Ummata bira dhaqaniis ta’e gara waajjirasaaniitti affeeranii mariisisuun, yaadota biyya ceessisan, maddisiisuun harkaafi sammuu qulqulluudhaan hojiirra oolchuun, biyya qarree diigamaarra turte baraaruun, hawaasa seenessa qeenxeetiin burjaajii adda addaa keessa ture yaadasaa jijjiiruun, dallaa jibbiinsaa diiganii riqicha jaalalaa falaasama Ida’amuutiin tokkummaa sabdaneessummaa labsuufi hojiin agarsiisuun kan beekaman.
Saba guddaa, Oromoo keessaa bahanii duudhaa Oromummaatiin afaansaa dubbachaa, ittiin barreessaafi mariisisaa waltajjiilee argatan hundatti nagaa lallabuun kan beekamaniifi kanaanis badhaasa noobeelii nageenyaa kan fudhatan.
Walumaagalatti waggoota jahan darbanitti hojii waggoota 60tti hojjetamuun haa hafuu yaaduufuu ulfaatu kanneen akka hidha Abbayyaafi ulaa galaanaafaa xumursiisuufi tarsiimoo baasuun kan beekaman Abbichuu Abbaa Malaa, Ilmi Abbaa Gadaa, Injinarri teknolojii, misoomaa, tikaa, waraanaafi kkf Roobii darbe gara Oromiyaa lixaatti imaluun ummata isaan jaallatuufi isaanis jaallatan jidduutti argamanii labsii jabaa, seenaqabeessaafi lafeerra malee lafa hinbuune ummata qulqulluu, nagaa dheebotee gidiraa argaa turetti abdii cimaa horu haala ittaanuun labsaniiru.
“Labsiin ani har’a Naqamteerraa labsuu barbaadu dachee Oromiyaa keessatti ijoolleen Oromoo walajjeessuun, ijoolleen Oromoo taa’anii ilaafi ilaameedhaan mari’achuu dhabuun har’a dhaabachuu qaba.
Yaa sabaa, diinaan gowwoomuun, ajandaa diinaatiin walqooduun nu haa ga’u. Nuti, Oromoon waliin teenyee ilaafi ilaameedhaan mari’achuuf nirakkanna. Garuu ammoo diina Oromoo wajjin mari’achuuf, diina Oromoo wajjin tarsiimoo baasuuf, diina Oromoo wajjin tooftaalee adda addaa fayyadamuuf hinrakkannu.
Oromummaan akkasii eessaa bahe? Aadaan keenya, eenyummaan keenya kan ibsu mari’achuu waldhaggeeffachuu, waan waliin murteessan sana qabatanii hojiitti jijjiiruun yoo ta’een ala waliin dubbachuu dadhabnee diinaan mari’achuun qaanii guddaa waan ta’eef seenaarraa barannee, isa kaleessaarraa barannee ummata keenyaaf nagaa fiduu akka dandeenyuuf waraanni, walnyaachuun, walajjeessuun nu haa ga’u.
Harka walqabannee biyya keenya misoomsuuf waliin akka dhaabannuuf maqaa ummata Wallaggaafi saba Oromoo guutuutiin labsiifi gaaffii koo Magaalaa Naqamteerraa isinii ibsuun barbaada.
Oromoon gaaffii abbaa biyyummaa, gaaffii ofiin ofbulchuu har’a hinqabu. Aarsaa qaalii kanfalee, ijoollee kichuu kanfalee didee, dhiigaafi lafeesaatiin abbaa biyyummaasaa, ofiin of bulchuusaa dhugoomfateera.
Gaaffiin kun darbeera. Gaaffii kanaaf hinqabsoofnu. Haa ta’u malee ofiin of bulchuun qofti gahaa hinta’u. Misoomuufi jijjiiramuu qabna. Ijoolleen keenya lafa keenya gurguruu hinqaban. Hattummaan babal’achuu hinqabu.
Waaqasaanii sodaachuu, ummatasaanii kabajuu, tajaajila haqaa kennuu qabu gaaffii jedhu ammoo har’as qabna. Kanaaf garuu du’uun nu hinbarbaachisu. Qabsoon nidhaabata jechuu miti. Qabsoon kaleessaa karaa nagaatiin yaada haaraa burqisiisanii mari’achuun, dorgomuun waan danda’amaa hinturreef aarsaa qaalii kanfalleerra.
Didneerra. Mormineerra. Qabsoofneerra. Waaqa keenya qabannee mooneerra. Kan mo’e injifannoo tikfachuuf qabsaa’a malee akka haaraatti injifannoo haaraatiif hinqabsaa’u.
Har’a tokkummaan ummata keenyaa kan barbaachisuuf injifannoo aarsaa qaaliidhaan argate kana tikfachuu, eeggachuu, tokkummaa Itoophiyaa, tokkummaa sabaafi sablammii, misooma biyya kanaa dhugoomsuuf yoo ta’e malee kana booda waa’ee afaanii, waa’ee Oromiyaafi Oromummaa, waa’ee sabboonummaa, waa’ee ofiin of bulchuu, ajandaa qabsoo goonee niqabsoofna yoo ta’e har’as kaleessa keessa jiraanna, isa har’aafi isa egeree hubachaa hinjirru jechuudha.
Kun ammoo duubatti hafummaadha. Duubatti hafummaan Oromoof keessumaa ummata Wallaggaaf hintolu waan ta’eef nuti mul’anni keenya gara fuulduraatti haa deemnuudha malee duuba ilaalaa, duuba yaadaa, duuba jiraachuu waan hintaaneef isa kaleessaa irraanfachuu isa boruutiif hiixachuu qabna”.
Dhugaadha. Kan ta’uu qabus kanuma. Inni ummataafin qabsaa’a jedhuufi harca’ee hafes qawwee lafa kaa’ee haaluma labsii kana keessatti eerameen gara marii ilaafi ilaameetti dhufee umrii gidiraa sabasaa gabaabsuu qaba. Mammaaksi, “Otoo biiftuun jirtuu sussuku” jedhamu hojiitti hiikuunis amma ta’uun hunda biratti hubatamuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016