Godinni Shawaa Kibba Lixaa godinaalee Oromiyaa 21n keessaa tokko yoo ta’u, iddoowwan hawwata turistii uumamaafi namtolchee hedduu qabaachuun beekama. Walisoon magaalaa guddoo godinichaa yoo taatu, Finfinneerraa kiiloo meetira 114 fagaattee argamti.
Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii godinichaa Obbo Fakkasaa Gammachuu dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, godinichi iddoowwan hawwata turisii uumamaafi namtolchee hedduu qaba. Isaan keessaa Bataskaanni Adaadii Maariyamii, kan Aanaa Qarsaa Maallimaatti argamu isa tokko.
Bataskaanichi dhagaa tokkorraa waqaramee kan hojjetame yoo ta’u, kutaawwan gara garaa 10fi foddaawwan 24 qaba. Bataskaanni Jaarraa 12ffaa keessa ijaarame kun iddoo tajaajilli amantii itti kennamuufi iddoo hawwata turistii godinichaafi biyyattii beekamaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu himu.
Awaash Malkaa Qunxurrees iddoowwan hawwata tuuristii godinichaa keessaa isa beekamaafi iddoo qorannoo arki’olojii itti adeemsifamuudha. Iddoon hawwata turistii kun dhiyeenyatti ‘UNESCO’tti kan galmaa’u ta’uus eeraniiru.
Awaash Malkaa Qunxurree akkuma Afrikaattuu iddoo beekamaa qorannoon arki’olojii itti adeemsifamuudha. Iddoon hawwata turistii kun muuziyeemoota afur qaba. Ijaarsi godambaawwan afranii akkaataa aadaa ijaarsa mana jireenyaa hawaasa naannawa ibsuun mana citaarraa kan ijaaraman ta’uu dubbatu.
Godambaan jalqabaa odeeffannoo guutuu iddoo hawwata turistichaafi qorannoowwaman bakkichatti taasifamaniifi maqaa qorattootaa kan kennu yoo ta’u, inni lammaffaan meeshaalee dhalli namaa utuu qaroominni hindhufin dhagaafi muka irraa hojjetee ittifayyadamaa ture ibsa.
Godambaa sadaffaa keessatti ammoo haftee lafee namaafi bineensotaatu keessatti argama. Godambaan afraffaan iddoo hambaaleen meeshaalee dhagaafi hafteen lafee bineensotaa keessatti argamaniidha. Awaash Malkaa Qunxurree iddoo qorannoon arki’olojii itti adeemsifamu kun akkuma Afrikaattuu beekamaa ta’uus eeraniiru.
Godinichi holqawwan uumamaafi namtolchee qoratamaniifi hinqoratamne hedduu kan qabu ta’uu himanii, isaan keessaa holqawwan Adaree, Burqituufi Sillaasee akka fakkeenyaatti eeraraniiru.
Godinichi dhagaawwan dhaabbii, barreeffamaafi fakkiiwwan gara garaa qaban akkasumas fincaa’aawwan kanneen akka reebuu kan qabu ta’uus eeraniiru.
Haroon Wancii iddoowwan Hawwata turistii godinichaa yeroo ammaa sagantaa ‘Maaddii Biyyaaf’n misoomee tajaajila kennaa jiru ta’uu himanii, harichi yeroo ammaa iddoo hawwata turistii addunyaa filatamaafi jaalatamaa ta’ee turistoota biyya keessaafi alaatiin daawwatamaa jiraachuu eeru.
Iddoowwan hawwata turistii godinichaa sirriitti daangeffamanii eegamuufi kunuufamuu akka qaban himanii, kanneen hinqoratamne ammoo sirriitti qoratamuu akka qabaniifi mootummaanis damee turizimiif xiyyeeffannaa addaa kennaa jiraachuu eeru.
Godinichatti iddoowwan hawwata turistii 78 ta’an adda ba’anii kaartaa abbaa qabeenyummaa argataniiru kan jedhan Obbo Fakkansaan, iddoowwan hawwata turistii kunneen haalaan misoomanii faayidaa barbaachisu kennaa hinjiran. Iddoowwan hawwata turistii adda bahan kunneen iddoo Sirni Gadaa itti adeemsifamuufi duudhaaleen adda addaa itti raawwataman kan dabalatu ta’uus himaniiru.
Iddoowwan hawwata turistii godinichatti argaman namoota kuma tokkoofi 943 carraa hojii uumuu eeranii, kun ga’aa waan hintaaneef ammayyuu xiyyeeffannaa addaan irratti hojjetamuu qaba jedhan.
Mootummaan damee turizimii utubaawwan guddina dinagdee biyyattii shanan keessaa tokko taasisuun xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016