Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa eenyutu fudhata?

Finfinnee: Amajjii 4 bara 2024 irraa eegalee magaalota Kootidiivuwaaritti adeemsifamaa kan jiru walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 34ffaan boru galgala tapha Kootidiivuwaarifi Naayijeeriiyaa jidduutti adeemsifamuun xumurama.

Waancaa biyyoonni 24 ramaddiiwwan jahatti adda qoodamuudhaan torban sadiif irratti walfalmaa turan kanaaf Kootidivuwaariifi Naayijeeriyaan kan walargan, Kootidiivuwaar ramaddii tokkoffaarraa taphawwan gulaalaatti Giinii Bisaawu 2-0n mo’attus Naayijeeriyaadhaan 1-0n, Ekuwaatoriyaal Giiniidhaan 4-0n mo’amtee carraadhaan sadaffaa ta’uudhaan tapha mo’anii darbuutiif kan geesse.

Tapha mo’anii darbuutiin ammoo Senegaal 5-4n mo’achuudhaan irboo maahessaatiif kan dabarte. Tapha irboo maaheessaatti ammoo Maalii 2-1n gaggeessuudhaan walakkaa maaheessaatiif kan dhihaatte.

Walmorkii walakkaa maaheessaatiif adeemsisametti Riippabliki Dimokraatik Koongoo dhiphina olaanadhaan deeggarsa ummatashee dabalattee 4-3n mo’achuudhaani.

Gareewwan lameenuu tapha daqiiqaa 90 keessatti 1-1n adda bahaniin mo’ataa beekuuf daqiiqaa 30n dabalamus waan walhinmo’atiniif dhawiinsa liigooree shan shan kennameen Kootidiivuwaar 4-3n mo’achuudhaani.

Naayijeeriyaanis ramaddii tokkoffaarraa darbuu kan dandeette Ekuwaatoriyaal Giinii wajjin 1-1n adda baatee, Kootidiivuwaariifi Giinii Bisaawu qabxii walfakkaatuun 1-0n mo’achuudhaan tapha mo’anii darbuuf kan dhihaatte.

Walmorkii mo’anii darbuuf ammoo Kaameerun 2-0n gaggeessuudhaan tapha irboo maahessaatiif kan dabarte yoo ta’u, irboo maaheessaatti Angoolaa 1-0n mo’achuudhaan tapha walakkaa maahessaatiif kan dhihaatte. Tapha walakkaa maahessaatti Afrikaa Kibbaatiin walarganii taphaan caalamus 1-0n mo’achuudhaani falmii waancaa boruu kanaaf kan dhihaatte.

Biyyoonni lameen tapha waancaaf dhihaatan kunneen ramaddii tokkoffaa keessa kan turan yoo ta’u ramaddii cimaadha jedhamee ture. Akkuma duraan durfamee tilmaamame ramaddii kanarraa biyyoonni lameenuu tapha waancaaf darbuunsaanii tilmaamicha dhugoomseera.

Walmorkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kun yeroo 34ffaaf qophaa’uus Kootidiivuwaar yeroo 24f hirmaatteetti. yeroo lamaaf biyyumasheetti qopheessiteetti. Yeroo lama ammoo waancaa fudhateetti. Kan baranaa kanas akkumaa qopheessite mo’achuudhaan hambifatti jedhamee eegama.

Naayijeeriyaan yeroo 19f waancaa kanarratti hirmaachuudhaan yeroo sadiif shaampiyoona ta’uun fudhatteetti. Kan ammaa kanatti mo’annaan ni afreeffatti jedhamee eegama. Kanumaafi, waancaan kun Kootidiivuwaaritti hafa moo gara Naayijeeriyaatti ce’a laata gaafiin jedhu kan ka’aa jiruuf.

Tapha walakkaa maahessaa Roobii tare adeemsifametti kan mo’aman Afrikaan Kibbaafi Riippabliik Dimokraatik Koongoon sadarkaa sadaffaa argachuuf har’a galgala nitaphatu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Waancaa kubbaa miilaa Afrikaa eenyutu fudhata?”

  1. Pingback: BIPOC
  2. Pingback: Ryan

Comments are closed.