Hojii misooma koriidarii Finfinnee

Torban kana keessa hoggantoota hojii olaanaa magaalaa keenyaa waliin ta’uun hojiilee keenya misooma koriidarii naannofnee gamaggamneerra.

Hojii keenya misooma koriidariin misooma daandii konkolaataa kiiloo meetira 48 ol, daandiiwwan lafoo deemtotaa lafa jalaa 4 , daandiiwwan babal’aa lafoo deemtotaa kiiloo meetira 96fi saayikilii kiiloo meetira 100, tiraakii fiigichaa kiiloo meetira shan, iddoowwan kenninsa tajaajila geejjibaa si’eessan tarminaalota fe’umsaafi bu’insa taaksiifi awutobisii 48, waliigalatti kiiloo meetira 240 ol kan ta’u bu’uura misooma daandiifi isaan walqabatu daaw’anneerra.

Akkasumas iddoowwan bashannana ummataa miidhagina magaalattii dabalan 70, faawonteeniifi iddoolee magariisaa, iddoolee aara galfannaafi bashannanaa, tapha daa’immanniifi pilaazota ummataa, manneen fincaanii 120 ta’an, sadarkaa tajaajila hojii mana qopheessaa magaalattii kan ol kaasan daddabarsiituuwwan dhangala’oo, kaameeraawwan nageenyaa magaalaa keenya madaalan, sirna geejjiba keebilii (Intelligent Transport System ) hojii lafa jala diriirsuu, gamoowwan 400 ol akka haaroman taasisneerra.

Kana malees hojiilee halluufi ifaa sadarkaa magaalattii madaalaniifi ijaarsota biroo hedduu raawwachuu irratti kan argamnu yoo ta’u, hojiileen ijaarsa irratti argaman yoo xumuraman Finfinnee keenya akkuma maqaa ishee bareedduu, abaaboo, jiraattotasheef mijattuu akkasumas giddugala hawwata idiladdunyaa magaalaa keenyaa dabalaa dhufe guddisuun iddoo hawwata turistii filatamaa taasisuuf mul’ata galaa godhanne gama milkeessuurratti gahee olaanaa kan taphatan ta’a.

Bu’uura waadaa seenneen daandiiwwan murtaa’an (hojiilee xixiqqaarraa kan hafe) xumurree tajaajilaaf banaa kan taasifne yoo ta’u, (fakkeenyaaf addababa’ii Teediroos hanga Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti, Daagolii hanga Kondominiyeemii Qay Bahaaritti, Araat Kiiloo hanga adda bahinsa Qiddista Maariyaamitti, addababa’ii Meeksiikoo hanga Saarbeetitti) kanneen hafanis aadaa hojii haaraa ijaarreen hojii waggoota fudhachaa ture yeroo qabameefitti xumuruuf torbee guutuu 24/7 hojjachuutti argamna.

Hojii misooma koriidarii kanarratti hirmaachaa kan jirtan kontiraaktaroonni, gorsitoonni, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jirtan, mahaandisoonni, ogeessonni, hojjattoota pirojektichaa hunda, qaamolee nageenyaa akkasumas jiraattonni magaalaa keenyaa tattaaffii keessaniifi onnee gaariin tajaajilaafi tumsa kennaa jirtaniif maqaa bulchiinsa magaalichaafi maqaa jiraattota keenyaan isin galateeffachuun barbaada.

Waaqni Itoophiyaafi ummata ishee haa eebbisu!

(Adaanachi Abeebee, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee)

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You