Avokaadoo: Omisha yeroo ammaa madda galii ta’uurra darbee dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumaa jiru

Omishni avokaadoo yeroo ammaa wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee madda galii sharafa alaa argamsiisu ta’uun dinagdee qonnaan bultootaafi biyyaa utubuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira.

Omishaafi omishtummaa avokaadoo daran guddisuuf hojiin biqilaa avokaadoo omisha fooyya’aa kennu baay’isuu keessumaa dargaggoota waldaan gurmaa’aniin bal’inaan adeemsifamaa jira. Hojiin kun madda galii ta’uurra darbee dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumaa jira.

Dargaggoo Yaareed Kabbadaa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti jiraataa Magaalaa Buttaajiraati. Dargaggoon kun darggaggoota biroo afur waliin Waldaa Biqiltuu Baay’isuu ‘Ximrat’ jedhuun gurmaa’uun hojii biqiltuu avokaadoo qopheessuurratti bobba’eera. Dargaggoon kun akka jedhutti waldichi erga hundaa’ee waggaa shan ta’eera. Waldaan kaappitaala qarshii kuma 10n hojii eegale kun yeroo ammaa kaappitaala qarshii miliyoona tokkoo ol horateera.

Bulchiinsi magaalattii lafa waldichi biqiltuuwwan itti qopheessu kaaree meetira 50 kennuudhaan deggarsa nuu taasiseera kan jedhu Yaareed, bakkichatti biqiltuuwwan avokaadoo, maangoo, paappaayyaa, buna, warqee (qaachoo)fi mi’eessituuwwan gara garaa qopheessuun gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbata. Waajjirri qonna magaalaa Buttaajiraas sanyiiwwan fuduraalee gara garaa dhiyeessuudhaan waldicha deggaraa jiraachuu dubbata.

Biqiltuuwwan waldichi qopheessu waan filatamoo ta’aniif namoonni bakka gara garaatii dhufanii bitatu. Sababuma kanaan rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa hinqabnu kan jedhu dargaggoon kun, waldichi waggaatti biqiltuuwwan avokaadoo kuma 50, buna kuma sadii, paappaayyaa kuma lamaafi kanneen biroo qopheessaa jira. Waldichi gara fuulduraatti hojii biqiltuu qopheessuu kana caalaatti babal’isuun hojjechuuf karoora qabaachuu dubbata.

Wadichi yeroo ammaa dhaabbiidhaan dargaggoota 15fi yeroodhaan ammoo dargaggoota 40f carraa hojii uumee jiraachuu kan himu Dargaggoo Yaareed, waldichi gara fuulduraatti bakka biqiltuuwwan itti qopheessu babal’isuudhaan dargaggoota biroof kana caalaatti carraa hojii bal’aa uumuuf kan hojjetu ta’uu himeera.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Buttaajiraa Obbo Seefuu Mangee akka jedhanitti, dameen qonnaa carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba. Dargaggoonni magaalattii hedduun gurmaa’anii hojii biqiltuu qopheessuu, loowwwan, lukkuuwwaniifi kanniisa horsiisuurratti hirmaatanii hojjechaa jiru. Waajjirichis dargaggoota waldaan gurmaa’anii damee hojii qonna gara garaarratti hirmaataniif deggarsa barbaachisu taasisaafii jiraachuu dubbatu.

Akka Magaalaa Buttaajiraatti waldaaleen 12 ol hojii biqiltuuwwan fuduraalee gara garaa qopheessuurratti bobba’uu himanii, Waldaan Biqiltuu Baay’isuu ‘Ximrat’ waldaalee kanneen keessaa tokko. Waajjirichi waldaalee kunneeniif bakka biqiltuuwwan ittiqopheessan mijeessuufiin akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa uumuufin deggarsa teknikii taasisaafii jiraachuu himu.

Waldaan Biqiltuu Baay’isuu ‘Ximrat’ waggaatti biqiltuuwwan fuduraalee gara garaa kuma 70 ol dhiyeessaa jiraachuu eeranii, biqiltuuwwan dhiyaachaa jiran keessaa harki caalu biqilaa avokaadoo omisha guddaa kennuufi ‘Haas’ jedhamuun beekamuudha. Biqilaan avokaadoo filatamaan ‘Haas’ jedhamu omisha guddaa kennuun kan beekamu ta’uufi alergiif kan oolu ta’uus eeraniiru.

Waldichi avokaadoo sanyii fooyya’aa akaakuu sadii kanneen omisha guddaa kennaniifi alergiif oolan qopheessaa jiraachuu kan himan Obbo Seefuun, kana malees waldichi biqiltuuwwan akka Roozmarii, qaachoo, bunaafi mukeen gara garaa qopheessee gabaaf dhiyeessaa jira.

Biqiltuuwwan waldichi qopheessu qonnaan bultoota magaalattiifi naannawaasheerra darbee qonnaan bultoota godina Silxeefi qonnaan bultoota Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa naannawa Baatuutiif dhiyaachaa jiraachuus eeraniiru.

Hojiilee inisheetiivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin jalqabaman keessaa tokko sagantaa Maaddii Guutuuti. Sagantaa kanaan hojiileen loowwan aannanii, lukkuuwwaniifi kanniisa horsiisuu bal’inaan raawwatamaa jiru. Magaalattii keessa mandarootni aannanii 15 oliifi mandarootni lukkuu 17 ol hundaa’anii hojiirra jiru. Dargaggoota waldaadhaan gurmaa’anii hojii horsiisa kanniisaarratti bobba’an keessaa kan gaagura ammayyaafi aadaa 200 ol qaban jiru. Sagantaa Maaddii Guutuu hojiirra oolchuudhaan magaalattiin magaalota biroof moodela ta’uu dandeessi jedhu.

Sagantaa Maaddii Guutuu hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii bal’aa uumuurra darbee madda galii guddaa ta’uun bu’aa guddaa argamsiisaa jiraachuu himanii, magaalattiitti ji’a tokko keessatti aannan hanga toonii 170tti omishamaa jiraachuu dubbatu. Omishni aannanii kun fedhii aannan magaalattii guutuurra darbee magaalota akka Waraabeefi Walqixxeef dhiyaachaa jiraachuus ibsaniiru.

Dargaggoonni hojii biqiltuuwwan gara garaa qopheessuufi qonna magaalaarratti hirmaataa jiraniif tajaajila qarshii liqii, lafa itti omishan dhiyeessuufiin akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi leenjii kennuufiin deggaraa jiraachuu kan himan Obbo Seefuun, dargaggoonni biroon waldaalee moodela ta’anirraa muuxannoo akka qooddatan taasisuufi deggarsa teknikiis taasisaafii jiraachuu eeraniiru.

Godina Guraagee Bahaatti, Ittigaafatamaa Ittaanaa Qajeelcha Qonnaafi Ittigaafatamaan Damee Qabeenya Uumamaa Obbo Ayichiluum Siijaa akka jedhanitti, barana akka godinichaatti biqiltuuwwan miliyoona 24 qopheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiru keessaa hanga ji’a darbeetti biqiltuuwwan miliyoona 19 qophaa’aniiru.

Biqiltuuwwan kunneen keessaa kuma 600 kan ta’u biqilaa avokaadoo sanyii fooyya’aadha. Biqilaan avokaadoo kun waggaa sadii keessatti omisha gabaa biyya keessaafi biyya alaatiif dhiyaachuu danda’u kennuu jalqaba. Biqiltuuwwan avokaadoo sanyii filatamaa kana gandootaafi aanaalee godichaatti babal’isuuf hojjechaa jiraachuu nidubbatu.

Godinichatti hojiin biqiltuuwwan avokaadoo qopheessuu waggaa waggaan dabalaa jiraachuu himanii, bara darbe biqiltuuwwan avokaadoo kuma kuma 300 ol kan qophaa’e ta’uufi barana ammoo dachaan dabaluudhaan biqiltuuwwan avokaadoo kuma 600 ol qophaa’aniiru. Hojiin biqiltuu qopheessuu kun dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu eeraniiru.

Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Guraagee Bahaatti, Ittigaafatamaan Wiirtuu Baay’isaafi Leenjii Fuduraalee Buttaajiraa Obbo Amelgaa Manjii akka jedhanitti, wiirtichi kaayyoowwan gurguddoo sadiirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Isaanis biqiltuuwwan sanyii avokaadoo fooyya’aa qopheessuun qonnaan bultootaaf dhiyeessuu, teknolojii biqilaa avokaadoo ittiin mixxiqqeessanirratti leenjii kennuufi omisha avokaadoo sadarkaasaa eeggate gabaa alergiif dhiyeessuudha. Wiirtichi kaayyoowwan sadan milkeessuudhaan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuus eeraniiru.

Biqilaan avokaadoo fooyya’aan omisha guddaa kennuun wabii nyaataa mirkaneessuufi gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessuudhaan galii guddaa argamsiisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeranii, avokaadoon qabiyyee pirootiiniifi viitaamiiniitiin badhaadhaa waan ta’eef nyaataaf daran filatamaadha. Omishni avokaadoo gabaa biyya alaaf dhiyaachuudhaan galii sharafa alaas argamsiisaa jira. Omishni avokaadoo kun irra jireessaan gabaa Awurooppaafi biyyoota bahaa kanneen akka Dubaay’f dhiyaachaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa aanichatti omishni avokaadoo sanyii fooyya’aa alergiif oolu toonii 30fi kan gabaa biyya keessaaf oolu toonii 50 ta’u kan ga’e ta’uu himanii, omishni kun biqiltuuwwan avokaadoo waggoota afur dura dhaabaman irraa kan argamu ta’uufi aanichatti omishni avokaadoo waggoota afurii as dachaadhaan dabaleera. Omishni avokaadoo gabaa biyya keessaafi biyya alaatiif dhiyaatus akkasuma dabalaa jiraachuu himu.

Wiirtichi waggaatti ija avokaadoo sanyii fooyya’aa qonnaan bultootarraa bituudhaan waldaalee biqiltuuwwan avokaadoo qopheessanitti gurguruudhaan qarshii miliyoona 1.5 argachaa jiraachuu himanii, dargaggoonniifi qonnaan bultoonni wiirtichatti leenji’anii ba’an waldaadhaan gurmaa’anii biqiltuuwwan qopheessuudhaan waggaatti galii guddaa argachaa jiru. Hojiin biqiltuuwwan qopheessuu kun dargaggoota baay’eef carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuus himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You