Bishaan qabeenyawwan uumamaan nuu kennaman keessaa isa olaanaafi jireenya lubbuu qabeeyyiitiif daran murteessaa ta’eedha. Waan bishaan malee lubbuun jiraachuun jiraachuun hindanda’amneef bishaan lubbuudha jedhama.
Bishaan malee misoomni hin yaadamu, misooma sadarkuma tokkollee deemsisuun hindanda’amu. Bishaan lubbuudhaaf kenname waan ta’eef maalumaanuu madaaluu hindandeenyu.
Doktar Waaqgaarii Furii barsiisaa Yunivarsiitii Finfinneeti. Hayyuun kun tibbana ogeeyyii bishaanii Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatiif leenjii kennanii turan. Leenjii kennan maddiitti beekumsaafi muuxannoo qaban haala ittaanuun qoodaniiru.
Haala ittifayyadama qabeenya bishaaniifi ogummaasaa
Qabeenya bishaanii bulchuufi sirnaan ittifayyadamuun ogummaafi beekumsa olaanaa barbaada. Hojiin bishaanii beekumsaafi ogummaa olaanaa barbaada.
Ogummaa malee ummata bishaan qulqulluu obaasuun akka hindanda’amu. Yoo ogummaarratti hundoofnee hojjenne garuu haaluma salphaan tajaajila ummata biraan gahuu dandeenya.
Biyyoonni guddatan ka’umsi guddinasaanii qabeenya bishaaniisaanii sirriitti fayyadamuudha. Biyyi kamuu yoo qabeenya bishaaniisheetti hingargaaramne guddina yaadamu galmeessisuuf nirakkatti.
Sababnisaas galteen misoomaa inni duraa waan bishaan ta’eefi. Namni yoo bishaan dhuge, qulqullaa’e, nageenya argate malee misoomatti bahuu hindanda’u.
Waanti nyaatamu bishaanirraa dhufa, nyaachuufillee bishaan nu barbaachisa. Kanaaf bishaan waa hunda. Bishaaniifi faayidaasaa jecha tokkoon kana jedhamee waan ibsamu miti.
Qabeenya bishaanii addunyaa, Itoophiyaafi Oromiyaa
Addunyaan kun harki sadii keessaa harki lama bishaani. Harki lama bishaani jedhamus hundi qulquulluudha jechuu hindandeenyu. Galaanota guguddoo dabalatee harki 97.6 bishaaniin uwwifamtee jirti. Bishaan qulqulluu kan taate %2.6 addunyaan kun fayyadama. Ishee harka 2.6 gara harka 100tti fidnee yoo ilaalle garri caalaan bishaan lafa jalaa gara harka 36 kan qabatu yoo ta’u inni hafe gara harki lama bishaan lafa irraati. Kunis bishaanota yaa’an ‘river streem, haroo, (Glashar) Kan cabbiin uwwifamanii jiran dabalatee jechuudha.
Biyyi keenyas bishaan gahaa qabdi. Fakkeenyaaf bokkaan waggaa waggaatti roobu meetirkiyuubii biliyoonaan lakkaa’amu ta’a. Roobni kun qabeenya bishaan biyyi keenya qabdu jechuun nidanda’ama.
Akka biyyaatti Roobni waggaa waggaan roobu gara meetirkiyuubii biliyoonaa 100 hanga 110 ta’a. Kana jechuun ija saayinsiitiin kan jedhamu waggaa waggaatti kan haareffamu jechuudha. Qabeenyi bishaanii kun kan deemu malee kan kuufamee taa’uu miti jechuudha.
Akka Oromiyaatis Roobni waggaa waggaan roobu meetirkiyuubii gara biliyoonaa 400 hanga 500 ta’a. Kan lafa seenu meetirkiyuubii biliyoonaa 35 hanga 45 ta’a. Bokkaa roobaa jiru kanatti akka Oromiyaatti haala barbaadamuun ittigargaaramaa hinjirru.
Kanaafi, rakkoo bishaanii qabna jennee kan dubbannuuf. Kun haala saayinsaawaa taa’een ittigargaaramuu dhabuufi akkaataa itti gargaaramaa jirrutu nu dhabsiise malee Oromiyaan qabeenya bishaaniin badhaatuudha.
Akka Afrikaatti Koongootti aanee biyyi qabeenya Bishaaniin badhaatuu taate Itoophiyaadha. Itoophiyaan sadarkaa qabeenya bishaaniin akka ardiitti sadarkaa 2ffaa irratti argamti jechuudha. Garuu hammam itti gargaaramaa jirra yoo jenne kan walnugaafachiisuudha.
Yommuu pirojektiin bishaanii hojjetamu bishaan dhabamuu
“Bishaan lafa jalaa iddoo ittikuufamu qaba. Iddoo bishaan lafa jalaa jiru kun ammoo qorannoodhaan adda baha. Bishaan lafa jalaa bakka irra deemu, bakka ittikuufamee jiru kan sirriitti agarsiisu qorannoodha.
Qorannoo geggeessuuf ogeessa cimaa gaafata. Bishaan callisameedhuma hinqotamu. Dura qorannoodhaan adda baafama. Yoo hanqinni qorannoo jiaate erga boolli qotamee booda bishaan dhabamuu danda’a.Yeroo tokko tokko qotiinsi boollaa taasifamu ogeessaan ta’uu dhabuunis rakkoo kana hordofsiisuu danda’a.
Yoo ogummaafi saayinsii walitti fidnee hojjenne malee bishaan nidhabama. Kun immoo baasii garmalee hinmalleef nu saaxila. Kanaaf hanqina ogummaafi teknolojii malee qotuun bishaan dhabamuufi boolli goguun nimudata.
Furmaata kanaa
Rakkoo kana furuuf dandeettii ogeessotaa leenjiidhaan gahoomsuudha. Kana gochuun hojii hojjennu karoorsuu, waan karoorsine akkaataa karoorsineen hojiitti hiikuudha. Karoorri waan baay’ee of keessaa qaba. Innis qorannoofi dizaayinii taasisuu, ispeesifikeeshinii baasuufi rakkoowwan gama kanaan jiran furuuf murteessadha.
Erga qorannoon ispeesifikeeshiniidhaan adda bahee immoo rakkoo hojiirratti mudatu furuuf keessumaa geggeessuufi hordofuu, dafanii xumuruurratti, inni xumurames umurii dheeraa akka qabaatu taasisa.
Dhaamsa Hoggantuu Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miliyoon Baqqalaa
Ittifufiinsa leenjii
Qaawwa ogummaafi dandeettii raawwachiisummaa hojiirratti mul’atu furuuf Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Ogeessota bishaanii sdarkaa Naannoorraa eegalee hanga aanaatti jiraniif leenjii kennuu eegale ittifufa.
Rakkoo gama ogummaa dhabuun uumamu furuuf leenjichi murteessaa ta’uun hubatameera. Qaamni deggartootaafi qooda fudhattootaas kana hubachuun tumsa barbaachisu taasisuun barbaachisaadha.
Pirojektota keenya hordofuufi sirnaan hojjetamanii fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hidhannoon teknolojiifi beekumsaa akkaan nibarbaachisu. Kanaafuu ogeessota bishaanii keenya yeroo yeroon leenjisanii gahoomsuun murteessaa ta’uu Hoggantuun Biirichaa Inj. Miliyoon Baqqalaas wayita leenjiin ogeessota Bishaanii sadarkaa naannoofi Godinaaleef kennamu eegalchiisan himaniiru.
Bishaan Lubbuudha!
BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016