijoodha.

Gama biraan, bakka nagaan hinjirretti adda durummaan kan saaxilamu dubartoota waan ta’aniif, miidhamni isaanii kan keenya ta’uu hubannee, bakka isaan hin jirretti nutis kan hin jirre ta’uu beeknee rakkoo isaan irra gahuuf qaama furmaataa ta’uudha.

Caffeen keenya, yaa’ii gaggeessaa tureen nageenya ummata keenyaaf xiyyeeffannoo addaa kennee mari’achaa tureera. Bu’aa marii kanaanis, murtiiwwan jajjaboon nageenya keenya waaressan darbaa turaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, waamicha nageenyaa taasisaa tureen, carraan gaaddisa tokko jalatti walgahanii waliin mari’achuu uumamuu danda’ee ture.

Duudhaan ummata keenyaa, yaadaafi qalbiin waliigalanii rakkoo jirtu keessootti furachuudha. Waliigalan alaa galan, alaa galan maqaa tolan akkuma jedhamu, kaleessa ala turre, gamtaan qabsoofnee injifannee abbaa biyyummaa keenya mirkaneeffannee jirra. Hojiin guddaan nu hafe, qabsoo itichuufi injifannoo ofirra bulfachuudha.

Kunimmoo, waldhaggeeffachuu, tokkoomuu, hiree waliif kennuu, fedhiifi faayidaa ummataaf dursa kennuu gaafata.

Walkabajuu, mari’atanii dhibdee jirtu furachuu barbaada. Kanaaf, balballi mootummaa banaadha. Harki mootummaan nagaaf diriirses hanga ammaatti hindachaane. Ammallee, carraan jiru itti fufee jira.

Kaayyoon keenya, nagaaf dursa kenninee imimmaan ummata keenyaa haquudha. Dinagdee ummata keenyaa deebisnee utubuudha. Ummanni keenyas, nageenya isaa deebifatee qe’ee isaatti misoomee, diinagdee injifannoo isaa tursiisuu danda’u ijaaruudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, fedhii ummanni keenya qabuun gamatti fedhii biraa hin qabu. Tokkummaa sabaa cimsee, dinagdeen utubee, lammii mul’ata qabuufi qe’eesaatti hojjetee duroomu uumuun badhaadhina naannoo keenyaa mirkaneessuudha.

Biyyaaf ammoo, utubaa ta’ee ceessisuudha. Waamichi nageenyaa Caffee keenyaan taasisaa turres, agarsiiftuu kanaati. Bu’aan argamaa jirus, abdachiisaadha.

𝑵𝒖𝒕𝒊 𝑫𝒖𝒃𝒂𝒓𝒕𝒐𝒐𝒏𝒏𝒊 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒂 𝑵𝒂𝒈𝒂𝒂!… 𝑵𝒂𝒈𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂…! 𝑵𝒂𝒈𝒂𝒂! 𝑭𝒊𝒍𝒂𝒏𝒏𝒂!

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You