“Imaammanni jijjiiramaa teknolojiiwwan baraa hidhachuufi qorannoo saayinsaawaarratti hundaa’uu gaafata” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Manii damee qonnaa keenya guutumatti ceesisuuf qabanne milkeessuuf dhimmoonni akka Itti fufiinsa, saffisa, baay’inaafi qulqullinaa ijoodha. Imaammanni jijjiiramaa kun teknolojiiwwan baraa hidhachuu, akkasumas qorannoo saayinsaawaarratti hundaa’uu gaafata.

Kanaafis Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaafi Yunivarsiitilee naannoo keenyatti argaman waliin hojjechuutti kan jirru yoota’u, inistiitiyuutichi giddugala qorannoo hedduu hundeessuun xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jira.

Qorannoo qonnaatiin teknolojii qonnaa fedhii lammiilee bu’uureffatan, haala jijjiirama qilleensaa dandamatan, akkasumas omishaafi omishtummaa dabalan dhiyeessuufi babaldhisuu akkasumas fedhii odeeffannoo guutuun jiruufi jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa keenyaa jijjiiruuf hojjechaa jirra.

Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa waggoota kurnan sadan darbanitti sanyiiwwan haaraa adda addaa gadi lakkisaa turus, kan baranaa baay’inaanis ta’ee qulqullina omishaatiin daraan olaanaadha. Barichatti teknoolojiiwwan midhaan nyaataa, midhaan alergiifi sanyii nyaata beeyladaa fayyadamummaa qotee/ horsiisee bulaa mirkaneeessan haaraa 34 bu’aaqabeessummaansaanii qorannoon mirkanaa’e gadi lakkiseera. Kana keessaa 27 midhaan nyaataa akkasumas torba nyaata beeyladaati.

Akaakuuwwan midhaanii gadi lakkifaman keessaa wabii nyaataa mirkaneessuurratti, Qamadii, Garbuu, Ruuzii, Daagujjaa, Moosee, Mixaaxisha, alergii dabaluufi kanneen alaa galan bakka buusuurratti, Buna, Qamadii Paastaa, Garbuu Biiraa, Sinsina, Shumburaa (‘Kabuli type’), Boloqqee akaakuuwwan adda addaafi mi’eessituuwwan akka Abasuudaafi Dimbilaalaa isaan muraasa.

Teknolojiiwwan haaraa gadi lakkifaman kunneenis sanyii fooyya’aa omisha keessan jirurra omishtummaadhaa %10 kan qabaniidha. Akkasumas qabiyyeefi qulqullina warshaaleefi alergiif barbaachisan kanneen akka qabiyyee zayitii, qabiyyee pirootinii, haalluu sanyii (‘export seed color’), guguddina sanyii (‘export seed size’)fi kkf caalmaa qabu. Dabalataanis bakkeewwan hanqina roobaa qabaniif (Oromiyaa bahaa) sanyiiwwan dafanii gahan; rooba gahaa qabaniif (Oromiyaa lixaafi kibba lixaa) jiidha dandamatan raabsamaniiru.

Keessumattuu alergiifi galii biyya keenya daran guddisuu keessatti qooda olaanaa kan qabu sanyii bunaa haaraa, omishaafi omishtummaan isaa daraan olaanaa ta’e lama qorannoo yeroo dheeraa booda bara kana walta’iinsa Giddugaleessota Qorannoo Qonnaa Machaaraafi Sinaanaatiin gadi lakkisuun danda’ameera.

Sanyiiwwaan bara kana raabsaman irratti Giddugaleessonni Qorannoo Qonnaa jaha (06) kan hirmaatan yoota’u, baay’ina sanyii haaraa gadi lakkifamaniin Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa akka biyyaafi naannootti sadarkaa 1ffaa akka qabatu dandeessisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee qonnaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa kan jiru yoota’u, dinagdee randaafi ittifufiinsa qabu dhugoomsuuf qooda fudhattoota hunda waliin hojjechuu kan ittifufu ta’a jedhan Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa karaa miidiyaa hawaasummaasaanii tibbana dabarsaniin.

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You