Finfinnee: Mariin Ministira Mummee Abiyyi Ahmad Keeniyaafi Taanzaaniyaatti daawwanna bu’aaqabeessa taasisan.
Doktar Abiyyi daawwannaa Keeniyaatti taasisaniin Pirezidantii biyyattii Wiliyaam Ruutoo waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun waliigaltee garagaraarra ga’aniiru.
Hoggantoonni kunneen walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii gadifagoofi seena qabeessa ta’e gara fuulduraatti cimsanii ittifufsiisuu waliigalaniiru.Dhimmoota waloo irratti mul’ata tokko qabaachuun biyyoota ollaa waliin hoojjechuufis qophii ta’uu ibsaniiru.
Doktar Abiyyi Riqicha walitti dhufeenya biyyoota lameenii ta’uun kan beekamu buufati humna elekitirikaa Yasusiiwaa Keeniyaa kan bulchiinsa Kaajiyaadootitti argamus daawwataniiru. Simannaa ho’aa Pirezidantiin Wiliyaam Ruuttoo taasisaniifis galateeffataniiru.
Marii doktar Abiyyi Wiliyaam Ruuttoo waliin taasisan ilaalchisuun Minsteerri Tajaajila Kominikeeshinii Itoophiyaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsa kennaniin, Itoophiyaafi Keeniyaan walitti dhufeenya obbolummaa bara dheeraa lakkoofsise qabu. Marii kanaan dura Ministirootaa biyyota lamaaniin Finfinneerratti taasisaniin dhimmoota diinagidee, hawaasummaafi nageenyaa dabalatee waliigaltee torba ta’an mallattaa’aniiru. Biyyoota Afirikaa Bahaaf yaaddoo kan ta’e Alshabaabirratti waliin hojjechuun nageenya waareessuu marii ijoo ture.
Itoophiyaan Keeniyaaf human elekitirkaa dhiyeessuuf hojii sarara diriirsuu xumurteetti. Filannoo ulaa galaanaa Itoophiyaan bal’isaa jirtuufis dhiyeessii daandiifi diinagidee dijitaalawaa akkasumas nageenyarratti waliin hojjechuun akkamiin akka danda’amurratti mariin geggeeffameera jedhaniiru.
Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddarri Itoophiyaa Baacaa Dabalee gamasaanii, walittidhufeenya biyyoota lamaanii duraan ture cimsuuf hanga waliigaltee human waraanaa waliif mallatteessutti kan deemuu ta’uu himanii; waliigaltichis rakkoon Itoophiyaa yeroo mudatu loltootni Keeniyaa akka waraanan Keeniyaa yeroo rakkoon mudatu loltooti Itoophiyaa akka waraanan jechuudha jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Doktar Abiyyi daawwannaa hojii Taanzaaniyaatti taasisaniin Pirezidaantii biyyattii Saamiyaa Suluhin waliin dhimmoota biyyoota lameeniifi naannawaarratti marii taasisuun gama aadaa,qonnaafi daldala humna elektiriikaarratti waliigaltee mallatteessuu ragaan Waajjiira Muummee Ministiraarraa argame ifoomseera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016
4 Comments to “Doktar Abiyyii Keeniyaafi Taanzaaniyaatti daawwannaa taasisan ”
Comments are closed.