“Galaa guddaan dargaggootaa deeggarsa maallaqaarra ogummaawwan bu’uuraa jijjiiramaaf isa gargaaran leenjiidhaan gonfachuudha” – Ergoggee Tasfaayee (PhD)

Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa isa yeroo baay’ee hawwamaafi murteessaa ta’eedha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu’anii ba’uun, ari’anii qabuuniifi dheessanii jalaa bahuun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti. Boca jireenya keenya gara duraa kan murteessus sadarkuma kana.

Egaa jireenya dhala namaa gara duraa kan bareechisuunis ta’ee kan balleessuun danda’amu daangaa umurii dargaggummaa kanatti jechuun nidanda’ama. Dargaggoonni kaan har’a keessa taa’anii boriisaanii ibsatu, warreen biroon immoo boriisaanii har’a keessatti dukkaneessaa jiraatu. “Youth is the best time to be rich and best time to be poor” jedhu warri adiin.

Bakki namni tokko yeroo dullumaatti ykn maanguddummaatti taa’uu danda’u gocha bara dargaggummaa keessa inni raawwatetu murteessa.

Dadhabbii kee har’aatu walitti ida’amee borii kee sii kennama. Kanaaf hojiitu dhibe, qarshiin dhabe, fira na gargaaru hinqabuufii wantootni kana fafakkaatan fudhatama hinqabataan. Waan hinqabne yaaduu dhiisii, waan qabdu yaadadhu carraa argattetti fayyadamii hojjatadhu kan jedhamuufis kanumarraa ka’ameeti.

Dargaggeessi kaayyoo jiraatuuf qabu haala rakkisaa keessa dhabatee manii guddinaa arga. Filannoo argateef qofa hinfilatu. Maalitti akka goruufi maalirraa akka goru haalaan beeka. Waan isa barbaachisu osoo hintaane, waan caalaatti isa barbaachisu irratti xiyyeeffata. Ba’aa maatii ta’ee jiraata osoo hintaane maatiirraa ba’aa hir’isa. Maatiisaatu yaadda’a osoo hintaane, maatiisaaf yaada.

Baay’ina ummata addunyaa keessaa harki caalu dargaggeessa yemmuu ta’u, keessattuu Ardii Afrikaafi biyya keenyatti immoo baay’inni dargaggootaa warra umurii kaan keessa jiru hedduu waan caaluuf Afrikaanis ardii dargaggeettii, biyyi keenyas biyya dargaggeettii jedhamuu danda’aniiru.

Sochii misoomaa hawaasummaafi siyaasaa biyyattiitti taasifamu kamuu keessatti dargaggoota hirmaachisuun barbaachisaa ta’uu qofa osoo hintaane sadarkaa dirqama ta’uurra gahuu kan himan Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Doktar Ergoggee Tasfaayeeti. Oggaa sababasaa ibsanis biyyattiin biyya dargaggeessi ittibaay’atuufi biyyattiinis dargaggeettii waan taateefi jedhu.

Doktar Ergoggeen kana kan dubbatan sirna jalqabsiisa pirojektii “dhaloota jijjiiramaa” Dhaabbata ‘Break Through’ jedhamu waliin ta’anii waggoota saddeettan dhufanitti dargaggoota miiliyoona 20 ta’aniif leenjii bu’uraa hojii uummachuuf isaan gargaaran kennuufiif waliigaltee mallatteessanitti.

Akka ibsasaaniitti; yeroo ammaatti xiyyeeffannaa dargaggootaaf kennamaa jiruun carraa hojii bal’inaan uumuu cinatti dhimmi xiyyeeffannoo addaa barbaadu dargaggoota araadawwan gara garaarraa bilisa ta’an horachuu, kaayyoo qabaniifi egeree biyyaatiif abdii ta’uu danda’an qabaachuufi ogummaa bu’uuraa carraa hojii uummachuu qaban akka ta’aniif pirojektotni adda addaa bocamanii gara hojiitti gala jiru.

Pirojektiin dhaloota jijjiiramaa kun pirojektota rakkoolee dargaggootaa bu’uurarraa nifuru jedhamanii yaadaman keessaa tokko yemmuu ta’an, akka biyyaatti dargaggootni miiliyoona 20 waggoota saddeettan dhufanitti baasii tokko malee leenjii barbaachisu fudhachuudhaan carraa hojii mataasaanii akka ummataniif kan isaan gargaaruudha.

Giddugalootni leenjicha kennuuf akka biyyaatti gargaaran ijaarsa naamusa dargaggoota kuma sadii ol ta’an kan qophaa’an yemmuu ta’u, sagantichi barana akka biyyaatti dargaggoota kuma 10f leenjii kennuun kan eegalu ta’uus Doktar Ergoggeen himaniiru.

Carraa hojii ittifufiinsaafi bu’aaqabeessa uumuuf dhaabbilee deeggarsa maallaqaa taasisanirra kanneen leenjii kennuudhaan dargaggootaaf ogummaa bu’uraa hojii uummachuu kennan waliin hojjachuun barbaachisaa ta’uu himanii, ministeerrisaaniis kanumarraa ka’uun dhaabbata ‘Break Throuth’ jedhamuufi leenjii bu’uuraa hojii uummachuuf dargaggoota gargaaru kennuudhaan beekamu waliin hojjachuuf murteessuu ibsu.

Dhaabbatni ‘Break Throuth’ erga hundeeffamee waggoota afur qofa kan laakkofsiise ta’us waggoota muraasa kanneenitti dargaggoota hedduuf leenjiiwwan bu’uuraa kennuudhaan araadawwan gara garaa keessaa akka bahan taasisuu kan himan immoo walittiqabaan boordii dhaabbatichaa Obbo Nastaannat Zannabaati. Dargaggoota qofaaf osoo hintaane mana maree bakka bu’oota ummataatti kokosii dubartootaafis leenjiiwwan hubannoosaanii gabbisan kennuu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; pirojektiin leenjii dargaggoota jijjiiramaa kun lubbuu dargaggoota hedduu kan jijjiiru ta’uu waan itti amanneef leenjicha baasii tokko malee dargaggootaaf kennuuf murteessineerra.

Dhaabbatichi kan hundaa’eefi yeroo ammaatti kan gaggeeffamaa jiru dhalattoota biyya kanaatiin waan ta’eef dhimmoota rakkoo biyyaa ta’an keessaa dhimmi araadawwan garaa garaatiin qabamuu dargaggootaafi rakkoon hojidhabdummaa hammaataa jiraachuusaatiin nutis gama kanaan humna qabnuun mootummaa biyyattii cinaa dhaabbannee dirqama lammummaa keenya bahuuf pirojektichaan hanga bara 2023tti dargaggoota miiliyoona 20 ta’an leenjisuudhaan, warra leenji’an keessaa immoo yoo xiqqaate miiliyoonni lama hojii uummachuudhaan akka milkaa’aniif karoorfameera.

Dargaggootni erga leenjii kana argatanii booda kaayyoo mataasaanii kan qaban, jaalala biyyaa cimaa kan horatan, ogummaa bu’uraa hojii uummachuu kan horatan, dandeettii gufuu jireenya keessatti isaan mudachuu danda’u injifachuu kan gonfataniifi walumaagalatti kan milkaa’an akka ta’antu eegama.

Leenjichi bara bajataa kanatti magaalota 23tti kennamuu kan eegalu ta’uu kan himan Obbo Natsaannat, yeroo ammaa leenjistootni leenjicha kennan qophaa’aniiru jedhan.

Guyyaan har’aa waan hindarbine yoo sitti fakkaate dogoggoraa jirta. Dargaggoonni akkasitti yaadan fagoo hingahan. Utuu waan darbu hinfakkaatin darba. Humni har’a qabdu bor nidhabama. Umuriin namaa dungoodha. Hir’achaa deema. Kana beekanii yeroo hojjechuu qabanitti hojjechuun, yeroo boqonnaan barbaachisutti akka hinjoorre nama oolcha.

Umriin dargaggummaa kan wantoota hedduuf itti saaxilaman waan ta’eef umurii kana miira tasgabbii qabuun keessa darbuuf deeggarsa maatiisaaniitiin cinatti leenjiiwwan miirasaanii to’achuuf, wantoota hamaafi barbaachisoo adda baafachuuf isaan gargaaran, kaayyoofi karooraan akka jiraataniif haala mijeessan argachuun carroomuudha.

Walumaagalatti; biyya namni umurii dargaggummaa keessatti argamu itti baay’atutti dhimma dargaggootaa akka salphaatti ilaaluun dogoggora hamaadhaaf kan nama saaxilu waan ta’eef, dhimmoota hunda keessatti dargaggoota hirmaachisuun murteessaa ta’a.

Dargaggeessi dhimmoota biyyattii hunda keessatti hirmaachuu barbaadu immoo leenjiiwwan bu’uuraa dhimmoota gara garaarratti qabaachuu waan qabuuf carraa kanatti fayyadamee sagantaalee leenjii akka guutuu biyyaatti kennamuuf qabaman kanneenirratti bal’inaan hirmaachuu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

8 Comments to “ “Galaa guddaan dargaggootaa deeggarsa maallaqaarra ogummaawwan bu’uuraa jijjiiramaaf isa gargaaran leenjiidhaan gonfachuudha” – Ergoggee Tasfaayee (PhD)”

  1. Pingback: online chat
  2. Pingback: Japanese cams
  3. Pingback: rca77

Comments are closed.