“Rakkoon nageenyaa amma jiru bilchinaan hogganuu baannaan egeree hamaa dhala” -Obbo Ibsaa Nagawoo

Finfinnee: Rakkoo nageenyaa amma mul’ataa jiru kutannoofi bilchinaan goolabuu baannaan egeree hamaatti geessuu akka malu Gorsaan Tarsiimoo Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Ibsaa Nagawoo ibsan.

Obbo Ibsaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, mootummaan rakkoo nageenyaa bakkeewwan garaagaraatti mudataa jiru nagaan furuuf tattaaffii nageenyaa ummata sadarkaan jiru waliin taasisaa jira. Haalli qabatamaan lafarratti mul’atu garuu biyyi fuulduratti akka hintarkaanfanne sakaalaa jira. Lolli Itoophiyaa Kaabaatti adeemsifame dhumarratti mariin goolabamus eelaa dinagdeefi hawaasummaarra kaa’ee darbeen biyyi akka malee hubamteetti. Kanaaf isa darberraa barachuun miidhaa ga’uu malu dursanii ittisuurratti xiyyeeffatamee hojjectamuu qaba.

Akka isaan jedhanitti, mootummaan qaama hidhatee bosona Oromiyaa keessa socho’aa jiru waliin nagaa buusuuf hanga Taanzaaniyaatti imaluusaa waanuma gaariifi eegamudha. Ammas marii mootummaan naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti taasisaa jiru kutannoo mootummaan nageenyaaf qabu mul’isa. Haata’u malee, mariin taasifamu hundi osoo waraana dursee, gaaga’amni ulfaataan gama kamuu hinmudatu ture. Waraanni waldhabbiif osoo furmaata ta’eeyyuu injifataafi injifatamaa waan uumuuf tasgabbii yeroo malee nagaa waaraa hinfidu.

Qaala’iinsi jireenyaa hammaachaa deemuun, naannoleen fedhii adda addaa qabaachuun, dhibamuun nageenyaa, dhiibbaa diinotni Itoophiyaa taasisaa jiraniifi fedhiifi qorqalbii ummata biyyattii dabalaa jiruun walqabatee ummatni guddina egeree dhiisee taatee har’aan miira keessa galuu mala kan jedhan Obbo Ibsaan, kana hunda hubatanii rakkoolee jiran dhawaataan furuufi bilchinaan hogganuuf akka ta’utti maarshii jijjiiruun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Oromoon ummata Gadaan buluufi taayitaa eebbaan waliif dabarsu jechaa qawween walajjeesaa aangoo qabachuuf kan fiignu yoo ta’e, fakkeenyummaan Sirna Gadaa hiika hinqabu kan jedhan hayyuun siyaasaa kun, afaan qawween aangoo qabachuun aadaa Oromoo miti. Akka aadaa Oromootti, akka dhaabaattis ta’e akka dhuunfaasaaniitti aangoon filannoo ummataan malee afaan qawween argamu aadmalee ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti tajaajila argachuuf matta’aa kennuun dirqama ta’aa jiraachuu eeranii, mootummaan caasaasaa olii hanga gadiitti jiru sakatta’uu qaba. Qabsoo qabsaa’otni Oromoo taasisaa turaniifi jiran tajaajila haqa qabeessa diriirsuuf malee hattuu goobsuuf akka hintaanes yaadachiisaniiru.

Mootummaan kun akka carraa ta’ee biyya kaaznaa keessaa homaa hinqabne simachuun alatti biyya dinagdeen addunyaa dhibee koronaa, waraana Raashiyaafi Yuukireen, Isiraa’eeliifi Filisxeem, dhiibbaa loltoonni Hutii Galaana Diimaarratti taasisaniin hubamaa jiru keessatti argamtu bulchaa jira. Biyyi kun dabalataanis rakkoo nageenyaarraa kan ka’e raafama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa keessa jirti. Kanaafuu, egeree hamaa qolachuuf rakkoo nageenyaa amma jiru bilchinaan goolabuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

9 Comments to “ “Rakkoon nageenyaa amma jiru bilchinaan hogganuu baannaan egeree hamaa dhala” -Obbo Ibsaa Nagawoo”

  1. Pingback: steenslagfolie
  2. Pingback: Diyala Bauc14
  3. Pingback: diyala SERCH
  4. Pingback: swan168

Comments are closed.