Invastimantii Oromiyaarraa galiin qarshii biliyoona 43 ni eegama

Guddina dinagdee biyya tokkoo si’eessuu keessatti simannaan invastimantii murteessaa yoo ta’u, barana akka Oromiyaatti invastaroota biyya keessafi alaa 3747 simchuun hojiitti akka seenamu taasifameera.

Invastarootni kunniin hojiilee misoomaa gara garaa hawaasa fayyadamaa taasisaniifi dinagdee biyyaa guddisanirratti bobba’uun hiyyuma seenaa gochuufi biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf humna guutuun akka hojjetaniif hordoffiifi deeggarsi taasifamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa, Obbo Ahmad Idiris nidubbatu.

Invastarri misooma gara garaarratti bobba’u kamuu ulaagaa barbaachisu guuttachuun hojiitti akka galu kan taasifaman yoo ta’u, yoo yeroo qabameef keessatti hojii misoomaa sana hineegalle tarkaanfiin akka fudhatamu kallattiin taa’ee xiyyeeffannoon akka hojjetamu ta’eera.

Erga waliigalteen invastimantii mallattaa’ee xumuramee booda abbaan qabeenyaa sun hanga ji’a afuriitti hojiitti galuu baannaan waliigaltichi haqamuun misoomichi qaama biraaf akka darbu taasifama.

Dhimmi kun dhimma salphaatti ilaalamu osoo hintaane dhimma faayidaa biyyaafi hamma fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu ta’etti lafa misoomaaf fudhatan har’a boruutiin dalleessanii kaa’uun akka hindanda’amnes ta’eera.

Abbootiin qabeenyaa lafa invastimantiif fudhatan kunniin kaappitaala qarshii biliyoona 148 kan galmeessisan yoo ta’u, hatattamaan misooma fudhatanitti galuun ofis ta’e biyyasaanii fayyaduu akka qaban xiyyeeffannoon kennamee hojiitti akka galamu ta’eera.

Misooma invastimantii barana qabatamee ka’ame kanarraa galiin qarshii biliyoona 43 kan eegamu yoo ta’u harcaatii malee milkeessuuf hordoffiifi deeggarsi walirraa hincinne qaama dhimmisaa ilaallatu waliin ni taasifama.

Akka ibsasaaniitti invastaroonni lafa misoomaaf fudhatan yeroo qabameef keessatti hojiitti galuun dirqama yoo ta’u, dalleessanii bara lakkoofsisuuf yookaan marga irraa gurgurachuufi qaama biraaf dabarsanii kennuuf yaaliin taasifamu fudhatama hinqabu.

Kanaafuu, abbootiin qabeenyaa lafa misoomaaf fudhatan haalaan misoomsuun omishafi omishtummaa barbaadamu argaamsiisuun ofis biyyasaaniis fayyaduu akka qabaniif hojichi akka hordofamu ta’eera.

Misooma kanaaf lafti hektaara kuma 35 kan qophaa’e yoo ta’u, inisheetivii Itoophiyaan haa omishtu jedhu milkeessuuf kutannaa mootummaan agarsiisaa jiruuf galtee guddaa kan ta’uudha.

Milkaa’ina inisheetivii kanaafis ta’e maallaqa invastimantii kanarraa eegamu qarshii biliyoona 43 kanaaf tattaaffiifi miirri ittigaafatamummaa abbootii qabeenyaarra jiru olaanaadha.

Mootummaan dhiyeessii lafa invastimantii erga milkeessee abbootiin qabeenyaammoo misoomsanii galii barbaadamu argamsiisuun kanamalees daangaa yeroo kennameef keessatti hojiitti seenuun dirqama irraa eegamuudha.

Misooma invastimantii maallaqni olaanaan itti dhangala’ee guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamu kanaan namoota kuma 500 oliif carraan hojii kan uumamu yoo ta’u, invastimantichi abbaa qabeenyaa, mootummaafi hawaasa naannawaaf carraa guddaa kan uumuudha.

Abbootiin qabeenyaa ulaagaa guutanii hojiitti seenuuf jiran kunniin miira ittigaafatamummaan hojiisaanii hojjechuun akka irraa eegamu kallattiifi hordoffiin walirraa hincinne kan kaa’ame yoo ta’u, misoomichi faayidaa hawaasaa kan giddugaleeffatedhas.

Keessumaa abbootiin qabeenyaa wayita invastimantii eegalan carraa hojii jalqabaa jiraattota naannawaa misoomichaa kanneen laftisaanii invastimantiin irraa fudhatameef kan kennamuudha.

Haaluma kanaan jiraattota naannawaaf carraan hojii dursaa akka kennamu yoo ta’u, kanaan walqabatee fudhatamummaa isaan qabanis dachaan dabalaa qonnaan bulaanis misoomichi kankooti jedhee kunuunfachaa jira.

Invastaroonni faayidaa mataasaanii qofa giddugaleeffatanii balfa warshaalee keessaa ba’u faalama qilleensa naannawaa akka hinqaqqabsiisneef ittifayyadamni teknolojii balfaa irra deebiin tajaajilaaf akka oolu taasisu akka qabaatanis ta’eera.

Haaluma kanaan komiin dhimma balfaa warshaa keessaa bahuun walqabatee hawaasa biratti kanaan dura ka’aa ture akka furamuu qabu kallattii taa’e hordofuun invastaroonni haaraa simataman ulaagaa kanneen hunda akka guuttatan taasifameera.

Abbootiin qabeenyaa kanaan dura misoomawwan gara garaarratti bobba’uun faalama qilleensaa balfa warshaa keessaa bahuuf xiyyeeffannoo kennaa hinturres xiyyeeffannoo addaa akka kennaniifi ittifayyadama teknolojii balfaa tajaajilaaf oolchu hojiirra akka oolfatan kallattiin taa’eera.

Dhimmi kun kallattii afaaniin darbu qofa miti kan jedhan Obbo Ahmad, yeroorraa yerootti hordoffiifi gamaggamni hojii kan gaggeeffamu waan ta’eef hunduu gamanumaa akka itti qophaa’u hojjetanii ofis biyyasaaniis akka fayyadaniif haalli mijataa ni uumama.

Sodaan nageenyaa akka isaan hinmudanneef eegumsi barbaachisaa taasifamaa kan jiru yoo ta’u, teknolojii kaameeraa ‘CCTV’ hojiirra oolchuun invastimantiin akka babal’atu taasifamaa jira.

Mootummaan dirqamasaa gama dhiyeessii lafaafi nageenyaan hojii irraa eegamu sirriitti ba’achaa kan jiru yoo ta’u, abbootiin qabeenyaas lafa misoomaaf fudhatan yeroon misoomsuun bu’aa irraa eegamu galmeessisuu qabu.

Faallaa kanaa ammo lafa invastimantiif fudhatan dalleessanii tajaajila biraaf oolchuuf yaaliin taasifamu fudhatama kan hiqabneefi waliigaltee haqsiisuurra kan geessisuudha.

Kanaafuu abbootiin qabeenyaa ulaagaa invastimantii guutuun filataman daangaa yeroo taa’eef, ji’a afur keessatti hojiitti seenuun misooma dheebotamu milkeessuun bu’aa gamasaaniin eeggatanis bakkaan ga’uun barbaachisaadha.

Guddina dinagdee biyya tokkoo si’eessuu keessatti simannaan invastimantii isa ijoodha jedhanii, Oromiyaan kan misoomsee misoomuu barbaaduuf balballishii banaa ta’uus nikaasu. Keessumaa omishaalee bu’aa indastirii qonnaafi kaan biyya keessatti dachaan omishuun kan alaa galu xiqqeessuu baasii humnaa olii sharafa alaaf bahu kan baraaru ta’uu eeru.

Aadaan biyyuma ofiitti omishuu gabbataa deemuunimmoo rakkoo biyya keessaa furuurra darbee sharafa alaa argamsiisuuf haala mijataa kan uumu waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaan kennamaafii jira.

Haala kanaan dura hinbaratamneen simannaa invastarootaan walqabatee hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa dur xiqqaa ture amma dachaan dabaleera.

Kunis rakkoo ofii ofiin furachuu ykn misooma fedhan dhalataa ofiin misoomsuu isa jedhu kan gabbisu eeggattummaa seenaa kan taasisu waan ta’eef kan jajjabeeffamuudha.

Tarkaanfii misoomaa kanaan dura fudhatamaa tureen hiyyuma seenaa gochuun akka danda’amu bu’aa inisheetivii qamadiirratti galmaa’aa ture qofa fudhatanii ilaaluun gahaa yoo ta’u, gama invastimantiin bu’aalee indastiriirraas galii olaanaa argamsiisuuf of kennanii hojjechuun murteesaa ta’uu nikaasu.

Kanaan dura maqaa invastimantiin lafa fudhatanii dalleessuun marga irraa gurgurachaa lafa mootummaa tajaajila hinmalleef oolchuun calaqqisaa turuu yaadachiisanii, warreen akkasii seeratti dhiyeeffamaniiru jedhan.

Lafa invastimantiif fudhatan dalleessanii bara lakkaa’uun ittigaafatamummaa waan qaqqabsiisuuf abbootiin qabeenyaa dhimma kana hubannoo keessa galchuun ciminaan misoomsuun irraa eegama.

Simannaa invastimantiirraa galiin biliyoonotaan lakkaa’amu eegama kan jedhamuufis yeroo qabameef keessattiifi qulqullinaan misoomsuun yoo jiraatedha kan jedhan Obbo Ahmad harkifannaa tokko malee yeroon hojiitti seenuun barbaachisaa ta’uu himu.

Harkifannaa mudatuun mootummaanis qonnaan bultoonnis abbootiin qabeenyaas hubamuu waan danda’aniif dhimmi kun misooma waloo ta’uunsaa hubatamee kutannaan hojiitti seenuun galii keenya dachaan dabaluun nurraa eegama.

Walumaagalatti Oromiyaa badhaate ijaaruuf simannaa invastimantii keenya dachaan dabaluun dirqama akka ta’e lafa misoomsuuf fudhanne sirriitti misoomsuun dinagdee keenya fooyyessuufis ta’e biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf waltumsuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You