Jimma: Qonni magaalaa waggoota shanan darbanii as xiyyeeffannaa argatee haala gaariidhaan adeemsifamaa jira. Qonni magaalaa yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama gaarii agarsiisaa, jiraattota magaalaas fayyadamoo taasisaa jiraachuu Waajjirri Qonna Magaalaa Jimmaa ibse.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Abdullaziiz Jamaal akka torban darbe garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa magaalichatti argamanitti himanitti, hojiin qonna magaalaa keessumaa waggoota sadii as xiyyeeffannaa argatee hojjetamaa jira. Hojiin qonna magaalattii horsiisa lukkuu, horsiisa loowwan aannanii, sangaa furdisuu, omisha dammaafi kuduraaleefi fuduraalee adda addaa omishuuratti xiyyeeffachuun adeemsifamaa jira.
Hojichi tibba bonaafi gannaa adeemsifamaa jiraachuu himanii, kunis wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumaa waan jiruuf akkuma hojii qonna baadiyyaatti xiyyeeffannaa addaa argachuu qaba.
Hojiin qonna magaalaa lafa xiqqaarratti hojjetamus omisha guddaa argamsiisuun fedhiifi dhiyeessiin akka walsimu taasisuudhaan qaala’ina gatii gadi buusuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, jiraattotni magaalaa baay’een hojicharratti hirmaachuun fayyadamaa jiraachuu himaniiru.
Karoora qonna jallisii barana akka Oromiyaatti qabame dhugoomsuuf keessumaa horsiisa beelladootaarratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus eeranii, omisha aannanii, foonii, buuphaafi dammaarratti karoora addaa qabatanii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalattii qarshii miliyoona 100 ol ramaduudhaan sheedota horsiisa loon aannanii, lukkuu, kanniisaafi iddoo sangoota itti furdisuuf gargaaran ijaaree dargaggootaaf dabarsuu dubbatanii, kunis dargaggoonni hedduun gurmaa’anii hojii qonna magaalaarratti akka hirmaatan taasisuudhaan rakkoo hojdhabdummaa hir’isuu keessatti gahee guddaa akka qabu eeraniiru.
Magaalattiitti fedhiifi dhiyeessa aannanii walsimsiisuf abbootiin qabeenyaafi intarpiraayizoonni ce’an horsiisa loon aannaniirratti akka hojjetan taasifameera jedhan Obbo Abdullaziiz, omishni dammaa duraan baadiyyaatti qofa beekamaa ture yeroo ammaa magaalaattis adeemsifamaa jiraachuu ibsu.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa akka jedhanitti, wabii nyaataa magaalaa mirkaneessuuf hojiin qonna magaalaa bal’inaan adeemsifamaa jira. Hojichi wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee qaala’ina gatiifi jireenyaa hir’isuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee olaanaa qaba.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016
6 Comments to “ “Qonni magaalaa akkuma qonna baadiyyaa xiyyeeffannaa argachuu qaba” – Obbo Abdullaziiz Jamaal”
Comments are closed.