Biyyoonni irboo maahessaatiif darban har’aafi boru taphatu

Finfinnee: Amajjii 4 bara 2016 irraa kaassee magaalota Kootdivaaritti adeemsfamaa kan jiru wal-morkiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa 34ffaan taphawwan hanga ammaatti adeemsifamanitti biyyoonni saddeet Irboo maahessaatiif darbaniiru.

Isaanis qopheesituu waancaa Kootdivaar, Angoolaa, Naayijeeriyaa, Giinii Konaakirii, Riippaabilika Dimokraatawaa Koongoo, Maalii, Keepvardiifi Afrikaa Kibbaati.

Taphni irboo maahessaa kunis kaleessaafi har’aa kan adeemsifamu yoo ta’u, qabxiinsaanii maxxansaaf nuu dhaqqabuu baatus kaleessa Naayijeeriyaafi Angoolaan, Riippaabilika Dimokraatawaa Koongoofi Giinii Konaakirii taphataniiru. Har’a ammo Maaliifi Kootdivaar, Keepvardiifi Afrikaan Kibbaa ni taphatu.

Seenaa waancaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti biyyoonni waancaa yeroo baay’ee fudhachuudhaan beekaman Misir,Gaan aa,Kaameerun,Aljeeriyaa, Tuuniziyaa, Morookoofi kkf tapha baranaa kanatti yeroomaan mo’amanii gara biyyasaaniitti dacha’aniiru.

Biyyoonni baldhina lafaatiins ta’u baay’ina ummataatiin xinnoo ta’an kanneen akka Keepvardiifi Giinii Konaakirii biyyoota guguddoofi kubbaa miilaatiin maqaa olaanaa qaban mo’achuudhaan tapha irboo maahessaatiif darbuunsaanii kutannoo qaban kan agarsiisuudha.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

One Comment to “ Biyyoonni irboo maahessaatiif darban har’aafi boru taphatu”

  1. Pingback: ruay91

Comments are closed.