Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti sosochiin baargamoo ciranii hundeesaa buqqisanii baasuun kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuu daran cimee ittifufuun bu’aa guddaa argamsiisaa jira.
Naannichatti jiraataan Magaalaa Halaabaa Qulliittoo Obbo Abdulzakii Saaliyaa lafa baargamoon irra jiru ciranii hundeesaa buqqisuun kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuu hojii baay’ee ulfaataafi baasii guddaa gaafatuudha. Yeroo ammaa lafa baargamoon irra ture heektaara afur irra fuduraalee akka muuzii, avokaadoo, paappayyaafi kuduraalee gara garaatiin misoomsuu eeru.
Laficha marsaa sadiif timaatimii omishuun bu’aa guddaa irraa argachuu himanii, timaatimiin hidda lafa keessa waan gad hinfageeffanneef lafa baargamoon irra turerratti omisha gaarii kenna. Bara achaanu omisha timaatimii lafa baargamoo irraa ciranirra dhaabuudhaan qarshii miliyoona tokkoo ol kan argatan ta’uufi baargamoon laficharra ture waggaa saddeet keessatti qarshii miliyoona tokko mitii kuma 800tti gurguramee kan hinbeekne ta’uu himu.
Naannawicha baargamoon bara Dargii dhaabame bal’inaan jiraachuu himanii, faayidaa baargamoon qaburra miidhaansaa waan caaluuf hojiin baargamoo ciranii kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuu faayidaa olaanaa waan qabuuf naannawaa biraattis babal’atee ittifufuu qaba. Baargamoo mootummaa naannawaasaanii jiru ciramee kuduraaleefi fuduraalee gara garaan akka bakka bu’uuf mootummaan isaaniif ykn dargaggoota gurmaa’aniif akka kennus gaafataniiru.
Faayidaa baargamoon lafa heektaara tokkorra jiru waggaa dheeraa keessatti kennu laficha kuduraafi fuduraa omishuudhaan waggaa tokko keessatti bu’aa baargamoon waggaa 100 keessatti kennu argachuun ni danda’ama. Hojiin bargamoo ciranii kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuu kun carraa hojii bal’aa uumuurra darbee qaala’ina gatii tasgabbeessuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Yeroo ammaa dhaabbiidhaan namoota 12f kan yerootiin namoota 20f carraa hojii uumanii jiraachuu himanii, lafa baargamoon irra jiru ciranii omishaalee gara garaatiin bakka buusuun faayidaa olaanaa qaba. Lafa baargamoon irra jiru ciranii hiddasaa baasuun hojii ulfaataafi qarshii guddaa gaafatu ta’uus eeraniiru.
Lafa baargamoon irra ture ciranii erga qotanii booda biqilaa muuzii sanyii fooyya’aa kuma lamaafi 700 Arbaa Mincirraa Siinoo Tiraakii lamaan fidanii dhaabuu himanii, geejjibaaf qarshii kuma 54 kaffaluufi biqilaan muuzii kun yeroo ammaa biqilaa biraa dhalee waan jiruuf omisha muuzii kana babal’isuuf hojjechaa jiraachuufi yeroo ammaa lafa baargamoon irra ture heektaara afur shunkurtii, raafuu, timaatimii, muuzii, avokaadoon misoomsanii jirachuus himaniiru.
Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti Jiraataan Godina Kambaataa, Aanaa Qaacaa Biraa, Ganda Weeraramaa Obbo Dastaa Anfooree baargamoo lafa heektara sadiirraa ciranii muuzii, goodarree, shunkurtiifi qaaraadhaan uwwisuufi biqilaa avokaadoofi paappayyaa dhaabuuf lafa qopheessaa jiraachuu himu.
Hojiin lafa baargamoo ciranii kuduraaleefi fuduraalee gara garaan bakka buusuu kun wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, qonnaan bultoonni naannawaasaaniis isaanirra muuxannoo qooddachuun lafa baargamoon irra jiru ciranii kuduraaleefi fuduraalee gara garaatiin bakka buusaa jiraachuus eeraniiru.
Yeroo jalqaba lafa baargamoo ciruu jalqaban abbaafi haati warraa isaanii ittiin mormaa turuu eeranii, lafti duraan baargamoon irra ture kuduraaleefi fuduraalee gara garaatiin uwwifamee wayita argan garuu isaan gargaaranii hojjechuu kan jalqaban ta’uu himu.
Hojii lafa baargamoo ciranii omishaalee gara garaatiin bakka buusuu kanaan dhaabbiidhaan namoota 12fi yeroodhaan ammoo namoota 30f carraa hojii uumanii jiraachuu himanii, bakkichatti hojii loowwan aannanii horsiisuu jalqabuuf qophiirra jiraachuus eeraniiru.
Godina Silxee, Aanaa Silxeetti jiraataan Ganda Saddaa Booraa Obbo Nasiruu Hamzaa akka jedhanitti, lafa baargamoon waggoota 30 oliif irra ture ciranii omishaalee akka muuzii, bunaa, warqee, avokaadootiin uwwisaniiru.
Baargamoo dhaabuun faayidaasaarra miidhaasaa waan caaluuf hojiin baargamoo ciranii omishaalee gara garaatiin bakka buusuu kun daran cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru.
Aanichumatti jiraataan Ganda Garbii Bar Obbo Ahmad Rashiid akka jedhanitti, lafa baargamoon waggoota 30 oliif irra ture ciranii biqilaa muuzii mootummaan Arbaa Mincirraa isaaniif fide kilaasteraan dhaabuun yeroo ammaa irraa fayyadamaa jiru. Kilaasterri muuzii kun lafa heektaara 20 irratti misoomee jiraachuufi biqilaa muuziin haadhoo dhale tokkoonsaa qarshii 25-40n gurguraa jiraachuus himu.
Biqilaan muuzii waggaa guutuu omisha kan kennu ta’uu himanii, omishni muuzii kun yeroo ammaa naannawichatti daran babal’achaa jira. Omishni muuzii kanaan dura naannawichatti kan hinbaratamne ta’uufi yeroo ammaa qonnaan bultoonni naannawichaa faayidaa omisha muuziirra argamu sirriitti hubatanii bal’inaan omishaa jiraachuus himaniiru.
Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti, Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti, Qindeessaan Kilaastera Misooma Qonnaafi Baadiyyaafi Hogganaa Biiroo Qonnaa Obbo Usmaan Surur akka jedhanitti, naannichatti hojiin lafa baargamoon irra jiru ciranii bakkasaa kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu bal’inaan adeemsifamaa jira. Hojiin kun Godina Silxee, Aanaa Silxee naannawaa Haroo Silxeetti bal’inaan adeemsifameera. Hojichatti seenuun dura qonnaan bultootaan mari’atanii kan amansiisan ta’uu himu.
Qonnaan bultoonni naannawaa Haroo Silxee Adoolessa 22 bara 2014 lafa heektaara 25 baargamoon waggaa soddomaa oliif irra ture ciranii biqilaa muuzii Arbaa Mincirraa fidanii kilaasteraan dhaabuu himanii, lafti baargamoo waggaa kudhan keessatti altokko omisha kennaa ture yeroo ammaa waggaa guutuu omisha kennaa jiraachuu eeru.
Akka Obbo Usmaan jedhanitti, lafti meetir iskuweeriin tokko yoo baay’ate baargamoo hundee lama qabata. Baargamoon lafa meetir iskuweerii tokkorra dhaabbate kun waggaaa shanii hanga saddeetii keessatti ga’uun qarshii 150-200tti gurgurama. Muuziin lafa meetir iskuweerii tokkorra dhaabamu tokko ammoo waggaatti biqilaa muuzii 10-14tti dhala. Biqilaan muuzii tokko yoo xiqqaate qarshii 30tti gurgurama. Biqilaa muuziin haadhoo waggaatti dhale keessaa saddeet yoo gurgurre waggaatti qarshii 240 arganna. Biqilaa muuzii haadhoo dhalu qofa gurguruudhaan waggaa keessatti qarshii 500 argachuu dandeenya. Hojiin lafa baargamoon irra jiru ciruun kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu Guraagee, Silxeefi Halaabaatti bal’inaan adeemsifamaa jira.
Faayidaafi miidhaa baargamoo dhaabuun qabu hubachuun eessa dhaabuu akka qabnu beekuun barbaachisaadha. Baargamoon lafaafi madda bishaanii waan gogsuuf naannawaa bishaaniis ta’e lafa qonnaa dhaabuu hinqabnu. Lafa baargamoon irra jiru ciranii gabbisuunillee yeroo dheeraa fudhata. Lafa baargamoon irra jiru cirree kuduraaleefi fuduraaleen bakka buusaa kan jirru baargamoo jibbinee utuu hintaane miidhaa inni dinagdeerrattis ta’e qabeenya biyyeefi bishaaniirran ga’aa jiru hir’isuu qofa utuu hintaane dhabamsiisuuf ta’uus eeraniiru.
Pirezidaantiin Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa Obbo Indaashaawu Xaasawu dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, naannawichatti hojiin baargamoo muranii bakka sana kuduraaleefi muduraalee gara garaa dhaabuu bal’inaan adeemsifamaa jira. Baargamoon hidda lafa keessa gadfageeffachuun bishaan lafa keessaas ta’e madda naannawaa gogsa. Baargamoon erga si’a tokko dhaabamee waggaa torbaafi isaa ol keessatti waan ga’uuf bu’aan waggaa waggaan omisha kanarra argamu hinjiru.
Qonnaan bultoota amansiisuudhaan hojiin baargamoo hundeesaa buqqisanii kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu himanii, hojiin kun Aanaa Silxeetti erga jalqabee waggaa sadii ta’uufi yeroo ammaa aanaalee hedduutti babal’atee jira.
Lafti baargamoo yeroo ammaa biqilaa maangoo, avokaadoo, muuziifi kuduraalee gara garaatiin bakka bu’aa jiraachuus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016