Sosochii omishtoota dadammaqse

Erga yaadamniifi kaka’umsi, ‘Itoophiyaan haa omishtu’ jedhamu, eegalamee as, sosochiin indastirii manifaakchariingii manifaakchariingii akka biyyaatti jalqabame daran jajjabeessaadha.

Indastirii manifaakchariingii akka toora xiyyeeffannoo tokkootti qabachuufi dilbiifi carraawwan gama kanaan jiran adda baasanii socho’uun milkaa’ina sosochichaatiif humna guddaa ta’aa jira.

Sosochii waggoota lamaan darbaniitiin hudhaalee omishtummaafi dorgomummaatti danqaa ta’anii turan addaan baasuudhaan sadarkaa sadarkaadhaan akka furamaniif gama mootummaatiin kallattiin ta’ee irratti hojjetamaa jira.

Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa sosochicha ilaalchisuun, “Sochiin Invastimantii Manifaakchariingi Indastirii naannoo keenyaa tarsiima’aafi manii ifa kan qabuudha. Kanumarratti hundaa’uun, carraa hojii baldhaa uumuu, alergii dabaluu, isa alaa galu biyyuma keessatti omishuun bakka buusuu, invastimantii kallattii baay’inaan hawwachuu, akkasumas omishtoota biyya keessaa jajjaabeessuurratti hojii bal’aan hojjetamaa jira; bu’aawwan onnachiisonis galmaa’aniiru” jechuun ibsan.

Indastiriiwwan hedduunis dammaqinaan gara omishaatti deebi’aniiru. Adeemsa milkaa’inaa kanaan hundaa ol, omishtummaan indastirii manifaakchariingii daran guddate, alergiifi kan biyya keessatti omishamu dabaluun danda’ameera.

Lammiilee hedduuf carraa hojii bal’aa kan baname yoo ta’u, hubannoon sektaricharra jirus daran fooyya’eera. Kunis, gahee Indastirii Manifaakchariingii Omisha Dimshaasha Biyya Keessaa (GDP) keessatti qabu akka dabalu taasiseera.

Kanaaf, yeroo dhufuttis, sosochii ‘Itoophiyaan haa omishtu” jedhu kana caalaatti fayyadamuun hudhaalee indastiriiwwan manifaakchariingii hojiirra jiranii osoo hinfuramin hafan adda baasuun kan furru, akkasumas, invastimantii haaraaf haala mijataa umuurratti kan hojjennu ta’a.

Akkuma ibsama jiru kana egaa erga sochichi eegalamee as damichaan milkaa’inni olaanaan galmaa’aa jiraachuufi dadammaqiinis gaariin mul’achaa jiru. Kanas dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa damicharratti bobba’an ragaa bahaa jiru.

Bakka bu’aan garee Itiyoo Injiinariingii Obbo Girmaayee Li’uulsaggad akka jedhanitti, erga sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ jedhamu eegalamee as dadammaqiinsi damee industiirratti mul’atu daran dabalaa jira.

Dhaabbatichi warshaa socho’aa bu’aalee qonnaa qindeessu omishaa jira. Warshaa timaatimiifi moseetti (dinnicha) sona dabalee qindeessu omishee agarsiisa Itoophiyaan haa omishtuu tibbana adeemsifamerratti dhiyeessee dinqisiifannaa olaanaa gonfachuunsaa bu’aa fochichaatiif akka agarsiistuu guddaa sochichaatti kan eeramuudha.

Warshichi oyiruu qonnaan bulaa bira geeffamee achumatti omisha. Iddoo tajaajilli elektirikii hinjirretti jenereetara abbaa kiiloo waatii 25 fayyadama. Boyilarii boba’aa fayyadamee humna maddisiisuun guyyaa guutuu tajaajilus qaba. Hojiin timaatimii dhiquurraa kaasee hanga saamsamamee bahutti jiru achuma, warshichatti karaa tuttuqqii harka namaarraa bilisa ta’eefi teknolojiidhaan deggarameen sadarkaa qulqullinaa Ministeerri Fayyaa kaa’een kan raawwatamuudha.

Agarsiisa Itoophiyaan haa omishtuu guyyoota shaniif adeemsifame kun walittihidhamiinsa gabaas kan uumeedha. Qondaaltonni olaanaan mootummaafi dhaabbilee baay’een hojii dhaabbilee 210 oliin dhiyaatan kanneen daran ajaa’ibsiifataniiru. Wajjummaan hojjechuufis fedhii guddaa agarsiisaniiru. Sosochiin yeroosaa eeggatee eegalame kun haaluma irranatti eerreen omishtootatti kaka’umsa guddaa horeera.

Egaa kaayyoo ijoon sosochii ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ rakkoolee damee manifaakchariingiitti mul’atan furuufi carraalee misoomaa jiranitti fayyadamuudha. Kanaanis akkuma irranatti eerre industiriin omishaa eessaa ka’ee eessa qaqqabuu akka qabu eeruu bira darbee omishaalee bakka bu’an omishuudhaan jijjiiramni qabatamaan akka galmaa’u ta’eera.

Kana maddiitti omishtootaaf walittihidhamiinsa gabaa uumuufi duudhaa omisha biyya keessatti fayyadamuu haala waarina qabuun gabbisaa deemuun qooda qaamolee dhimmamtootaa hundaa ta’uu qaba. Tarsiimoo duudhaa kana utubu diriirsuunis daran barbaachisaadha.

‘Itoophiyaan haa omishtu, haa fayyadamtus. Kanaafis xiyyeeffannaa olaanaadhaan haa hojjetamu; sosochichis cimee ittihaa fufu omishtoota daran dadammaqsaa waan jiruuf.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You