Itoophiyaan yaa’ii 37ffaa dura bu’oota Gamtaa Afrikaarratti waa’ee milkaa’inoota damee barnootaarratti argamanii ni ibsiti

  • Amaariffi afaan hojii gamtichaa akka ta’uuf gaafatame

Finfinnee: Yaa’ii  37ffaa dura bu’oota Gamtaa Afrikaa har’aafi boru Finfinneetti kan adeemsifamu yoo ta’u, Itoophiyaan milkaa’inoota damee barnootaarratti galmeessisterratti ibsa nikenniti. Amaariffi afaan hojii gamtichaa akka ta’uufis gaafatteetti.

Ministirri De’eetaan Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawwit Kaasaa ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin akka eeranitti, yaa’icharratti dura bu’oota miseensota gamtichaa dabalatee hoggantoonni biyyoota jahaa ni hirmaatu.

Yaa’icharratti biyyoonni miseensotaa 49fi biyyoota miseensotaatiin ala biyyoonni jahaafi jaarmiyaaleen idiladdunyaa 13 akka hirmaatan ibsaniiru.

Ajandaa marii yaa’ii gamtichaa waa’ee barnootaa ta’uus eeranii, waltajjicharratti Itoophiyaan muuxannoo damicharratti horatte akka qooddus himaniiru.

Yaa’ii ijoo maddiitti qopheessummaa itoophiyaatiin walga’iiwwan guguddoon lama matadureewwan, “Babal’ina Dijitaalaayizeeshinii Tiraanisformeeshinii Afrikaatiif” akkasumas “Walabummaa Nyaata Afrikaa Mirkaneessuuf” jedhaniin  akka adeemsifaman ibsanii, qophichi Godambaa yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamus taa’uu himaniiru. Yaa’ichaaf qophiin seenaa dippilomaasii barootaa Itoophiyaa madaalu taasifamuus beeksisaniiru.

Oduudhuma walqabateen Afrikaatti Sirna Baarnootaa dhaloota jaarraa 21ffaan walsimatu ijaaruun akka barbaachisu Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaasee ibsan. Waldhabdee qaawween osoo hintaane mariifi dippilomaasiin furuun akka barbaachisummoo barreessaa muummeen Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaat eeran.

Walgahii Idilee Mana Maree Hojiraawwachiistuu Gamtaa Afrikaa 44ffaa Roobiifi Kamisa darbe gaggeeffamerratti qabxii xiyyeeffannoo ijoon waa’ee qulqullina barnootaafi waliingahinsarratti kan bu’uureffate ture.

Haaluma kanaan sadarakaa Afrikaatati qormaanni guddaan damee barnootaa qulqullinaafi waliingahinsaarratti ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa  Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaasee dubbataniiru. Hudhaa kana furuufis sirna barnootaa irra deebiin ilaaluun akka barbaachisu eeranii, sirna barnootaa dhaloota jaarraa 21ffaan walsimatu ijaaruun murteessaa ta’uus ibsaniiru.

Yoo kun hintaane dhaloota egeree biyyaaf bu’aa buusu Afrikaa hawaas dinagdeefi siyaasaan tokkoomsu ijaaruurratti rakkoo keessa galla jedhanii, damee barootaaf toorri xiyyeeffannoo akka Afrikaatti taa’uu malu cimuu akka qabu himaniiru.

Kanamalees waliingahiinsa barnootaatiin walqabatee biyyoota Afrikaa mara keessatti rakkoon jiraachuu eeranii, misoomni manneen barnootaa babal’achuun dhimma murteessaa ta’uus kaasaniiru.

Gama kanaan Itoophiyaan maallaqaafi dhiyeessiiwwan barnootaa olaanaa dhangalaasuun hudhaa damee barnootaa kana furuuf hojjetaa turuu kan kaasan Ambaasaaddar Taayyeen, sagantaa nyaata manneen barnootaa sadarakaa biyyaatti hojiirra ooleen barattoonni miliyoona jahaa ol fayyadamoo ta’uu eeraniiru.

Barnoota qulqullina qabu sadarkaa biyyaatti babal’isuun walqabatees manneen barnootaa bultii addaa hedduun ijaaramanii tajaajilaaf ooluufi jalqabbiin kun akka Afrikaatti irratti hojjetamuun biyyoota miseensa garee 20 karaa hirmaachiseen cimuu akka qabu dhamaniiru.

Misooma afaanota Afrikaatiin walqabatees waaliigalatees Amaariffi afaan hojii dabalataa gamtichaa ta’uu Itoophiyaanonnis qooda ijaarsa Afrikaa gamtoomee keessatti irraa eegamu haalaan akka bahatan kan tasisudha jedhaniiru.

Ardii Afrikaa gamtoomteefi badhaate ijaaruuf rifoormii cimaan  gama hundaan nubarbachisa kan jedhan ammoo Barreessaa Muummee Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaati.

Ajandaan Afrikaa 2063 misooma hammataafi ittifufaa  mirkaneessuudha jedhanii, gama hawaasummaatiin, dinagdeefi siyaasaan Afrikaa ofgeesse ijaaruuf miirri kutannoo  jiru hojiitti hiikamuu akka qabus dubbataniiru.

Dhimmi rakkoo nageenyaa sadarkaa addunyaattis ta’e akka Afrikaatti babal’ataa jiru karaa bilchina qabuun furamaa deemuu qaba jedhanii, kun ta’uu dhabuusaatiin raafamniifi sarbamni mirga namoomaa mudachaa turuu yaadachiisaniiru.

Afrikaatti keessumaa Afrikaa Bahaatti shororkeessummaan ammallee yaaddoo guddaa ta’uu yaadachiisnii, namoonni kumaatamaan lakkaa’aman gatii kaffalaa jiraachuu dubbatu.

Miseensonni gamtichaa dhimma kanarratti xiyyeeffannoodhaan mari’achuun hudhaalee akka Afrikaatti ijoo ta’an gama hawaasummaa, nageenyaa, dinagdeefi dippilomaasiin jiran furuurratti hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Yaa’ichi mataduree, “Barnoota jaarraa 21ffaa madaalu, sirnoota barnbootaa cimaa diriirsuudhaan Afrikaatti barnoota hundammataa, bara jireenyaa, qulqulluufi qaqqabummaasaa bal’isuu” jedhuun gaggeeffama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “Itoophiyaan yaa’ii 37ffaa dura bu’oota Gamtaa Afrikaarratti waa’ee milkaa’inoota damee barnootaarratti argamanii ni ibsiti”

  1. Pingback: harry42

Comments are closed.