Godina Haragee Bahaa naannawa Magaalaa, Awwadaay dachee Sheekfiniintu biqilche, bara 1940 addunyaa kanatti dhufuun bu’aa bahii hadhaa’aafi qabsoo jireenyaa, tokko lama jedhanii dhandhamuu eegalan.
Isa ‘ilmi miila fageeffatu waa olkeewwata’ jedhan dhagahuun Sheekfiniinirraa gara Dirree Dhawaatti imaluun 1953 magalattiin nooruu jettee lubbuu kana simatte.
Daldalli magaalaa Dirree Dhawaa Araboota fagoorraa dhufaniin guutamteetti. Hunduu walkeessa bubbisa. Jiraattonniifi qonnaan bultoonni waan ooyruun qonnaa hore waan nyaataaf oolu, qorichoota aadaa garagaraa qabatanii gabaa quufsaa jiru.
Daldaltoonni biyyoota Arabaati dhufan urgooftuu, libaanata, qorichoota aadaa, uffata, meeshaalee elektirooniksii, nyaatota gara garaa qabatanii gabaa Dirree Dhawaa malkaa warraaqsa dinagdee gochuun halkaniifi guyyaa walitti hojjetu.
Walakkaa gabaa seeneen asii achi ilaale, garaan naboora’e. Kanarraa kan ka’e jaalala magaalaa Dirree Dhawaan keessikoo mo’amee gabaa kanatti makamuun, anis dinagdeekoo fooyyessuun qaba jedheen murteeffadhe; waadaas gale jedhu Obbo Mahaammad Abduraahimaan (Sheekaa Paastaan).
Haala Magaalaa Dirree Dawaa kana erga hubatanii ilaalanii booda gara Awwadaay ‘Sheekfiniin’tti deebi’uun haaldureewwan isaan barbaachisan guuttachuun turtii waggoota muraasaa booda firaafi ollaatti nagaa dhaammatanii 1966 dhaabbiidhaan Dirree Dhawaa jiraachuuf waan barbaachisu galaafatanii deebi’an.
Baruma sana lammiilee biyya alaa Dirree Dawaa keessatti mana nyaataa bananii hojjetan biratti mindeeffamuun hojjechuu eegalu. Mindaa xiqqoo achi keessatti hojjetanii argatan walitti kuufatanii irra caalatti ammoo muuxannoo hojiin itti hojjetamu keessumaa akkaataa paastaan ittiqophaa’u daran gabbifachuun of ta’uuf gadi jedhanii hojjetaa turan.
Deemsa keessa muuxannoo paastaan ittihojjetamu erga horatanii booda mana nyaataa paastaa dhuunfaatti banachuun yeroo jalqabaatiif paastaa Dirree Dhawaa keessatti hawaasaan barsiisuusaaniin maqaa Sheekaa Paastaa jedhamu argataniiru.
Obbo Mahaammad Abduraahimaan, Magaalaa Dirree Dawaa, ganda Kooneelitti mana nyaataa paastaa kana banatanii hawaasasaaniifi ofis tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, haadha warraa 13 fuudhuufi ilmaan 19 horachuu kaasu.
Ilmaansaanii hundi faffaca’anii kaan baratanii kaanimmoo hojii dhuunfaasaanii banatanii jireenya injifachuuf qabsoo taasisaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaatti haadha warraasaanii ishee xumuraafi ilmansanii isaan waliin jiran lama barsiisaa daldala paastaa kanaan jireenya mo’achuuf carraaqaa jiru.
Maqaa isaan Dirree Dhawaa keessatti qaban isaanirra darbee magaalattiis kan beeksise waan ta’eef manni gandaafi bakki hojii bulchiinsa magaalaatiin kennameefii hojiisaanii otoo dadhabe, mudhuke hinjedhiin takkaan hadhaa’aa jireenyaa lammatammoo dullumaan wal’aansoo qabaa ga’umsasaanii agarsiisaa jiru.
Inni guddaan Sheekaa Paastaa cimaa ta’uusaanii agarsiisu osoo hojiisaanii hintuffatiin, osoo bu’aa ba’ii jireenyaaf jilba hinlaafiin ilmaansanii 19n kanneen akka karaatti hinhafneef kufanii ka’aa hunduu akka dinagdeedhaan of danda’an taasisaniiru.
Har’as umriisaanii ganna 76tti ilmaansanii umrii saafelummaarra jiran lama bakkaan ga’uuf qoleetti cilee kuntaala tokko baatanii saayikilii oofaa sochii mana nyaataa paastaasanii si’eessaa jiru.
Gaazexaan Baraiisaas bakka hojiisaanii Dirree Dhawaatti argamuun turtii isaan waliin taasiseen Sheekaa Paastaan umriisaanii soorama ba’uu qaban kana keessatti qabsoo jireenya injifachuuf isaan taasisan barsiisaa waan ta’eef dubbistoota keenyaaf qooduuf barbaadne.
Ilmankoo bu’aa ba’ii jireenyaa ani arge akka hin agarreef kufee ka’ee hojjetaan jira; imalarra osoon jiruu yoon gufadhe karaatti hafu, kanaaf yoon maallaqa olkaa’uu dadhabe mala itti maallaqni argamu yoon agarsiise, gumaacha guddaadha kan jedhan Sheekaa Paastaan saafeloota guddinarra jiran bakkaan ga’achuuf har’allee xiiqiitti jiru.
Sheekaa Paastaan qabeenya guddaa qabu jechuu dandeenya. Innis fayyaadha. Waan fayyaa qabaniif umriisaanii ganna 76 ofis ilmaansaanii isaan jala jiran lamaan osoo harka nama biraa hinilaaliin akka guddataniif qoleetti cilee kuntaala tokko baatanii saayikilii oofaa daldala paastaan jiraataa jiru.
Qabeenyi guddaan fayyadha kan jedhan Sheekaa Paastaan waggoota dheeraa daldala nyaata paastaan maamilasaanii Dirree Dawaa biratti beekamtii guddaa horataniiru.
Fayyaa qabaachuunsaanii hojjetanii jireenyaa akka injifatan isaan taasiseera. Qabsoo isaan ittifufinsaan taasisanimmoo qabeenyarra maqaa guddaa kan arjoomeef yoo ta’u, Dirree Dhawaatti nama nyaata paastaa jalqaba walbarsiise waan ta’aniif maqaa masoo Sheekaa Paastaa jedhuun waamamaa jiru.
Maanguddoon ganna 76 Obbo Mahaammad Abduraahimaan (Sheekaa Paastaa) gatiittiitti cilee kuntaala tokko batanii harka tokkoon saayikilii oofuun jireenya injifachuuf kaataa jiru.
Qabsoo isaan taasisan kun deegaaf akka harka hinkennine ilmaansanii isaan jala turan kudha saglanuu karaatti akka hinhafne taasisuu himanii, Itoophiyaa keessa hojii osoo hintaane aadaa hojii keenyatu rakkoo qaba yaada jedhu kaasu.
Bara 1966 wayita Dirree Dhawaa dhufanii hojiilee gara garaa jalqaban waan hojii jedhame hunda osoo dadhabe, hinbeeku hinjedhiin of kennanii hojjetaa turuu eeru, milkaa’ina ijoolleensaanii irra gahan, innis barsiisanii akka hojjettoota mootummaa ta’an isaan taasiseera.
Ilmaansanii hammi kun qabsoo Sheekaa Paastaan taasisaniin kaan hojjettoota mootummaa kaanimmoo hojiilee dhuunfaa gara garaa keessatti bobba’uun jireenyasaanii akka mo’atan haala mijeesseeraaf.
Qabsoo Sheekaa Paastaan jireenya injifachuuf taasisan dargaggoota hojii barbaadaniif fakkeenya gaarii kan ta’u yoo ta’u akka isaan jedhanitti, Itoophiyaa keessa hojii osoo hintaane aadaa hojiitu badee ummata rakkisaa jira.
Namni kamuu naannawa jirutti carraa hojiilee gara garaa uummachuu danda’a jedhanii, miirri hojii filannaafi tuffii jiraachuu baannaan dinagdeedhaan of danda’uun salphaa ta’uu kaasu.
Sheekaa Paastaan cilee kuntaala tokkoon ala biddeena 50 harka tokkoon baatanii harka kanaaniin saayikilii oofuun bakka isaaniif dhiyaaturraa guyyuu gara mana nyaataasaaniitti geessanii qabsoo jireenyaaf taasisan qabatamaan agarsiisaa jiru.
Har’a umriinsaanii sooramaaf kan gahe ta’us mul’ataafi kutannoo harka namaa hinilaalu, ilmaan saafela najala jiru hinbeelessu, hindheebossu, lafa yaadaniinan gaha jedhuun kufanii ka’aa jiru.
Akkuma isaan dubbataniyyuu ilmaansaanii lamaan isaan waliin jiran barnootasaanii haalaan barachaa jiru. Tattaaffii abbaasaaniitti daran gammadu. Sababiin isaas abbaa cimaa deegaaf harka hinkennine Sheekaa Paastaa waan qabaniifi.
Namoonni kutaalee Itoophiyaa biroorraa gara Dirree Dhawaa dhaqan maqaasaanii gaafachuun hunduu dhufanii paastaakoo dhandhamanii najajjabeessanii deemu kan jedhan Sheekaa Paastaan qabeenyi guddaan isaan qaban maamilasaanii, beekamtii, fayyaafi ilmaansaanii barsiifachuu danda’uusaaniiti.
Biqiltuun Sheekfiniin har’a umrii ganna 76 kun akka warqiin abiddaan qoramu bu’aa ba’ii jireenyaa hammaataa keessa darbuun ijoollee 19 kunuunsee guddisuun har’allee miira ofitti amanamummaafi ciminaan hojii bara dargaggummaa eegalan hojjechaa of jiraachisaa jiru.
Har’i kaleessa miti. Teknolojiin babal’ateera. Haalli mijataan uumameeraaf. Of kennanii cimaanii hojjennaan geeddaramuun salphaadha kan jedhan Sheekaa Paastaan, dhaloonni hojii barbaaduu keessaa bahee aadaa ojii uummachuu gabbifachuu qaba jedhu.
Sheekaa Paastaan milkaa’aniiru. Innis ilmaan 19 guddisanii bakkaan gahuun injifannoo gammachiisaa ta’uu ykn dinagdee ilmaan kanneen ittiin guddisanii hojii qabsiisan ogummaa ofii uummataniin kan argataniidha malee kan eenyumtuu kenneef miti.
Ani kanan ilmaan koo guddise dargaggoonni keenyammoo eeggattummaa jalaa bahuun dinagdee ofii jijjiiruuf hojii salphaa maallaqni itti argamu uummachuun irraa eegama jedhan.
Hojii uumnee of jijjiiruu osoo dandeenyuu isa baranneen qofa jennee yoo teenye maatiin keenya rakkoo keessa seenuu danda’u. Ani qabeenya maatii dhaaleen ilmaan hinbarsiisne. Ta’us qabsoon jireenya waliin taasiseen qaawwa jiru duuchaa ilmaankoo walakkaan akka hojii uummatan, kaanimmoo mindeeffammanii akka of jijjiiran bu’uura buusuufii danda’eera jechuun ibsu.
Maanguddoo Sheekaa Paastaan har’as harka ilmaansaanii hinilaalu, ofii dhamaa’ee ilmaansaanii hafan lamaan barsiisaa haadha warraasaanii waliin maatii afur jiraachisaa jiru.
Beelli, dheebuun, argachuun, dhabuun maal akka ta’e itti qoraafamee argeera. Namni barbaade mana nyaataakoo dhufee nyaatee dhugee kan hinqabne yoo ta’e gaafa barbaade dhufee naa kenna. Kanarraa kan ka’e amantaa namoonni anarraa qabanis ta’e kan ani isaanirraa qabu daran cimaadha.
Namni mana nyaataa Sheekaa Paastaa dhaqu maallaqa kiisii dhabus hinyaadda’u. Sababnisaas akka nama mana haadhaafi abbaasaa dhaqee nyaatuutti gammachuun dhaquun dheebuufi beela baha.
Walumaagalatti jireenyi qabsoodha. Akkuma of kennanii hojjetan jijjiiramuun jiru masluufa taanaan gadadoon nyaatamuun hinoolu. Kanaafuu manguddoon kun hojii dargaggeessaa hojjechaa deegaaf harka hinkennadhu jedhanii hamma gahan agarsiisaa jiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016