Dorgommiin ispoortii guutuu manneen barnoota Oromiyaa addaan citee ture eegalame

Finfinnee: Dorgommiin Shaamphiyonaa Ispoortii guutuu manneen barnoota Oromiyaa sababa dhibee koronaafi xiyyeeffannaa dhabuutiin waggoota ja’aaf adda cite ture torban darbe magaalaa Baatuutti eegalameera.

Waldorgommiin kun Guraandhala 17 bara 2016 irraa kaasee guyyoota 10f kan turu yommuu ta’u, barattootni guutuu manneen barnootaarraa walitti baba’anii akaakuuwwan ispoortii garagaraatiin hirmaataa jiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdullaakiim Muluu haasaa baniinsaa taasisaniin akka jedhanitti, ispoortiin walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuun bira darbee barattoonni barnootasaanii akka hubatan daran gargaaga. Mootummaan jijjiiramaas dameewwan xiyyeeffannoo kenneef keessaa dameen ispoortii isa tokko ta’uu hubachiisaniiru.

Manneen barnootaa madda beekumsaafi kalaqaa qofa osoo hintaane madda ispoorteessitoota ciccimoo ta’uu qaba jedhanii; dhaloota qaamaa sammuun ga’umsa qabu, miira jaalalaafi obbolummaatiin olaanaa qabuufi aadaa waliin hojjechuun qabu horachuuf shoorri ispoortii manneen barnootaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Dhaloota miira ittigaafatmummaafi qaamaa qalbiin dorgomaa ta’e horachuufis mootummaan kilabootaafi bakka shaakala ispoortessitoota bira darbee manneen barnootaa ispoortiif bu’uura jabaa taasisuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisaa gamasaaniin, ispoortiin walittidhufeenya hawaasaa cimsuutti dabalee madda dinagdee filatamaa ta’uu hawaasa idiladdunyaa ta’aa dhufuu eeranii; dorgommii ispoortii guutuu manneen barnoota Oromiyaa sababa dhibee koronaafi xiyyeeffannoo dhabuun waggoota ja’aaf addaan citee ture xiyyeeffannaa mootummaa jijjiiramaatiin ittifufuu danda’uu ibsaniiru.

Atileet Daraartuu Tulluu, Qananiinsaa Baqqalaafi Geexee Waamii kanneen addunyaarratti raajii dalagan kan argaman manneen barnootaarraa ta’uu yaadachiisanii; biirichi Oromiyaarra darbee bara 2017tti dorgommii shaampiyoona Ispoortii guutuu manneen barnootaa Itoophiyaaf qopheessuuf karoorfachuus Doktar Tolaan ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa akka jedhanitti, Itoophiyaa ummatnishee irra jireenyaa dargaggoo taate keessatti dargaggoo qaamaafi qalbiin ga’umsaafi fayyaa qabu horachuuf ispoortiin daran murteessaadha.

Ispoortiin dandeettii yaaduu, kalaquufi xinxaluudaran daran dabala. Mootummaanis ispoortii bu’uura hawaasummaa akka qabatuuf gandoota Oromiyaa hunda keessatti bakki shaakala ispoortii mata mataatti lafti hektaarri tokko akka qophaa’uu taasisuun cinatti imaammata barnootaa keessatti akka hammatamu taasiseera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Dorgommiin ispoortii guutuu manneen barnoota Oromiyaa addaan citee ture eegalame”

  1. Pingback: fox888

Comments are closed.