Teknolojii Maanaajimanti Sistam: Sirna bulchiinsa horata mootummaa ammayyeessu

Ammaan tana sirna qabiinsaafi bulchiinsa akkasumas ittifayyadama horata mootummaafi ummataa dijitaalessuuf tattaaffiiwwan adda addaa taasifamaa jiru. Moosaajiiwwan kanaaf oolanis misoomanii hojiirra oolfamuurratti argamu.

Kunis horata mootummaafi ummataa mooraa waajjiraa keessatti daggalaan nyaatamuun, abbumti fedhe maal na dhibdeedhaan horata baay’ee mankuusaa baasee akka qisaasamu taasifamuun, otoo horanni bakka tokkotti irraa hafaa ta’e jiruu inni kaan meeshaa ittiin hojjetu dhabee rakkachuun taateewwan guyyuu waajjiraalee mootummaatti mul’atan baay’ee keessaa muraasa.

Horanni mootummaa akeeka yaadameef akka ooluufi oggaa dhabamsiifamus karooraafi haala mootummaafi ummataaf faayidaa kennuun ta’uu qaba. Kanaafis waajjiraaleen bu’uura qajeelfama kennamuufiitiin hojmaatasaanii dijitaalessaniifi ammayyeessanii sirnaan hojiirra oolchuu qabu.

Hanqinoota galmeessa, bulchiinsaa qabiinsa horata mootummaa karaa barameen ykn maanuwaaliin adeemsifamuun mudachaa ture kan hubate Biiroon Maallaqaa Oromiyaa mala ammayyaawaa rakkoolee kanneen furu dha’ee hojjetaa jiraachuudha kan odeeffanne.

Biirichatti dursituun garee bulchiinsa horataa Aadde Tigisti Kabbabawu ibsa tibbana dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, biirichi qisaasama horata mootummaarra qaqqabaa ture maqsuuf teknolojii, ‘Teknolojii Maanaajimanti Sistam’ (‘TMS’) jedhamu Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknolojii Oromiyaa wajjin ta’uun hojiirra oolchaa jira.

Labsiifi qajeelfama mootummaa

Labsiifi qajeelfamni mootummaan hojiirra oolchaa jedhee nuu kenne jira. Naannoo Oromiyaatti hojmaanni qabsiinsa horataa akka lafa qabatuuf biiroon keenya waggaatti yeroo lama leenjii kenna. Leenjichi ogeessota aanaalee, godinaaleefi bulchiinsota magaalaa 19rraa babahaniif kennama.

Leenjiin kennamus hojiin maanuwaalii ykn akkuma barametti hojjetamu lafa qabachuu hindandeenye. Ittigaafatamummaa mootummaan akka hojjennuuf nuu kenneen hojicha lafa qabsiisuun hindanda’amne. Ogeessota adda addaa leenjisnullee haala barbaadameen hojiirra oolchuu hindandeenye.

Kanaafis sababiin akkuma naannoottuu ogeessi hojii gadilakkisuun nijira. Qaawwa kana guutuuf waggaa waggaadhaan leenjii nikennina. Garuu hojiin bulchiinsa horataa maaniiwaaliidhaan akka seerasaatti sirriitti raawwatamuu hindandeenye. Hojiinsaa hudhaalee adda addaa qaba. Sababuma kanaan hojichi sirnaan hojjetamuu hindandeenye. Hojmaanni maanuwaalii horata mootummaa bulchuu hindandeenye.

Sirna qabiinsa horataa ammayyeessuu

Kanaaf, sirna qabiinsa horataa mootummaa kana ammayyeessuun barbaachisaa ta’ee argameera. Hojii kana yoo teknolojiidhaan utubne bu’aaqabeessa taana jennee akka naannootti tattaaffii eegalle. Akka naannootti Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teknolojii Oromiyaa waan jiruuf isa wajjin taanee gara hojmaaticha ammayyeessuutti seenne.

Biiroon keenya Yunivarsitii Jimmaa wajjin ta’uun dhimma horata mootummaa teknolojiidhaan bulchuurratti hojjetaa jira. Yoo teknolojiitti fayyadamne hojii bulchiinsa horata mootummaa maanuwaliidhaan hojjetamee milkaa’uu hindandeenye milkeessuu waan dandeenyuuf yoo haala kanaan ammayyeessine gaarii ta’a jedhamee garanatti seename.

Kanaanis hojmaanni ‘TMS’ akka hojiirra oolu karaasaanii eegalame. Waan teknoloojiidhaan walqabatu akka Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teknolojii Oromiyaa hojjetu, teknikiin ykn adeemsi hojiisaa ammoo karaa biiroo maallaqaa akka hojjetamu taasifame; karaa labsiifi qajeelfama eeggateen jechuudha.

Teknolojichi..

Teknolojiin TMS jedhamu kun akkuma irranatti ibsuuf yaale Abbaan Taayitaa Saayinsiifi Teknolojii Oromiyaa hojii teknolojiisaa, Biiroon Maallaqaa Oromiyaa ammoo hojiin teknikiisaa eessaa ka’ee garam akka deemu isaan qabsiisaati kan ture. Otoo hojmaanni haaraan kun hojiirra hinooliin qaawwi ture maal akka ta’e addaan baasne. Qaawwichis akka guutamu taasisnee biirolee sadarkaa naannootti jiran 10, godinaalee afuriifi magaalota lamatti yaaliif hojiirra oolchine.

Fayyadamtootarraas duubdeebii funaanne. Hanqina duubdeebiirraa arganne fudhannee sirreessuun biirolee 54 sadarkaa naannootti jiranitti, godinaalee 21tti, bulchiinsota magaalaa 19ttiifi aanaalee 200 ta’anitti akka hojiirra oolu taasisneerra. Kunis kan ta’e erga hojmaaticharratti ogeessotaaf leenjiiwwan adda addaa kenninee booda. Hojmaata haaraatti kan seename maanuwaaliidhaan walmaddii hojjechaati. Amma qajeelfama qopheessaa jirra. Erga qajeelfamichi xumuramee booda hojmaanni maanuwaalii hafee guutummaatti gara teknolojii haaraatti guutummaatti seenama.

Maqaa horataalee

Nuti qabiinsa horataa ykn maqaa horataalee Ministeera Maallaqaa RFDI irraa fudhanne. Ministeerichatti gama kanaan hojiileen jalqabaman ni jiruuyyu; kan Manajimanti Informeeshin Sistam jedhamu. Maqaalee horataa sadarkaa federaalaatti qopheeffaman kanneen fudhannee murnoota sadii jechuunis garee, horataa (‘Asset, Asset sab group, Specific Item”) jennee qooduun galchine.

Oggaan kana jedhu saayinsiifi teknolojiin waan nuti jiddugalummaan horata to’annuuf hojiin kun qajeelfama ykn labsiidhaan Biiroo Maallaqaatiif kennameera; akka bulchiinsa horataalee naannichaa ammayyeessuuf, to’atuufi bulchuuf.

Aangoo nuu kennametti fayyadamnee akka naannootti hojmaata walfakkaatu diriirsuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jirra. Horataalee qabnus sistamicha keessa galchineerra. Godinaalee, magaalonniifi aanaaleen naannichaa hundi akka maqaa horataa walfakkaataa fayyadaman taasisneerra.

Kanaanis maqaa asseetii 34 ta’an, sab asseetii 115fi ispeesifik ‘Item’ kuma lamaafi 54 ta’anii galchineerra. Kunis hojiin oggaa maanuwaaliidhaan hojjatamu oggaa horataaf koodiin kennamu duraan tokko tokkoon biroo akkuma barbaadeefi ittitoletti kennaa ture. Aanaaleenis koodiiwwan adda addaa horataaf kennaa turan. Akka naannootti koodii walfakkaataan waan hinkennamneef gabaasa qindeessuufillee rakkataa turre. Kanaaf teknolojii kana fayyadamuun keenya rakkoo kanas nuu fura jechuudha.

Teknolojichi akka naannootti as, jiddugaleessa teenyee horanni kamtu galmaa’e, aanaa kam keessa horanni akkamii meeqa, eessa akka jiru akaakuudhaan waan nutti agarsiisuuf faayidaa kana arganneerra.

Sistamichi…

Sistamiin kun caalaatti kan nu fayyade oggaa maanuwaaliidhaan hojjetamu nuti akka naannootti hojmaanni horanni galii ta’uun moodeelonni 19fi 22 jedhaman jiru. 19A, 19 Bn jira. 22 ammoo A,B, C qaba. Kaardiin fayyadamaas jira. Iddoon horanni tokko tokkoon hojjetaa baase ittigalmaa’u jira.

Fakkeenyaaf ani kompiyutara laaptooppii, barcuma… yoon baase kaardiin horatawwan hunda ani baase hunda bakka tokkotti walittiqabee ana qofaaf qophaa’u jira. Inni maanuwaaliidhaan hojjetama. Horanni ammoo waliigalaan galmeen horata dhaabbii jedhamu waan jiruuf achirratti galmaa’a.

Kana malees tokko tokkoo horataatiif baar koodiin ni kennama, xumura bara bajata kanaaatti taagiin nimaxxanfama. Waantonni kunniin dur maanuwaaliin ture kan hojjetaman. Amma sistamiin maal nuu uumee, akkuma horanni moodeela 19n galii ta’u fudhatee istoorii keessa nuu galcha. Oggaa istoorii keessa nuu galchu teknolojichi galmeessa.

Dur, maanuwaaliidhaan garuu moodeela 19 irratti, irra deebi’ee ammoo kaardii kanaaf qophaa’erratti galmeessina. Yeroo hojmaanni kun hammam akka fudhataa tureefi kan ammayyaa kun hammam akka nuu qusate hubachuun nidanda’ama. Yeroo maanuwaalii namni tokko hojiilee kanneen hunda hojjechuun ulfaataa ture. Amma garuu oggaa moodeela 19n galchinu baalaansiisaa faana kaardii barbaadamurratti nuu galmeessaa deema.

Kanaafuu, teknolojiin kun gama yeroo qusachuufi humna namaa xiqqaadhaan akka hojjetamu gochuutiin faayidaa olaanaa qaba. Oggaa gara moodeela 22 deemnus horatoonni dhaabbii moodeela 22B’dhaan yoo bahan, horatoonni dhumeeyyiin ammoo moodeela 22A’dhaan oggaa bahu horanni bahee tajaajila kennee, deebi’ee oggaa hojjetaaf kennamu mallattoon moofaa ta’uusaa agarsiisu 22C’dhaan karaa maanuwaalii galmaa’aa ture.

Oggaa maanuwaliidhaan kana hojjennu gara kaardii ‘user’ jedhamuu geessa. Galmee guddicha qabiinsa horataarrattis karuma maanuwaalii galmaa’aa ture. Amma garuu oggaa baasii goonu moogeela 22A,B,Cdhaan oggaa baasnu kaardii ‘useriikoo’ banee tokko tokkoo horata maqaa kootiin baafamanii achirratti galmeessa sistamii haaraan.

Galmee guddicha horanni dhaabbiin irratti galmeeffamurrattis nigalmeessa. Akkuma barbaachisummaasaatti oggaa baasii taasifamu ‘baar koodiifi piin koodiidhaa’ fuchuma sanaan maqaa nama horaticha baasee jalatti galmeessee ‘piinkoodii’ nuu fida. Akka barbaachisummaasaatti ammoo horata tokko oggaa hojjetaarraa gara hojjetaatti naannessinu fakkeenyaaf anarraa gara mankuusaatti, akka barbaachisummaatti oggaa ‘tiraanisfar’ nuu godhi jennuun kan raawwatu waan ta’eef sistamii biiroo keenyaaf faayidaa olaanaa argamsiiseedha.

Kana malees hojicha maanuwaalii dhiisnee sistamichaan guutummaatti yoo hojjenne baasii guddaan kaardii irranatti eerreef bahu nibaraarama. Biiroon Maallaqaa Oromiyaa kaardiiwwan kanneen maxxansiisuuf waggaatti hanga qarshii miliyoona 40 baasaa tures nu hambisa.

Kanaaf sistamiin kun naannoo keenyaaf faayidaa olaanaa argamsiisa. Tokko tokkoon namaa as keessatti qooda akkamii akka qabu siirriitti ibsee kaa’eera. Kana keessatti qooda fudhattoota adda addaa jahatu jiru. Hojjetaan (store keeper), galmeessaa (store clerk), dursaan garee qabiinsa horataa, adeemsi hojii, admiiniin sistamichaafaan qooda hojii ofii qabu.

Faayidaan sistamichaa inni biraan horataalee tajaajila kennan kan ilaallatuudha. Horataaleen tajaajila kennan abbaa hinqabaniiyyu. Horataalee baay’ee namni calluma jedhee baasee ittifayyadamaa ture. Iftoominnis hinturre. Haallitti biiroon tokko horata hammamii, maal maal akka qabuufi hinqabne ittibeekamus hinturre.

Qabiinsiifi hojmaanni horataa sirriin hinturre. Moodeela 19 galee 22 baha. Kanaa achi qabiinsi horataa qindaa’aan hinturre. Fakkeenyaaf horata dhaabbii biiroo kootti argamu jedhamee waan ifatti qindaa’ee beekamuun hinturre. Amma garuu oggaa sistamii kana guutummaatti hojiirra oolchaa jirru iftoomina nuu uumeera. Horata kamtu hojjechuu akka danda’uufi hindandeenye, kamtu dhabamsiifamuu qaba kan jedhu ifatti akka addaan baafamuuf nu gargaareera.

Hojmaata kanaan duraatiin namni tokko laaptooppii lamaa sadii yoo fudhatu tokko ammoo homaa hinqabu. Oggaa sistamii kanaan galmeessuu eegallu haalli galmeessaa bifa qindaa’een waan ta’eef rakkoon kun furameera. Sistamichi qisaasama horataa sirriitti xiqqeesseera. Iftoominni akka uumamus taasiseera. Haalli qabsiinsa horataa walxaxaa ture akka salphatu taasiseera.

Hojmaata maanuwaaliitiin fakkeenyaaf hoggansi horata ittifayyadamu ofumasaatii akka baasuudha qajeelfamni kan ajaju. Hoggantoonni garuu baasaa hinturre. Qajeelfamni kan ajaju horata namnumti ittifayyadamu akka baasuudha. Garuu qajeelfamaan ala haala hinbarbaachisneen lamaa sadii baafamaa ture. Kanaanis mootummaan baasii hinmalleef akka saaxilamu ta’eera.

Maallaqni hinmalle horata dhaabbiif akka bahu taasifameera. Horattoonni badan, eenyuun akka bahan tasumaa hinbeekamne jiru. Haala qabiinsa horataa bittannaa’aafi dadhabaatu ture. Horata tajaajila kennuufi hinkennine addaan baasanii kaa’uurrattis hanqinni guddaan tureera. Fakkeenyaaf aanaaleetti doqdoqqeewwan, konkolaattonni calluma jedhanii bakkaa bakkatti faffaca’anii dhaabataa turan. Oggaa haa galmaa’an jedhaman kanneen abbaan hinargamneef turaniiru. Qabeenya kana garuu aanaaleen galmeessanii, kan hojjetuufi hinhojjenne akka addaan baasanii isa suphamu suphanii gara hojiitti akka galu taasisaniiru.

Maallaqa mootummaan bittaaf baasuuf ture hambiseera jechuudha. Kanaaf asirrattis faayidaa guddaa nuu argamsiiseera jechuudha. Kana malees horataalee tajaajila hinkennine yeroodhaan dhabamsiifamaa hinturre. Kunis qisaasama qabeenyaa olaanaa qaqqabsiisaati kan ture. Horanni kun yeroodhaan akka gurguramee faayidaa dinagdeetiif ooluu qabu akka dhabamu ta’eera, sababa bulchiinsaafi qabiinsa horataa duubatti hafaatiin.

Kunis sistamii haaraadhaan akka furamu, iftoominni akka uumamu, horanni eenyu bira akka jiru salphumatti akka addaan baafnuf nu gargaareera. Kanaan dura labsiirra jiraatus daandii akka horataatti galmeessaa hinturre. Gamoowwan ni galmaa’u. Sararoonni jallisii baadiyyaatti ijaaraman, bishaan, horattoonni hospitaalotaafi keellaawwan fayyaa, manneen barnootaafi kkfn akka horata dhaabbiitti nigalmaa’u. Teessoowwan manneen barnootaa hingalmaa’an ture. Namuu akka barbaadetti ittifayyadamaa ture.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You