Finfinnee: Dorgommii maraatooniin Itoophiyaa bakka bu’ee dorgomee mo’achuudhaan kan beekamu Atileet Xannaa Nagarii addunyaa tanarraa du’aan boqoteera.
Atileet Xannaan, dhukkubsatee biyya keessaafi alatti wal’aanamaa turus Ebla 25 bara 2016 umri 54tti boqotee sirni awwaalchaasaa Ebla 28 bara 2016 Finfinnee, bataskaana Saalita Mihiratitti raawwatameera.
Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaatti bara 1962 kan dhalate Atileet Xannaan, ispoortii atileetiksii kan jalqabe mana barumsaa itti barataa turetti.
Atileetiin kun jaalala ispoortiif qabuun gandaa kaasee hanga kutaa biyya Wallaggaatti (akka moggaasa duriitti) dorgommiiwwan atileetiksiitiin mo’achuudhaan yeroo gabaabaa keessatti kilaba Humna Ittisa Galaanaa Itoophiyaa duriitti makame. Achittis sadarkaalee adda addaatti dorgomaa tureera.
Ciminnisaa yeroo yeroodhaan dabalaa dhufuudhaan garee atileetiksii Itoophiyaatiif filatamee Itoophiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaa adda addaarratti hirmaachuudhaan beekamtii argateera.
Olompikii Baarseloonaafi taphawwan guutuu Afrikaa, shaampiyoonaawwan atileetiksii addaddaarratti Itoophiyaa bakka bu’uunis hirmaateera.
Hirmaannaasaa kanaanis biyyoota Awurooppaa, Eeshiyaa, Afrikaafi Ameerikaatti fiigicha maaraatooniitiin beekamtii kan argate Xannaa Nagarii, badhaasawwan adda addaa argateera.
Keessumaa ALA bara 1991 taphawwan guutuu Afrikaa 5ffaa Misir, Magaalaa Kaayirootti adeemsifametti fiigicha maraatoniitiin sa’aatii 2:31.16n raawwachuun mo’ateera.
ALA bara 1992 maaraatonii Jaappaan, Fukukuutti bara 1994 Xaaliyaanii, Magaalaa Veenuusitti dorgommii maaraatoniin adeemsifame dabalatee biyyoota hedduutti dorgommiiwwan taasiseen meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaa 20 ol argateera. Injifannoo argate kanaanis beekamtii olaanaa gonfateera.
Dirreewwan irratti injifatetti alaabaan Itoophiyaa ol ka’ee akka tallisu, faaruunshees addunyaa mararratti daangaadhaa hanga daangaatti akka dhagahamu taasiseera.
Xannaan hiriyootasaa gootota ispoortii atileetiksii kanneen yeroo san addunyaarratti beekaman Balaayinaa Deensaamoo, Abbabaa Mokonnon, Hajii Bulbulaa, Lammii Cangaree, Fiixaa Baay’isaa, Tasfaayee Xaafaa, Mallasaa Fayyisaa, Wadaajoo Bultiifaa wajjin garee cimaa atileetiksii dargaggootaatiin ijaarame wajjin Itoophiyaa yeroo sanaa addunyaarratti waamsisuudhaan beekama.
Gootichi kun hiriyootasaa dargaggoota yeroo sanii Abbabaa Mokonnon, Zarihun Gizaawu, Nagaash Duubeefaa wajjin dirree atileetiksii maaraatoniirratti atileeta maqaa olaanaa qaban sarduun yaadatama.
Gootichi kun erga dorgommii dhaabee hojii dhuunfaarratti bobba’uudhaan maatiisaa wajjin Finfinneetti jiruufi jireenyasaa gaggeessaa kan ture yoo ta’u, dhibee isa mudateen biyya keessaafi alatti wal’aanamaa turuun Ebla 25 umriisaa ganna 54tti boqoteera.
Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaas, maatiifi firootasaatiif jajjabina hawwa.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016