Guyyaan ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa (HHGI) ittijalaqabame Kibxata darbe mataduree, “Gamtaadhaan dandeenyeerra” jedhuun kabajamera. Kamisa darberraa eegalees torban boondii guutummaa biyyaatti adeemsifamaa jira.
Torbee boondii kanaan qarshii miliyoona 100 walittiqabuufis kan karoorfame yoo ta’u, kanaafis Baankii Misooma Itoophiyaa, Baankiin Daldalaafi dhaabbileen maallaqaa hojjetaa jiraachuunsaanii eerameera.
Tattaaffii ijaarsa hidhichaatiif galii walittiqabuuf Adoolessa bara 2015 hanga Guraandhala 30 bara 2016tti taasifameen qarshii miliyoonni 931 .9 ta’u kan walittiqabame yoo ta’u, waggoota 13 darbanitti ammoo ummatarraa deggarsi qarshii biliyoona 19.1 ol sassaabamuu Waajjirri Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa tibbana beeksiseera.
Erga seensaaf haala waliigalaatiin hangana jennee sochii sadarkaa Oromiyaatti galii ijaarsa hidhichaatiif walittiqabuuf taasifame ilaalchisuun ammoo odeeffannoon Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Naannoo Oromiyaarraa arganne akka ittaanutti dhiyeessineerra.
Itoophiyaan biyya guddoofi qabeenya uumamaatiin badhaateedha. Qabeenyawwan uumamaa qabdu keessaa bishaan isa tokko. Biyyi keenya Abbayyaa dabalatee lageen guguddoo qabdu irratti hidha ijaaruuf fedhii baroota dheeraaf agarsiisaa kan turte yoo ta’ellee, tasgabbii siyaasaafi humna dinagdee pirojekticha ijaaruu ishe dandeessisu dhabuurraa kan ka’e milkaa’uu hindandeenye.
Waggoota muraasaa as garuu guddinni dinagdeefi jijjiiramni siyaasaa fooyya’iinsa agarsiisaa deemuusaatiin pirojektota misoomaa guguddoo lageen guguddoo akka biyyaatti qabdurratti hojjetamuu danda’anirratti xiyyeeffachuun humna elektiriikii guddaa dinagdee biyyattii jijjiruuf gargaaru maddisiisuu jalqabdeetti.
Haaluma HHGI waggaa 13 har’aa dhagaan bu’uuraa kaa’amee deggarsaafi liqii alaa tokko malee hirmaannaa ummataafi qabeenya biyyattiitiin ijaaramaa jira. Lammiileen biyya keenyaa sabummaa, amantaafi siyaasaan osoo walhinqoodin milkaa’ina ijaarsa pirojektii guddicha kanaatiif tokkummaan dhaabatanii addunyaa ajaa’ibsiisaniiru.
Ayyaana dhagaa bu’uuraa waggaa 13ffaa akka Oromiyaatti maree paanalii, fiigichaafi egzibishiniin kan kabajamu yoo ta’u, fiigichi geggeeffamus guyyaa injifannoo waggaa 6ffaa ministirri muummeen hidha Haaromsaa xumursiisuuf waadaa itti galan deggeruun ta’a.
HHGI fi hirmaannaa ummata Oromoo
Ummanni naannoo Oromiyaa milkaa’ina ijaarsa pirojektichaatiif yeroo eegalamee kaasee qabeenya, humna, beekumsaafi hoggansa kennuurraa eegalee hamilee guddaadhaan gumaachi bahachaa ture sadarkaa olaanaatti kan ilaalamudha.
Bittaa boondii, arjooma, ‘SMS 8100A’fi kunuunsa qabeenya misooma sululaa Hidha Haaromsa Guddichaa keessatti hirmaannaa guddaa gochaa tureera. Kana malees akka lageen garasitti yaa’aniin hidhichi biyyoodhaan hinguutamneef hojii misooma sululaafi ashaaraa magariisaatiin hirmaannaa olaanaa taasiseera.
Waliigalaan ummanni Oromoo milkaa’ina ijaarsa pirojektichaatiif qabeenya, humna, beekumsaafi hoggansa kennuun gumaachi ijaarsa pirojektichaarratti taasise guddaadha. Waggoota 13n darbanitti Oromiyaatti qarshii biliyoona 5.2 bittaa boondii, arjoomaafi ‘SMS 8100A’dhaan sassaabuuf karoorfamee qarshii biliyoona 6.7 ol sassaabuun danda’ameera.
Abbayya maqaa guddaa akka qabaatu kan taasisan lageen guguddoo biyya keenya keessaa burqaniidha. Isaan keessaa harki caalaan lageen Oromiyaa keessaa maddaniidha.
Kana jechuun Oromiyaan gama umamaatiinis Abbayyaaf gumaata guddaa dhiheessaa jiraachuusheeti. Akka qorannoon mul’isutti lageen guguddoon Oromiyaa sulula Abbayyaatti argaman (Jamaa, Hangar, Mogor, Daabbus, Dhidheessaa, Soor, Gabbaa, Gibee, Birbirriifi Gudar) %61 Abbayyaaf gumaachu.
Lageen kunniin akka HHGI’tti biyyoo hinguunneefi hidhichi umurii dheeraa akka qabaatuuf hojiin misooma sululaafi ashaaraa magariisaa Oromiyaa keessatti eega ijaarsisaa jalqabamee kaasee hojjetamaa tureera.
Keessumaa erga jijjiramni rifoormii hoggansa mootummaa biyya keenyatti taasifamee as akka naannoo Oromiyaatti biqiltuuleen biliyoona 18.46 lafa hektaara miliyoona 5.33 irra dhaabamaniiru. Hojii dhaabbii biqiltuu kanarrattis namoonni miliyoonni 59.7 dhiiraafi dubartiin yoo hirmaatan, biqiltoota dhaabaman keessaas %84.75 qabachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa ni mul’isa.
Gama misooma sululaatiinis daagaan kiiloomeetirri 1,360,201 hojjetameera. Hallayyaan m3 1,256,665 hidhamee lafti hektaarri 787,566 tuttuqaarraa bilisa ta’eera. Waliigalaan waggoota shanan yeroo jijjirama keessa ummanni naannichaa hojii misooma sululaa qarshii biliyoona 13, miliyoona 347, kuma 575fi 292 baasu hojjeteera.
Bu’aa bahiiwwan turan Dhiibbaa ykn qormaata keessaa
Qormaata biyya keessaa ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa mudatan keessaa shira siyaasaafi rakkoo nageenyaa eeruun ni danda’ama. Keessumaa murnoonni faallaa mootummaa jijjiiramaa ta’an humnoota alaa walin ta’uun pirojekticha gufachiisuuf daran dhama’aniiru. Jijjiirama dura humni aangoo mootummaa giddugaleessaa dhuunfatee tureefi kan saamichaafi qisaasama hamaa pirojjekticharratti raawwachaa ture; olola sobaa “Pirojektichi gurgurameera” jedhu tamsaasuun deeggarsa ummataa dhabsiisuuf yaaliin taasise guddaadha.
Ololli kun biyyarra darbee lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiran keessattillee burjaajii guddaa uumee ture. Mootummaan jijjiiramaa garuu, dhugaafi haqa qabatee, “Akkuma eegalletti xumurra” jechuun deeggarsa horachuuf sochii taasifameen, olola yaalame faccisuun shira yaadames fashaleessuun danda’ameera. Keessumaa karoorri bishaan kuusuuf qabame marsaa 1ffaan dhuma bara 2012tti dhugoomuusaatiin yaaliin humnoota faallaa abjuu ta’ee hafe. Guutiinsi bishaanii marsaa 2,3,4 jechuunis ittifufee deggersa ummataafi cimina mootummaatiin ijaarsi pirojjektichaa waliigallisaa har’a %95 irra gahuun gara xumuraatti dhihaachuu danda’eera.
Dhiibbaa alaa
Bara dheeraaf Itoophiyaan laga Abbayyaatti akka hinfayyadamne biyyoonni alaa dhiibbaa siyaasaafi dippilomaasii uumaa turuunsaanii nibeekama. Ijaarsi HHGI bara 2003tti erga eegalamee booda Misiriifi michuuwwanshee dhiibbaa dabalataa uumuudhaan Itoophiyaa doorsisaa turan.
Keessumaa erga mootummaan jijjiiramaa dhufee as Liigiin Arabaa, Mootummoonni Gamtoomaniifi mootummaan Ameerikaa bara bulchiinsa Doonaaldi Tiraampi ijaarsa pirojektichaa gufachiisuuf dhiibbaa cimaa uumaa turan.
Akka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad irra deddeebiin dubbataa turanitti fedhiin Itoophiyaa hiyyummaa mo’achuu malee warra kaan miidhuu waan hintaaneef ummanni mootummaasaa cinaa dhaabatee “Hidhi haaromsaa kan kooti” jechuudhaan biyya keessaafi alatti dirreewwan hundatti falmateera.
Fedhiin humnoota alaa Itoophiyaan ijaarsa kana akka dhaabdu ykn pirojektichi to’annoosaanii jala akka galu harka micciiruu ture. Kanaaf immoo Misiriifi Sudaan waliigaltee dirqisiisaan tokko akka mallattaa’u wawwaataa turaniyyuu ummanni dhimma pirojektichaarratti tokkummaan dhaabachuunsaa, keessumaa ummanni Oromoo yeroo kamuurra mootummaasaa wajjin ta’uun diina sochii dhorkuun pirojekticha milkeessuu danda’eera.
Qonjiit Baqqalaa, Hoggantuu Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Naannoo Oromiyaa!
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28 / 2016