Torbee Injifannoo atileetota Itoophiyaa

Finfinnee: Itoophiyaan sadarkaa biyyoolessaatti akaakuuwwan ispoortii hedduun hirmaatti. Isaan keessaa kan addunyaarratti kan ittiin beekamtuufi qabxii olaanaas galmeessisaa turteefi jirtu atileetiksiidhaani.

Aadaan mo’annaa ispoortii atileetiksii keenyaa kaleessaafi har’as mul’ataa jiru torban kanas biyyoota adda addaatti irra deebiidhaan mirkanaa’eera. Injifannoo kanas miidiyaaleen biyyoota adda addaa torban kun “Torban injifannoo atileetota Itoophiyaati” jechuudhaan faarsuurratti argamu.

Haaluma kanaan torban kana keessa dorgommiiwwan maaraatoonii magaalota Hindii Mombaayiifi Chaayinaa Hongikoongitti adeemsifamanitti atileetonni keenya korniyaawwan lameeniinuu akkuma kanaan duraa tartiibaan galuudhaan galaana magariisaa ta’anii mo’ataniiru.

Dorgommii maaraatoonii Mumbaayitti waggaa waggaadhaan adeemsifamu kanatti Itoophiyaanonni yeroo baay’ee irra deddeebi’uudhaan mo’achuu qofa osoo hintaane rikardii haaraas galmeessisuudhaan beekamu.

Dorgommii baranaas kan yeroo 19ffaaf Dilbata darbe adeemsifameetti olaantummaadhaan mo’achuun olaantummaa damee ispoortii kanarratti qaban Addunyaatti agarsiisaniiru.

Fiigicha kiiloo meetira 42:195n dhiirota jidduutti adeemsiifameen abbaan rikordii haaraa bakkichaa bara darbee Lammii Biraanuu ammas irra deebiidhaan tokkoffaa ba’uun mo’ateera. Lammiin sa’aatii kana kanaan dura qabamee ture, sa’aatii 2:07.32 daqiiqaa tokkoon fooyyesseera.

Maaraatonniiwwan Bostan, Zuriikiifi Dubaay fa’itti kan mo’ate atileetiin kun, ALA bara 2019 irraa kaasee sababa miillisaa dhukkubeef dorgommiirraa fagaatee turus ammaan tana ammoo dandeettii olaanaadhaan gara dorgommiitti deebi’eera.

Dargaggeessi umurii 29 Lammii Biraanuu maaraatonnii Mumbaayi kana mo’achuusaatti doolaara kuma 50 fudhateera. Dorgommii kanaratti atileet Hayimaanoot Alamuu sa’aatii 2:09.03n raawwachuudhaan lammaffaa, Mitikkuu Xaafaa sakandii muraasaan durfame sadaffaa ba’eera.

Fiigicha maaraatoonii dubartoota jidduutti adeemsifameenis atileetonni Itoophiyaa 1ffaa hanga 9ffaa ba’uun mo’achuusaaniitti akkuma kanaan duraa daawwataa atileetiksiirraa dinqisiifannaa argataniiru.

Dorgommii kanatti atileet Abarraash Minsawoo sa’aatii 2:26.06 tokkoffaa ba’uudhaan, atileet Muluhaabit Tsaggaa sa’aatii 2:26.51n lammaffaa, atileet Madihin Dajanee sadaffaa ta’uun mo’ataniiru.

Akkasumas Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa “IAAF”n sadarkaa warqiitiin kan beekamu maaraatoniin Hongi kongi kan atileetonni kuma 70 ta’an irratti qooda fudhatanitti dubartootaan Madiinaa Damee sa’aatii 2:28.47n raawwachuudhaan mo’ateetti.

Dorgommii kanatti atileetonni Keeniyaa Baatiriis Cheeptoo lammaffaa, Gaaddisee Muluufi Muliyyee Dhaqqaboo Itoophiyaarraa sadaffaafi afraffaa ta’uun mo’ataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Torbee Injifannoo atileetota Itoophiyaa”

  1. Pingback: namo333
  2. Pingback: ricco888

Comments are closed.