Xaa’oo kuntaalli miliyoona ja’a biyya keessa galeera

Finfinnee: Bittaa xaa’oo bara 2016/2017 taasifame keessaa hanga ammaatti xaa’oo kuntaalli miliyoona ja’a biyya keessa galuu Ministeerri Qonnaa ibse.

Ministeerichatti Raawwachiisaan Hojii Qunnamtii Ummataa Obbo Kabbadaa Laaqawu Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, bittaa xaa’oo taasifame keessaa hanga ammaatti kuntaalli miliyoona ja’a biyya keessa galeera. Qonna jal’isii bonaa, arfaasaafi gannaa dabalatee waliigalaan bittaan xaa’oo kuntaala miliyoona 19.4 raawwatameera.

Akka ibsasaaniitti, rakkoo raabsii xaa’oo baroota darbanii sirreessuun adeemsi bittaafi raabsa xaa’oo baranaa fooyya’eera. Bittaafi geejjibsiisuun xaa’oo barana dafee eegaluun ariitiin raabsamaa jira.

Ammaan tana xaa’oon bitames qonnaan bulaa bira karaa yuuniyeeniifi waldaalee qonnaan bulaa akka qaqqabuuf qajeelfamni qophaa’ee hordoffiifi to’annoo cimaan gaggeeffamaa jira. Yeroo ammaa kana qonna jal’isii bonaa, arfaasaafi gannaaf mankuusaa xaa’oo giddugaleessaarraa qonnaan bulaaf raabsamaa jira. Xaa’oon bitamee biyya keessa galeefi kan bara darbees waan jiruuf dhiyeessiin xaa’oo ga’aa jiraachuus ibsaniiru.

Dabalataanis, dhaabbilee dhuunfaa eeyyama dhiyeessii Abbaa Taayitaa Qonna Itoophiyaarraa argataniifi mootummaan walta’uun keemikaala farra aramaafi ilbiisaa ga’aan jiraachuu ibsaniiru.

Raabsi xaa’oo qonna qamadii bonaa baranaa akka biyyaatti lafa hektaara miliyoona sadii facaasuun callaa kuntaala miliyoona 117 argachuuf hojjetamaa jiraachuu himanii; hanga Amajjii 13tti naannolee hundatti lafti hektaara miliyoona 2.9 qotameera. Kan qotame keessaas lafti hektaarri miliyoona 2.8 sanyiidhaan uwwifamuu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaas ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka ibsanitti, raabsi xaa’oo naannichaa qajeelfama “Mankuusa keenya qonnaan bulaadha” jedhuun kallattiin qonnaan bulaaf raabsamaa jira. Haaluma kanaan bittaa xaa’oo sadarkaa biyyaatti raawwatamerraa kuntaalli miliyoona 3.1 mankuusa naannichaa dhaqqabeera. Qonnaan bultoota qonna qamadii bonaa facaasaniif akkasumas kuduraafi muduraa omishaniif dursi kennamee xaa’oon karaa yuuniyeenotaafi waldaalee bu’uura qonnaan bulaaf raabsamaa jira jedhaniiru.

Qonni arfaasaafi gannaafis yeroosaa eeggatee raabsi xaa’oo akka taasifamu eeranii; qonna qamadii bonaafis xaa’oon kuntaala miliyoona 1.1 raabsamuu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Xaa’oo kuntaalli miliyoona ja’a biyya keessa galeera”

  1. Pingback: ai ดูดวง

Comments are closed.