Erga sosochiin Itoophiyaan haa omishtuu jalqabee waggaa lamaa as omishaaleen industiriiwwan biyya keessaa omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuufi gama galii sharafa alaa guddisuufi carraa hojii uumuutiin gumaacha guddaa taasisaa jira.
Waggaa lammaffaa sosochichaa sababeeffachuun Eksipoon ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ kan Ministeera Industiriitiin qophaa’e Caamsaa 1-5 bara 2016tti Finfinnee, Galma Barkumeetti adeemsifameera. Waltajjicharratti omishaaleen industiriiwwan gara garaa agarsiisaaf dhiyaataniiru. Eksipoon kun haala kanaan qophaa’uun walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi omishaalee industiriiwwanii beeksisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uunis himameera.
Waltajjiin Eksipoo Itoophiyaan haa omishtuu guyyaa sadaffaa marii paanaalii mataduree ‘Invastimantii dhuunfaafi haalawwan mijatoo’ jedhuun kan adeemsifame yoo ta’u, maricharratti abbootiin invastimantiiwwan gara garaafi hoggantoota mootummaa olaanaa dhimmichi ilaallatu argamanii rakkoolee guguddoo industiriiwwan biyyattii mudataniifi kallattiiwwan furmaataarratti marii bal’aa adeemsisaniiru.
Ministirri Industirii Obbo Malaakuu Allabal haasaa baniinsaa marii paanaalichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, erga sosochiin ‘Itoophiyaan haa omishtuu’ jalqabamee waggaa lama ta’eera. Waggaa lammaffaa sosochichaa sababeeffachuun Eksipoon qophaa’e kun walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, omishaalee industiriiwwan Itoophiyaa beeksisuufi rakkoolee damicha mudatanirratti dhimmamtoota waliin mari’achuun furmaata kennuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Ministir De’eetaan Industirii Obbo Taarraqany Bulultaa akka jedhanitti, ministeerichi qooda industiriin guddina dinagdee biyyattii waliigala keessatti qabu %7 irraa gara %17tti guddisuuf hojjechaa jira. Barattoota miliyoona lama waggaa waggaan dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamaniif carraa hojii bal’aa uumuuf industiriiwwan manifaakchariingii guddisuufi babal’isuuf qarshii liqii fooyya’aa akka argatan taasisuuf hojjetamaa jira. Abbootiin industiriis mootummaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Elektirikiin addaan ciccituun, hanqinni bu’uuraalee misoomaa, faayinaansiifi galteewwan industirii rakkoolee guguddoo abbootiin qabeenyaa industirii kaasan yoo ta’u, hoggantoonni mootummaa olaanaa dhimmichi ilaallatu rakkoolee eeraman furuuf xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Pirezidaantiin Baankii Misooma Itoophiyaa Doktar Yohaannis Ayyaalewu akka jedhanitti, baankichi industiriiwwan manifaakchariingii biyyattiif tajaajila qarshii liqii mijeessuuf hojjataa jira. Baankichi abbootii industirii qarshii liqeeffatan %7-13tti kaffalchiisa. Abbootiin industirii baankicharraa qarshii liqii hanga waggaa 20tti deebi’u liqeeffatan dhala %13 kan kaffalan ta’uu eeraniiru.
Dinagdeen Itoophiyaa akkuma guddachaa deemu baankichi fedhii guddinni dinagdee dhale guutuuf cimee hojjechaa jiraachuu ibsanii, baankichi yeroo ammaa kaappitaala qarshii biiliyoona 38 horachuufi waggaatti bu’aa qarshii biiliyoona 6.3 argachaa jiraachuu beeksisaniiru.
Baankichi baatiiwwan saglan darbanitti qarshii biiliyoona 44 industiriiwwan omishaaf liqeessuuf raggaasisee qarshii biiliyoona 30 liqeessu kan dubbatan Doktar Yohaannis, baankichi industirii manifaakchariingii tokkoof hanga qarshii biiliyoona sagaliitti liqeessaa jira jedhan. Damee industirii manifaakchariingii qofaan fedhiin liqii qarshii biiliyoona 100 harkasaaniirra jiraachuufi fedhii kana guutuuf baankichi galii dabalataa maddisiisuun humna liqeessuusaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus ni himu.
Pirezidaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Abbee Saanoo akka jedhanitti, industiriiwwan biyyattii rakkoolee walxaxoo keessa turan. Seerri industirii manifaakchariingii biyyattiis rokkoo qaba ture. Yeroo ammaa rakkooleen industirii manifaakchariingii biyyattii hedduun furamaa waan jiraniif industiriiwwan biyyattii gara daandii sirriitti deebi’aa jiru. Industiriiwwan manifaakchariingii baay’eenis dorgomaa ta’aa jiraachuu dubbatu.
Faayinaansiin guddina industirii tokkoof murteessaa ta’uu ibsanii, baankichi qarshii biiliyoona 550 liqii yeroo dheeraatiin abbootii industiriif kenneera. Baankichi industiriiwwan galtee biyya keessaa fayyadamaniif dursa kennee liqeessaa jiraachuus eeraniiru.
Fedhiin qarshii liqii jiruufi dhiyeessi qarshii liqii kan wal hinsimne ta’uu himanii, industiriiwwan baay’een qarshii liqii kan yeroo dheeraatti deebi’u kan barbaadan ta’uufi qarshiin liqeeffame baay’een yeroodhaan deebi’aa kan hinjirre ta’uu eeraniiru.
Baankiin Daldala Itoophiyaa kan qusatuuf dhala %7 kan kaffaluuf ta’uu himanii, kan liqeeffatan ammoo dhala qarshii %9 kaffalchiisaa jira. Baankichi kanaan dura baay’inaan dhaabbilee misoomaa mootummaaf liqeessaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo irrajireessaan abbootii industiriif liqeessaa jira. Industiriin manifaakchariingii hanga omisha kennuu jalqabutti bu’aa ba’ii guddaa waan qabuuf abbootiin qabeenyaa industirii utuu abdii hinkutatiin jabaatanii hojjechuu qabu jedhan.
Geggeessaa Hojii Olaanaan Humna Elektirikii Itoophiyaa Injinar Ashabbir Baalchaa akka jedhanitti, humni elektirikii industiriif galtee murteessaadha. Humna biyyattiin maddisiiftu keessaa %60 kan ta’u industiriiwwan manifaakchariingiitu fayyadamaa jira. Omishaaleen industirii ijaarsa elektirikiif gumaacha guddaa taasisaa jiru. Humni elektirikii akkuma industiriif galtee murteessaa ta’e omishaaleen industiriis ijaarsa elektirikiif daran murteessoodha. Kun sektaroonni lamaan walitti hirkatanii jiraachuu kan agarsiisu ta’uu himu.
Biyyattiitti industiriin babal’achaa dhufuusaatiin fedhiin humna elektirikii baay’ee dabalaa jiraachuus himanii, kanaafuu maddoota humna elektirikii kanneen akka Hidha Laga Abbayyaa baay’inaan hojjechuun rakkoo addaan ciccitiinsa ibsaafi hanqina huma elektirikii furaa deemuu qabna. Madda humna elektirikii ijaaruufi suphuun bajata guddaa waan gaafatuuf taariifa elektirikiirratti fooyyessa taasisuu qabna jedhu.
Gatii tajaajila elektirikii fooyyessuun dhiyeessa humnaa guddisuuf kan gargaaru ta’uu himanii, fedhiifi humni elektirikii dhiyaachaa jiru waliin kan walhinsimne ta’uufi humna elektirikii industiriiwwan barbaadan omishuuf hojii bal’aan kan hafu ta’uu dubbatu.
Humna elektirikii Itoophiyaan maddisiiftu keessaa %96 bishaanirraa ta’uu eeranii, hongeen mudatee hangi bishaanii yoo hir’ate humna elektirikii gahaa maddisiiisuurratti dhiibbaa waan fiduuf carraawwan maddoota humnaa biroofis xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaadha jedhu.
Hojii Geggeessaa Olaanaan Tajaajila Elektirikii Itoophiyaa Injinar Shifarraa Taliilaas gamasaaniin akka jedhanitti, tajaajilichi humna elektirikii maddisiifame fayyadamtootaafi industiriiwwan biraan gahuurratti akkasumas bakkeewwan tajaajilli elektirikii hingeenye qaqqabsiisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Yeroo ammaa dhiyeessi tajaajila elektirikii biyyattii %54 irra jiraachuufi yeroo ammaa magaalonniifi gandoonni kuma saddeetiifi 200 ol tajaajila elektirikii argachaa jiru.
Sararri elektirikii kallattiidhaan paarkota industiriif waan diriirfameef tajaajila elektirikii fooyya’aa argachaa kan jiran ta’uu dubbatanii, industiriiwwan biroon sarara magaalotaaf diriirfametti fayyadamaa waan jiraniif rakkoo addaan ciccitiinsa humna ibsaaf saaxilamaa jiru jedhu. Tajaajilichi rakkinicha furuuf industiriiwwaniif sarara elektirikii haaraa diriirsaafi buleeyyii ammoo suphaa jiraachuu ibsaniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Miratuus industirii manifaakchariingii deggaruun carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf ajandaa duraa taasifannee irratti hojjechuu qabna. Baankichi haala gatii tasgabbaa’aa uumuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhu.
Baankiirraa qarshii liqeeffachuun adeemsa dheeraa gaafatus tajaajila faayinaansii ammayyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa industirii manifaakchariingii guddisuufi dorgomaa taasisuuf hojjechaa jiraachuus ni eeru.
Ministirri Albuudaa Injiinar Habtaamuu Tagany akka jedhanitti, bu’uuraalee misoomaa babal’isuun invastimantiif haala mijataa uumuun barbaachisaadha. Biyyoonni Emereetota Araba Walta’anii, Taaylaandiifi Ruwaandaan invastimantiif daran kan filataman waan bu’uuraalee misoomaa guuttataniifi.
Itoophiyaan invastimantiif daran filatamtuu taatus bu’uuraalee misoomaa gahaa hinqabdu. Itoophiyaan qabeenyawwan albuudaa guddaa qabdi. Qabeenya kanaan boonuu utuu hintaane baafnee itti fayyadamuu qabna jedhu.
Itoophiyaan omishaalee sibiilaafi xaa’oo alaa bittee galchuuf waggaatti doolaara biiliyoona sadii baasaa jiraachuu himanii, industiriiwwan manifaakchariingii sibiilotaafi xaa’oo biyyuma keessatti omishuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Industiriiwwan sibiilota gara garaa baqsanii sibiila omishan kan jiran ta’uufi industiriin albuuda sibiilaa baasee omishu biyyattii keessa kan hinjirre ta’uus himaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa omishaalee biyya keessaa fayyadamuudhaan industirii biyya keessaa deggaruu akka qabaniifi abbootiin qabeenyaa industiriis humna guutuun hojjechuufi gibira amanamummaan kaffaluudhaan guddinaafi babal’ina industiriif gumaacha irra eegamu bahachuu akka qaban Ministirri Muummee Doktar Abbiyyi Ahmad haasaa baniinsa eksipoochaarratti taasisaniin dhaamuunsaanii ni yaadatama.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016