Dargaggoo Obsaa Nuhoo Goobanaa, waggoota kurnan darbaniif sochii invastimantii biyyattii keessatti hirmaachuuf tattaaffii cimaarra kan jiru yemmuu ta’u, bu’aafi ba’iin jiru ulfaataa ta’us yeroo ammaa kana invastimantiiwwan lama eegalchiisuuf yeroo gabaabaatu isa hafa.
Agroprosesiingii, horsiisa beeyladaafi riil isteetiin immoo akaakuuwwan hojii dargaggeessi kun ittiin hojjachuuf socho’aa jiru yemmuu ta’u, hojiidhaaf yeroo hundaa kaayyoofi mul’ata guddaa malee karoorri xixiqqaan barbaachisoo akka hintaane dubbata.
Akka yaadasaatti; hojii invastimantiis ta’ee hojiiwwan akaakuu kamuu keessatti hirmaachuuf mul’ata guddaa qabaachuun barbaachisaadha. Mul’atni guddaan immoo kan barbaachisu namoota maallaqa guddaa qaban qofaaf miti.
Ati jalqabarraa kaayyoofi mul’ata guddaa qabaannaan maallaqni guddaan kan dhufuu danda’u isaan booda. Kanaaf yeroo ammaa turtii deddeebii waggoota kurnan darbaniitiin invastimantii guddaa ta’e, kan boqonnaa boqonnaadhaan raawwatamuu danda’u bocnee gara hojiitti galuuf qophii keessa jirra.
Yeroo hedduu namootni mul’ataafi karoora xixiqqaa baafatan kanneen haa xiqqaattus dafanii bu’aa wayii argachuu barbaadaniidha. Nuti immoo akkasii miti. Bu’aa argachuuf kan saffisnu osoo hintaane, bu’aa yeroosaa eeggatee dhufuufi ana qofaaf osoo hintaane biyyaafis waan guddaa ta’e qabatee dhufu tokko irratti hojjachuudha mul’anniifi karoorri keenya.
Karoora guddaa kana qabatanii biyyattiitti hojii invastimantii irratti hirmaachuuf bu’aa bahiiwwan hedduu keessa darbaa waan turreef rakkoolee xixiqqoo kanneen booda nu mudachuu danda’aniif wanti akka jilbeeffanu nu taasisu tokkollee ni jiraata jedhee hin yaadu.
Maashinootafi meeshaalee hojichaaf barbaachisan biyya alaatii bitanii galchuuf immoo sharafa alaa qaama dhimmi ilaalu gaafachuun dirqama waan ta’eef, sharafa alaa kana hanga barbaadamu argachuun walqabatee ammallee rakkoo guddaan jira. Rakkoon guddaan sharafa alaatiin walqabatee jiru kun akka furamuuf immoo omishoota hedduu gabaa alaatiif dhiheessuun barbaachisaa ta’a.
Omisha omishamee gabaa alaatiif dhihaatu kun karaa kallattii omishtootaatiin ta’uu qaba. Gaafa omishaan faddaalaan ala omishasaa gabaa alaatti barbaadamu tokko kallattiidhumaan ergu kan fayyadamu qonnaan bulaa irratti dadhabeefi biyyattiidha.
Kanaaf ‘riisarviin’ sharafa alaa gahaan akka jiraatu yoo barbaadame omisha biyya keessatti omishameefi gabaatti barbaadamu tokko kan gara alaatti erguu qabu yoo abbuma omishe sana ta’eedha.
Sababni guddaan namni omishe sun ofiisaatiif akka gabaa alaatti ergu taasifamuuf inni guddaan, namni omishe sun gatii omishaa gadaanaa waan qabuuf gabaa addunyaa keessattis osoo hedduu hinqaaleessine gurguratee ofiifis biyyaafis sharafa alaa galchuu waan danda’uufi.
Haala kanaan jara omishasaanii gara gabaa alaatti erguudhaan biyyaaf sharafa alaa argamsiisan kanneeniif sharafa alaa dabalataa kennuudhaan akka isaan omishasaanii babal’isanii sharafa alaa guddaa ta’e gara biyyaatti fidan taasisuunis hojii guddaa mootummaan baruu qabuudha.
Guddinniifi badhaadhinni biyya kanaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaa harka jira. Sababnisaa ummata biyya kanaa keessaa dhibbantaan 80 ol jiruusaanii kan gaggeeffatan dameewwan lamaan kanneenirratti waan ta’eefi. Kanaaf dhimmi qonnaan bulaa aangeessuufi omisha gahaa ta’e baay’inaafi qulqullinaan omishee kallattiidhaan gabaa alaatiif akka dhiheessu taasisuu waan akka salphaatti ilaalamuu hinqabneedha.
Biyya Kanaadaatti kan dhalate Dargaggoo Obsaan, yeroo ammaa dargaggootni biyyoota guddatan gara garaatti dhalatanii carraa barnootaafi beekumsa horatan hedduun gara biyyaatti dhufanii jiruufi jireenya ummataa furuuf hawwii guddaa kan qaban ta’uu hima.
Bilisummaa guddaan yeroo ammaatti kan argamuu danda’u siyaasaan osoo hintaane, dinagdeedhaan ta’uu kan himu Obsaan, sabni dinagdee cimaafi ittifufiinsa qabu horachuu danda’e tokko sodaa garbummaa qabaachuu akka hindandeenye ibsa.
Akka yaadasaatti; namni dinagdeedhaan gahoome jeequmsaafis hinariifatu. Qaama biraatiinis faayidaalee gara garaatiin sobamee kaayyoofi karoora keessasaa hinbeekne raawwachuuf hinmurteeffatu. Inni dinagdeedhaan hinijaaramneefi hiyyummaa keessa jiru garuu kaayyoo biyya jeequus qabaachuu baatu garaasaa guutuuf jecha gochi inni hinraawwanne hinjiraatu.
Kanaaf dargaggeessi biyya kanaa yeroo adda addaatti qaamota garaa garaatiin gara jeequmsaatti akka galu kan taasifamus sababa inni diinagdeedhaan of hindandeenyeefi. Kana waan ta’eef dargaggoota hojii dhabanii mandara keessa oolan gurmeessanii gara hojiitti galchuun hanga hindanda’amnetti, humnootni faayidaa siyaasaa barbaadan faayidaa muraasaan jara gara kallattii hinmalleetti oofuunsaanii waan ooluu miti. Kanaafis mootummaan dhimma kanarratti xiyyeeffannoodhaan osoo hojjatee gaariidha yaada jedhu qaba.
Ameerikaatti kan dhalateefi amma gara biyyaatti deebi’ee hojjachuudhaaf tattaafachaa kan jiru Dargaggoo Ahmad Jamaalis, jireenya gaarii biyya ormaatti jiraatan caalaa gara biyyaatti deebi’anii hojjachuun of qofaaf osoo hintaane, hawaasa keessaa bahaniifis akka galata galchuutti kan laakka’amu ta’uu dubbata.
Biyyuma itti dhalate, Ameerikaatti barnoota yunivarsitii barachuurratti kan argamu dargaggoo Ahmad, yeroo hedduu gara biyyatti dhufuudhaan garuu carraawwan invastimantii Oromiyaa keessa jiran ilaalaa akka ture dubbata. Biyyoota Afrikaa bahaa gara garaattis namoota biroo waliin ta’uun hojiiwwan invastimantii eegaluusaafi biyya kanattis carraawwan jiran adda baasee yeroo gabaabaa keessatti damee filataniin gara hojii invastimantiitti galuuf qophii ta’uu ibsa.
Akka yaadasaatti; daawwannaa hanga ammaatti kutaalee garaa garaatti taasiseen garuu carraa invastimantii qofa osoo hintaane, iddoowwan bu’uraaleen misoomaa gahaa hinqabne fakkeenyaaf mana barnootaa, buufata fayyaa, ambulaansiifi daandii mijataa hinqabne, hawaasa sababoota adda addaatiin qe’eesaarraa buqqa’ee gargaarsaaf saaxilametu jira.
Kanaafuu, iddoowwan rakkoon akkasii kunniin jiranitti miseensota diyaaspooraa kanneen biraa waliin ta’uun haala lammiilee kanneen itti gargaaruun danda’amurratti mari’achaa jirra. Biyya kanatti wanti baramuu qabu tokko, dhimma biyyaafii dhimma paartii siyaasaa gargar baasanii ilaaluudha jedha.
Paartiin siyaasaa kan garee tokkooti. Biyyi tun garuu kan lammiilee biyyattii kanaa hundaati. Kanaaf ilaalchi siyaasaa gara garaa jiraatus dhimma faayidaafi nageenya biyyaarratti ejjannoo tokko qabaachuufi waliin dhaabbachuun dhimma baratamuu qabuudha jechuunis ibsa.
Adeemsi haaraan akka kanaa caalaatti dhaloota haaraa dargaggootaan utubamuu qaba. Abbootiin keenya dur dhiibbaafi roorroo siyaasaa biyya kana keessa tureen biyya kanaa baqatanii biyya ormaatti nu dhalchan. Har’a sirni siyaasaa gaafas isaan biyyaa ari’e aangoo irra hinjiru. Garuu biyyattiin isaan gaafas dhiibbaa siyaasaa tureen dheessanii biraa adeeman sun har’as jirti.
Kanaafuu, ilaalcha biyyaafi paartii siyaasaa adda baasanii ilaaluudhaan dhimma waloo biyyaafi ummataarratti ejjannoo tokkoofi waliin hojjachuun akka biyya kanatti baramu taasisuu keessatti hirmaannaan dargaggootaa iddoo olaanaa akka qabu hubatamuu qaba jedha.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28 / 2016