Olompikii Paariisiifi qophii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa

Finfinnee: Itoophiyaan sadarkaa Afrikaattis ta’u addunyaatti akaakuuwwan ispoortii hedduudhaan walmorkiiwwan garagaraarratti hirmaachaa turteetti, ammas hirmaachaa jirti. Kanneen keessaa shaampiyoonaawwan guutuu addunyaa maraarratti maqaa gaarii kan ittigalmeesisteefi galmeesisaa jirtu atileetiksiidhaan ta’uun beekamaadha.

Kanumaafi, dirreewwan olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaatti dorgommiiwwan atileetonni Itoophiyaan irratti hinhirmaanne dorgommii hin fakkaatu kan jedhamuuf.

Itoophiyaan maqaa akkanaa argachuu kan dandeette yeroo ammaa fiigicha meetiroota adda addaatiin sa’aatii gaariin addunyaa qabamee kan jiruufi sadarkaa olompikiitti ammoo maaraatoniidhaan yeroo sadi walitti aansittee mo’achuudhaani.

Biyyatiin kanaan dura olompikoota 14 irratti hirmaachuudhaan beekamti. Dorgommiiwwan taasifatte kanneenittis meedaaliyaa warqii 23, meetii 12, nahaasa 23 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 58 argachuudhaan Addunyaarraa sadarkaa 41ffaa Afrikaarraa ammoo 3ffaarra jirti.

Baranas Olompikii 33ffaa Paariis ALA Adoolessa 26 hanga Hagayyaa 11 bara 2024 adeemsisamuurratti yeroo 15ffaaf hirmaachuuf qophiirratti argamti.

Bariisaanis qophii baranaa ilaalchisuun ittigaafatamaa waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaa Kamisa darbe dubbiseera. Isaanis federeeshinichi waggaa guutuu atileetota biyya keessaafi alatti dorgommiiwwan adda addaarratti hirmachisuudhaan hojjii barbaachisu hojjechaa turuufi jiraachuu eeraniiru.

Akkuma beekamu Itoophiyaan Olompikii Room, kan Xaaliyaanitti ALA bara 1960 adeemsifametti seenaa gootichi Irreessaa Abbabaa Biqilaa hojjetee kaasee hanga ammaatti dirreewwan atileetiksiirratti maqaa gaarii galmeessisuudhaan beekamti.

Maqaa isheen Olompikiifi shaampiyoonaawwan adda addaarratti galmeessistee kana eeguuf mootummaan Itoophiyaa, Koreen Olompikii biyyaaleessaa, Dhaabbileen ispoortii adda addaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa maddii dhaabachuudhaan gargaarsa guddaa gochaa jiru.

Kanumarraa ka’uun atileetonni keenya barana shaampiyoonaa biyya keessaa gaggeessuudhaan atileetota qabxii gaarii fidan filachisee dorgommii qaxxaamura biyyaa Afrikaafi Addunyaa, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan atileetiksii Waldaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa qopheesserratti hirmaachisuudhaan ammaan tana akaakuuwwan atileetiksii olmpikiirratti hirmaachuun atileetonni filamaniiru jedhu Obbo Yoohaannis.

Keessumaa komii kanaan dura yeroo olompikiin dhihaatu leenjistootaafi leenjistoota; atileetotaafi leenjistoota, akkasumas federeeshiniifi atileetota jidduutti muldhatu salphisuuf mariin taasifamee waliigalamera.

Atileetota miiniimaa olompikii guuttatan kanneen kutaan teknikii yeroo yeroodhaan duukaa bu’uudhaan miiniimaa atileetonni biyya keessaafi alaatti fidan koree raawwachiiftuu hojjii federeeshinichaatti dhiheessuudhaan xiinxalamee akka murtaa’u ibsaniiru.

Gootichi olompikii Qananiisaa Baqqalaa olompikii kanarratti fiigicha maaraatoniitiin hirmaachuuf filatamuusaa miidiyaaleen tokko tokko hafarsaa jiraachuu kan eeran Obbo Yohaannis hanga ammaatti Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa waanti ifatti ibsame akka hinjirre eeraniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You