“Nagaa filanneet qe’ee Oromoo nagaa taasisna”-Miseensota ABO Shanee harka kennatan

Godina Shawaa Lixaatti miseensonni ABO Shanee daandii nagaa filachuun galuu ittifufaniiru.

Godinichatti miseensonni ABO Shanee waamicha nagaa taasifame fudhachuudhan hidhannoo guutuu qabatan waliin karaa nagaan galuu ittifufuu Waajjirri Bulchiinsaafi Nageenyaa godinichaa ibse.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Godina Shawaa lixaa Obbo Muusee Fiixumaa akka ibsanitti guyyaa har’aa Aanaa Baakkoo Tibbeetti miseensonni ABO Shanee sagal waamicha nagaa taasifame fudhachuudhan karaa nagaan hidhannoo guutuu qaban waliin qaama nageenyaatti harka kennataniiru.

Miseensonni kunniin yaada kennaniin “Nagaa filanneet Qe’ee Oromoo nagaa taasisna” jechuun dubbataniiru. Haaluma kanaan meeshaalee waraanaa kilaashii sagal, kaartaa 15fi rasaasawwan adda addaa hedduufi hidhannoo mudhii shan isaan harka ture qaama nageenyaa mootummaatti kennuusaaniis ibsuudhaan daandiin nagaa gaabbii kan hinqabne ta’uufi miseensonni Shanee bosonatti hafanis kaayyoo ummata Oromootiif waa hinbuusneef dhama’uun faayidaa waan hinqabneef waamicha nagaafi carraa kennametti fayyadamuun nagaadhaan ummatasaaniitti akka makaman dhaamaniiru jechuun Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.

Godina Arsii aanaalee Martii, Jajuufi Heexosaa, Sirkaafi Zuwaay Dugdaattis miseensonni ABO Shanee lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaa geessisuun nageenya hawaasaa booressaa turan 65 balbala nagaa mootummaan uumetti fayyadamuun mootummaatti harka kennataniiru.

Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadir godinichatti nageenyiifi tasgabbiin akka jiraatuuf oppireeshinii qindaa’aa siyaasaafi nageenyaan gaggeeffamaa tureen shiftaa ABO Shanee bosonatti galuun nageenya hawaasaa booressaa turerratti tarkaanfiin fudhatamuu himuun karaa nagaatiin akka galaniif waamicha abbootii Gadaatiin taasifameenis miseensonni hedduun galuu dubbataniiru.

Oppireeshinii qindaa’aa humnoota walootiin gaggeeffamaa ture kanaan shiftoota ABO Shanee 243 irratti tarkaanfiin kan fudhatamuufi kanneen 50 ta’an ammoo booji’amuu ibsaniiru. Miseensonni garichaa 65 karaa nagaatiin mootummaatti harka kennachuus eeraniiru.

Hawaasni godinichaa sadarkaan jirus nageenyi waaraan akka dhufuuf sochii shiftaa ABO Shanee saaxilee seeratti dhiyeessuun olaantummaan seeraa akka kabajamuuf tumsuu akka qabu waamicha taasisaniiru.

Yeroo kamuu daandiin nagaa injifataa waan ta’eef ammallee balbala nagaaf mootummaan banetti fayyadamuun adeemsa dogoggoraa gareen shororkeessaa kun qabatee jiru dhiisuun gara nagaatti deebi’uu kan barbaadaniif harki nagaaf diriire hindachaane jedhan.

Haata’u malee, mootummaan qaama carraa nagaa kennameef fudhachuu diduun nageenya ummataafi biyyaa booressuuf socho’urratti olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee ittifufa jechuun ibsan.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Amuruutti miseensonni Shanee 35 yeroo dheeraaf nageenya ummataa booressaa turan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Kutaa Waraanaa Dhihaatti harka kennataniiru.

Miseensonni garichaa meeshaa hidhatanii socho’aa turaniifi hogganaasaanii waliin karaa nagaan harka kennataniiru.

Ajajaa ittaanaan kutaa waraanichaa Kumaalaa Waldaayi Asfaawu hojii qindoominaan hawaasa naannichaa waliin nageenyarratti hojjetamaa tureen miseensonni kunniin gara nagaatti akka deebi’an taasisuun danda’amuu ibsaniiru.

Bu’aan waraanarraa argamu akka hinjirres ibsanii, gara fuulduraattis hawaasa naannawaa waliin ta’uun miseensonni garichaa gara nagaattti akka deebi’an taasisuu cimsinee itti fufna jedhan. Murnoota nageenya ummataa booressanirratti ammoo hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimee kan ittifufu ta’uus eeran.

Ajajaan garee harka kennate kanaa kallattiin qabsoo taasisaa jirru ummata Oromoofis ta’e Itoophiyaaf kan hinfayyanne, dhiiga walii keenyaa kan dhangalaasisu ta’uu waan hubanneef badiin hanga ammaa raawwanne nu haa ga’u jechuun garee anaan hoogganamu hunda waliin carraa nageenyaa mootummaan mijeessetti fayyadamne harka keenya kennanneerra jechuusaa fuula Fees Buukii Raayyaa Ittisaa Biyyaarraa odeeffanne.

Jiruu Qananiitiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You