Milkaa’ina funaansa galteetiif

Seenaa Itoophiyaa keessatti waldhabdeewwan keessumaa kan siyaasaa mariidhaan furuurra humnaan furuuf yaaluutu caalee mul’ata. Addummaan yaadamaafi waliigaltee dhabuunis akkasuma. Kanaafis otoo fagoo hindeemin taateewwan dhiyeenya kana uumamanirraa hubachuun nidanda’ama.

Seenaa gootummaa jedhamee barootaaf akka jabduutti himamaafi bal’inaan seeneffamaa, dhalootaa dhalootatti darbaa kan tures taateewwanuma waraanaafi isaan walqabaaniidha.

Itoophiyaatti dhimmoonni hedduun irratti walii hingalamne baay’eetu jiru. Waldhabdeewwan kanneen haala tasgabbaa’inaafi bilchina qabuun ilaafi ilaameedhaan karaa marii biyyaalessaa furachuun dhimma filmaata hinqabneedha.

Akkuma bishaan darbe hinwaraabamu jedhamu inni darbe darbee amma akkuma Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Ambaasaaddar Muhaammad Diriir tibbana waltajjii tokkorratti, “Amma seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo seenaa haaraa hojjechuun danda’amurra jirra” jedhan lammiin biyya kanaa hundi seenessa moofaa keessaa bahee gara seenaa haaraa hojjechuutti ce’uu qaba.

Komishiniin Marii Biyyaalessaas rakkoolee bu’uuraa Itoophiyaatiif furmaata kennuuf waggoota lamaan darbanitti hojiilee haalduree hedduu hojjeteera, hojjetaas jira.

Marii biyyaalessaa lammiileen biyyattii hundi waldhabdeewwan mul’atan mariidhaan ni furamu jedhanii abdataniin gara boqonnaa haaraatti ce’amuu qaba. Biyyi waraana dhufaa darbaan hukutoofte, lammiin ibidda waraanni uumuun dhaloota hedduuf lubbuu dhabaa, gidiraa argaa ture adeemsa yaadameefi yaalamee hinbeekne, marii qofaan yeroo dhumaatiif furamee aaragalfiin argamuu qaba.

Komishinichi qaamuma marii biyyaalessaa kan ta’e waltajjii galtee marii irraa funaannatu Caamsaa 21 hanga 27 bara 2016tti turu Finfinneetti eegalee gara naannolee hundatti ce’uuf qophii cimaa taasisaa jira.

Kanaaf hojiin funaansa galtee kun hirmaannaa ho’aa lammiileetiin haala hunda giddugaleeffateen iftoominaafi bu’aqabeessummaansaa mirkanaa’ee akka raawwatamu waan barbaadamuuf of eeggannoo cimaadhaan akka adeemsifamuuf qaamoleen hundi qoodasaanii bahachuu qabu.

Ummanni Itoophiyaa sochiifi hojii komishinichaa abdiidhaan eegaa ture waltajjii komishinichi qopheessurratti dammaqinaan hirmaatee waan marichaaf galtee ta’u gumaachuun qaama marii seenaqabeessa kanaa ta’uu qaba.

Marichi tattaaffii waliigaltee biyyaalessaa uumuufi biyya cimtuu ijaaruuf eegalame bu’aa qabeessa taasisuuf daran kan gargaaru waan ta’eef dhaabbileen miidiyaa, paartiileen siyaasaa, jaarmiyaaleen hawaasaa marti, waldaaleen ogummaafi lammiileen hundi qoodasaanii dammaqinaan bahachuu qabu.

Komishinichi dhimmoota bu’uuraa biyyaalessaarratti waliigaltee uumuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, Itoophiyaan rakkooshii mariidhaan akka furattuuf hanga ammaatti naannolee 12 biyyattiin qabdu keessaa 10fi bulchiinsota magaalaa lamatti hirmaattota fo’atee raawwachuun gara funaansa galtee marichaatti ce’uuf qarreerra waan jiruuf hunduu dammaqinaafi miira abbummaatiin qooda fudhachuu qaba.

Milkaa’ina marii akeeknisaa waliigaltee biyyaalessaa uumuu, ummatoota, ummataafi mootummaa jidduutti walamantaa cimsuu ta’e kanaatiif qajeelfama ijoo, “Itoophiyaan mari’ataa jirti” jedhuun keessumaa miidiyaaleen ummataa, dhuunfaafi hawaasummaa marti foramii dhaabbatanii hojjechaa jiraachuun waan guddaa waan ta’eef hojii dhimma murteessaa kanarratti hojjechaa jiran cimsanii ittifufuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You