Qabamuu jaraa dhageessani mitii?

Qabamaniiru jedhu; dhugaa qabamaniiruu laata? adabbii akkamiitu isaanirratti darbe? barsiisaadhamoo kan isaan jajjabeessuudha, ormi maal irraa barata isa jedhu taa’ee yaadeen deebii dhabe. Kanaafuu qabamuunsaanii kun dhugaadhamoo fafakkeessuuf kan kaayyeffateedha laata jedheen ammas ofan gaafadhe.

Jarri kun dhala namaaf qofa miti uumama lafarra jiru maraaf farra, nyaapha; diina yoon jedhe isaan hinibsu. Maaliif yoo jettan miira namummaa keessaa bahanii waan jiraniif gaga’ama dhala namaafi uumama lafaarra gahuuf wanti isaan dhukkubu hinjiru. Sababnisaas faayidaa battalaa argatan qofaan warra raafamaniidha.

Duuti dhala namaa isaaniif hiika homaa hinqabu sababnisaas galiifi dinagdeesaanii kan ittiin cimsatan waan ta’eef hojii yakkaa kamiyyuu hojjechuuf duubatti hinjedhani.

Dhimma kana taa’ee buusee baasee itti yaadee ilaaleen dhala namaa wanti garaa walitti jabeesse maali? Sodaa waaqaa dhabuudhaa? Amantii dhabuutii?

Kana hundaa qaba haata’u garuu dhalli namaa waaqasaa caalaa garaasaa jaalachuusaarraa kan ka’e yakka garajabummaa walirratti raawwachuu aadeffataa dhufuun har’a nageenya waloo booressuun tokko isa kaan ajjeesee akka waan qofaasaa addunyaa kanarratti hafuu dinagdeesaa cimsuuf yoo kaatu mul’ata.

Babal’achuu yakka akkanaatiif sababa kan ta’emmoo maali jedheen taa’een yaade silaa yakkamaan ykn shakkamaan to’annaa jala oole harkaafi harkatti qabame oduu jedhu guyyuu dhageenya,jarri qabaman kunniin irratti murteen jabaa inni kaan irraa baratu yoo darbu hindhageenye.

Yakkichi akka yakka salphaatti waan ilaalameef haata’uu seera adabbii yakkaa taa’etu madaalawaa hintaane haata’uu hinbeeku yakkamaafi shakkamaan yakkasaarraa baratee of sirreessu tarkaanfiin kaaniifis barsiisaa ta’e yoo fudhatamu hindhageenyu.

Dubbiin kun hudhaa jabduu biyya sabaaf sablammootaa kan taate Itoophiyaaf qormaata guddaa ta’aa kan jirtu yoo ta’u, yeroo ammaattis qaawwa qawween nutti baneen nageenyi keenya boora’aa jira, wal ajjeesuun, walmadeessuun walari’achuun walbuqqisuun aadeeffatameera.

Yakkota akkanaa kanaaf galtee ta’ee kan tajaajilaa jiru eenyu isa jedhu ofirra deebinee gaafa ilaallu daldaltoota meeshaalee waraanaa seeraan alaa yoo ta’an ammaan kanallee baay’ee hammaataa jira.

Daldaltoonni meeshaa waraanaa seeraan alaa kunniin faayidaa dhuunfaasaaniin argataniin alatti soortuu finxaaleyyii ta’anii nageenya waaraa biyyaa booressaa kan jiran yoo ta’u, yakkasaanii kanarraa akka hindeebineef ykn immoo itti fufinsaan akka hojjetaniif sababa kan isaaniif ta’e yeroo qabamaniifi tarkaanfiin isaanirratti fudhatamu salphaa waan ta’eef qalbii diddiirrachuuf eeyyamamoo miti.

Kanarraa kan ka’e sodaan hawaasa keessa jiru olaanaadha,nageenyi yeroorraa yerootti boora’aa jira, shakkamtoonni meeshaa waraanaa seeraan alaa waliin qabaman oduu jedhu dhageenya haata’u garuu adabbiin akkamii irratti darbe isa jedhu hindhageenyu.

Takka takkammoo adabbiin fudhatame sun barsiisaa osoo hintaane yakkicha dabalataan akka hojjetu kan isa jajjabeessu ta’ee argama.

Kanarraa kan ka’e oduun daldaltoota meeshaalee waraanaa seeraan alaa qabamanirratti hidhaan waggaa lamaa ykn sadii murtaa’e jedhu yeroo dhagahamu kuni maal qabdi kun adabbii miti dabalataan yakkicha hojjetanii duroomuun gaariidha jedhee kan yaadu tokko lama miti.

Kanaaf mootummaan namoota meeshaa seeraan alaa waliin qabamanirratti tarkaanfii fudhachaa jiru cimsuu qaba. Jarri kunniin takkaan farra sirnaati, lammata ammoo dhala namaa dabalatee farra uumama lafarraati. Hawaasni qabamanii jara kanaa qofa dhagahuu osoo hintaane dhabamsiifamaniisaaniis dhagahuu qaba.

Yoo kun hintaane har’a qabamanii borummoo hiikamanii oduu jedhu dhagahuun yakkamaan irra deebiin yakkicha akka hojjetu kan isa kakaasu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu mala.

Daldalli meeshaa waraanaa seeraan alaa yeroorraa yerootti hammaataa jira kanumaan walqabatee yakkis hammaateera, falli jiru tokkoofi tokkoon olaantummaa seeraa kabachiisuu yakkamtootarrattis tarkaanfii madaalawaafi barsiisaa fudhachuun jijjiiramni yaadaa akka dhufu irratti hojjechuudha.

Finxaalessummaa akka biyyaatti babal’ataa jiruuf galtee guddaa ta’ee tajaajilaa kan jiru warreen meeshaalee waraanaa seeraan alaa deddeebisan yoo ta’u, tarkanfiin isaaniirratti fudhatamu barsiisaa akka ta’uuf xiyyeeffannoon gama mootummaan kennamuu qabu cimuun irra jiraata.

Namoota daddabarsa meeshalee waraanaa seeraan alaa gaggeessan sirreessaa deemuun dhiyeessii finxaaleyyiif oolu gogsuun nageenya waaraa biyyaa mirkaneessuu waan ta’eef hordoffii walirraa hincinne taasisuu, kanneen to’atamanirratti adabbii barsiisaa dabarsuufi biyya nageenyishii mirkanaa’e; badhaadhummaanshee lafa qabate ijaaruuf mootummaan uummata wajjin walhidhee hojjechuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You