Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad hiriira deeggarsaa dhaadannoo, “Nageenya Keenya tikfachaa Injifannoo keenya Waaressina!” jedhuun Roobii darbe Magaalaa Naqamteetti gaggeeffamerratti argamuun ummata godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qellem Wallaggaafi Horroo Guduruu Wallaggaarraa walitti dhufeef ergaa ittaanu dabarsaniiru.
Dhufaatiin keenya jaalala keessan arguun humna nutti hora. Kabajaafi jaalalli isin nutti agarsiiftan kabaja guddaadha. Dhimma nageenya ummata Wallaggaa akkamitti himu? Wallaggi luboota hedduu nagaa lallabaniin, jaalala labsuufi nageenya waaressuun beekama.
Ummanni Oromoo jaarraa tokkoo oliif mirgisaa sarbamee, afaaniifi aadaa ofii dhabee, seenaansaa irraa mulqamee jiraachaa ture. Ummanni Wallaggaa beekuu kan qabu Oromoon bilisoomeera. Har’a gaaffiin jiru gaaffii afaanii osoo hintaane afaan ofii afaan saayinsiifi teknolojii taasisuudha.
Ummanni keenya gaaffii hedduu ilmaansaa itti gabbaruun mirga abbaa biyyummaasaa mirkaneesseera. Biyya bulchuun qofti garuu gahaa miti; har’a gaaffiin laftikoo gurguramuu hinqabu, tajaajilli gurguramuu hinqabu kan jedhu ta’uu qaba.
Ummanni keenya injifannoo aarsaa dhiigaafi lafee itti cabee argate tikfachuu qaba. Yeroo ammaa gaaffiin afaaniifi ofiin of bulchuu gaafachuun duubatti hafummaadha. Labsiin har’a dabarsus, dachee Oromoorratti walajjeessuun, walbuqqisuun dhaabachuu qaba. Ajandaa diinaatiin rakkachuun nurraa dhaabachuu qaba. Diina Oromoo wajjin Oromoo cabsuuf hojjechuun dhaabachuu qaba; aadaan Oromoo kana hinqabu. Diina Oromoo wajjin mari’achuu irra walii keenyaan mari’achuu jabeessuu qabna.
Nagaan bu’uura waan hundaati. Namni keessoonsaa, ollaansaa, biyyisaa nagaa ta’e walargee waliin gammaduu danda’a. Nageenyi abbootii keenya kaleessaa har’as jiraachuu qaba.
Ergaan kiyya lammaffaan tokkummaadha. Oromoon guddina sadarkaa olaanaa qaba. Haata’uu malee jaarraawwan hedduuf diinni garaa garummaa keenyatti fayyadamuun nu bituu danda’eera. Bara ijoolleen Oromoo qabsoo eegaltetti osoo tokkummaan jiraatee Hayilee Fidaafaan diinaan hin nyaataman ture.
Oromoon humna guddaa waan ta’eef tokkoomee jennaan jijjiirama fiduu danda’a. Tokkummaa jechuun waan hundaan tokkoo ta’uu jechuu miti. Garaagarummaan yaadaa yoomiyyuu ni jiraata. Amma tokkummaan keenya barbaachisaadha. Kun ta’uu baannaan cabinsa keessa galla.
Diinni keenya yoo kaane maal fiduu akka dandeenyu bareera. Oromoon gandatti galee, lagaafi gandaan waldiigaa, angoorrattis walqoodaa Oromoo salphisuurra yoo tokkummaan qabsaa’uu hindandeenye galanii lafa Oromoo qotachuutu fala ta’a.
Tokkumman Oromoo hineeggamu taanaan Itoophiyaan tokko ta’uu hindandeessu, Oromoon hinjijjiiramu taanaan Itoophiyaan hinjijjiiramtu; Oromoon hinmisoomu taanaan Itoophiyaan hinmisoomtu; nageenyi Oromiyaa hineeggamu taanaan Itoophiyaan nagaa argachuu hindandeessu.
Biyyi kun gaafa jijjiiramni dhufu mindaa kaffaluu hindandeessu turte. Jijjiiramaa asitti bu’aa mul’achaa jiruun biyyi keenya yeroo ammaa sadarkaan ishee ol guddachuun dinagdee dhaloota jijjiiruu danda’utu hojjetamaa jira. Humni dinagdee biyya keenyaa ijaaruurraa nu dhaabu hinjiru. Sababnisaa nuti harka qulqulluun hannarraa bilisa taanee laphee guutuun hojjechaa waan jirruuf. Itoophiyaan biyya badhaate ta’uun waan hafuu miti.
Mootummaan Wallagga misoomsuuf, jijjiiruuf yaada guddaa qaba. Kanaaf mul’ata guddaa qabna. Mul’anni kun akka dhugoomuuf ummanni ijoollee keenya karaa nageenyaatti akka deebi’an taasisuu, Waaqa keenya sodaachuu, tokkummaan dhaabachuu, misoomaafi tasgabbii iddoo birootti dubbatan Naqamtee dhufanii akka daawwataniif ummanni mootummaa waliin dhaabachuu qaba. Miirri nageenyaa, misoomaafi tokkummaa kaleessaa deebi’uu qaba. Kanaaf, hunduu hojjechuun ammoo murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016