Biyyoota guddataniifi dinagdeedhaan badhaadhanitti mirgi dubartootaa sarbamuufi walqixxummaa dhabuun isaanii dubartoonni jijjiirama barbaachaaf sagaleesaanii akka dhageessisaniif dirqamsiiseera.
Bara 1908tti yeroo dubartoonni kuma 15 ta’an magaalaa Niwu Yoorki keessatti gaaffii yeroo hojii gabaabaa, mindaa fooyya’aafi mirga filachuu gafachuun hiriira ba’anitti yaadni guddaafi jijjiirama qabiinsa mirgoota dubartootaarratti fiduu danda’u tokko ulfaa’e.
Waggaa tokko booda Paartiin Soshaalistii Ameerikaa keessatti fudhatama olaanaa qabaachaa ture tokko komiifi aarii dubartootaa kanaaf deebii kennuuf kutatee yeroo jalqabaatiif guyyaa dubartoota biyyaalessaa Ameerikaa labse.
Boodarra konfiransii dhimma dubartootaarratti Magaalaa Kooppan Haaganitti taa’amerratti guyyaan dubartootaa Ameerikaa kun akka kan dubartoota guutuu Addunyaa ta’uuf yaada kan dhiheessite dubartii Kilara Zektik jedhamtu yemmuu taatu, dubartootni 100 ta’an kanneen biyyoota 17 irraa saganticharratti hirmaachaa turan yaadashee waan deeggaraniif guyyichi guyyaa dubartoota guutuu Addunyaa ta’ee kabajamuu eegale jechuudha.
Yaada kana kan dhiyeessite konfiransii dubartoota hojjattootaa idiladdunyaa Kooppan Haaganitti taa’amerratti. Saganticharra kan turan dubartoonnii 100 biyya 17 irraa walitti qabaman yaada isheetiin waliigalan.
Guyyaan Dubartoota Addunyaa jalqaba kan kabajame ALA bara 1911 Ostiriyaa, Denmaaki, Jarmaniifi Siwizarlaanditti yemmuu ta’u, guyyaan kun seeraan kan simatamee kabajuun eegalame garuu bara 1975tti, yeroo Mootummotni Gamtooman (UN) guyyicha ayyaneeffachuu eegaletti ture.
Guyyaan dubartoota idiladdunyaa akka addunyaatti yeroo 113ffaafi akka biyya keenyaatti yeroo 48ffaaf kan kabajamaa jiru yoo ta’u, mataduree “Dubartoota gahoomsuun nageenyaafi misooma haa mirkaneesinu” jedhuun kabajamaa jira.
Guyyichi sirbaafi nyaataaf kan kabajamu osoo hintaane mirgootni dubartootaa seeraan kennamaniif sirnaan hojiirra oolaa jiraachuu mirkaneessuufi hirmaannaa dubartootaa damewwan hundatti guddisuudhaan ta’uu akka qabu tan himan Godina Baaleetti Dhalattuufi jiraattuu Magaalaa Roobee Aadde Indiyaa Abdulqaadiri.
Qaamni mirga dubartootaa sarbuufi hojiisaaniitti gufuu ta’u yoo hinjirre dubartiin akkuma dhiirotaa gama hundaan milkaa’uuf wanti ishii dhoorku kan hinjirre ta’uus eeranii, ilaalchi “hindanda’u” jedhu kufaatii dubartoota hedduutiif sababa ta’aa waan jiruuf dubartiin milkaa’ina barbaaddu kamuu ilaalcha akkasii of keessaa baasuu akka qabdu gorsu.
Akka yaadasaaniitti; ummamaan dubartiin dhiiraa gadi taatee hinuumamne. Garaa garummaan korniyaa dhiiraafi dubartii gidduu jiru hojjatanii milkaa’uurratti garaa garummaa kan uumu waan hintaaneef, yeroo hunda kan milkaa’uu danda’u dhiiras ta’ee dubartii nama kaayyoofi mul’ata dheeraa, kutannoofi jijjiiramaaf qophaa’aa ta’eedha.
Kanaaf dubartiin kamuu kufaatii jireenyasheetiif uumaashee dubartii taasisee uume komachuu hindandeessu. Kan isheen kufaatii isheetiif komachuu dandeessu yoo jiraatellee kutannoofi kaayyoo dhabuusheefi rakkoolee jireenyashee keessatti ishii muudataniif harka kennachuushee duwwaadha jedhu.
“Ani gaafan hojii koo eegalu namni tokko maallaqa takka naa kennee osoo hintaane, dhamaatiifi tattaaffiidhuma mataakootiini. Yaada hojii waanan qabuuf hojii filachuus hinbarbaadu ture. Jalqaba horsiisa lukkuutiinin hojii eegale.
Yeroo lukkuuleen kunniin killee buusan killee sana fuudhee gabaa geessuun qarshii takkaafi lamatti gurguraa, maallaquma xiqqaa argadhu sana keessaan uqqubii buufachaa lukkuulee baay’inaan bitee horsiisuudhaan sadarkaa amma jirurra gahuu danda’eera.
Yemmuu lukkuulee tunniin baay’achaa dhufaniifi galiinshii fooyya’uu eegalus uqqubicha sirriitti buusuudhaan gara hoolota bitee horsiisuutti gale. Hoolota xixiqqoo bituudhaan erga isaan guddatanii booda gurguruufi horsiisuudhaan ammas galii fooyya’aafi buusii uqqubii dabalee gara loon horsiisuutti seene.
Yeroo duraa sa’a diqaalaa tokko bitadhee horsiisa kanin eegale yoo ta’u, suutuma suuta keessa sa’i tokkichi kun horuudhaan anis bitee itti dabaluudhaan horsiisa looniitiin akka magaalaa Roobeetti sadarkaa duraafi maqaa gaarii argachuu danda’eera.
Hojiin lukkuudhaan eegale yeroo ammaa gara invastimantiitti ce’ee jira. Yeroo ammaa lafa invastimantii magaalota Roobeefi Adaamaatii fudhadheera. Kun immoo osoo hojii hintuffatin cimanii kaayyoodhaan hojjachuudhaan milkii argame malee qabeenya maatiirraa dhaalamee miti. Maatiinkoos gama hojiitiin ciccimoofi kanneen tattaafatan waan ta’aniifis anaafis kaka’uumsa akka horadhu na taasiseera.
Kanaaf dubartootni kamuu yoo jabaatanii hojjatan akkuma dhiirotaa haadha qabeenyaa ta’uu akka danda’an hubachuudhaan osoo hojii hintuffanne carraawwan argatan hundatti fayyadamanii hojjachuudhaan dinagdeen humnoomuu qabu.
Nama hojjatutti yeroo hunda gufuun akka baay’atu hubachuun barbaachisaa yoo ta’u, gufuuwwaniifi rakkoolee hojii keessatti uumamuu malan obsaafi beekumsaan bira darbuuf dubartootni diinagdee qofaadhaan osoo hin taane, beekumsaanis of ijaaruu qabu.
Namni hinbaranne gaafa rakkoo xiqqoon wayii mudatu dafee abdii kan kutatu waan ta’eef hojii hojjachuu qofa osoo hintaane, gaafa rakkoon isa mudatu injifatee bira darbuuf waan daran rakkatuuf dubartootni asirrattis cimanii of gahoomsuu qabu.
Ijoolleekoos sirnaan barsiifadhee yeroo ammaatti hundisaanii hojii horatanii of danda’anii kan jiraatan waan ta’uuf kunis akka milkii guddaatti kan ilaalamuudha” jedhu.
Yeroo baay’ee qabeenyasaafi milkiisaas mul’ifachuuf kan tattaaffatu warra dhiiraa waan ta’eef malee dubartootni akkuma warra dhiiraatti baratanii beekumsaan ciccimoo ta’an, hojjatanii bu’aaqabeessa ta’an hedduun kan jiran ta’uu kan himan immoo haadha qabeenyaa Aadde Warqinash Abagaazi.
Yeroon amma keessa jirru kun kan dorgommii waan ta’eef dubartootni gola keessaa bahanii gama qabeenya horachuunis ta’e beekumsa horachuun dorgomtoota ta’uu akka qaban dubbatu.
Barumsasaanii xumuranii waggaa ittaanutti heeruman. Heerumanii waggaa ittaanutti erga ulfaa’anii da’umsaaf torban lama yeroo hafutti abbaan warraasaanii gara fuula Rabbi jalaa deeman ykn boqotan. Haala ulfaataafi abdii kutachiisaa kana keessa darbuuf hamileen dubartiin tun horataniifi obsi Rabbi kenneef hangam akka nama cimtuufi kutattuu ta’an kan itti mirkaneessaniidha.
“Bu’aa ba’iin yeroo ijoollummaarraa kaasee keessa darbeefi ergan heerumee boodas na qunnamaa ture osoon barreessee kitaaba hedduu baha” kan jedhan Aadde Warqinash, yoo itti fayyadamaniif garuu gufuuwwan jireenya keessatti nama mudatan milkaa’uu gara fuula duraatiifis sababa ta’uu kan danda’an ta’uu ibsu.
Mucaan erga abbaansaa du’ee torbee lama booda dhalate har’a yunivarsitiiwwan guguddoo Ameerikaatti argaman keessa isa tokko keessatti carraa iskoolarshiippii argatee barachaa jira. Kun immoo ta’uu kan danda’eef ani du’a abbaasaatiin abdii kutadhee harka kennachuu dhabuu kootiini. Haala yeroo sana tureen abbaa daa’ima kanaa dhabuu qofa osoo hintaane, yeroo hojii mindaa dhaabee dhaabbata mataa kootii ijaarrachuuf tattaafachaa turetti waan ta’eef dhiibbaa cimaatu ture.
Haa ta’uu garuu obsaafi kaayyoo dheeraa gara fuula duraa qabaannaan rakkoon bira hindarbamne akka hin jirre dubartoota birootiifis barnoota guddaa kan ta’uudha. Har’a Finfinneetti gamoo abbaa darbii shanii tajaajilawwan adda addaatiif oolu qarshii miliyoona 45n ijaarradheera.
Walumaagalatti; waggaa waggaan ayyaanicha kabajuu qofa osoo hintaane, dubartoota ciccimoo horachuudhaan dinagdee harka caaluun dhiirotaan qabamee keessatti shoorri dubartootaa akka dabalu taasisuunis murteessaa ta’a.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016