Omishni qamadii bonaa jiruufi jireenya keenya fooyyessaa jira” – Qonaan bultoota Aanaa Gannas

Tarcaa: Daawuroon godinaalee Bulchiinsa Naannoo Ummattootta Itoophiyaa Kibba Lixaa ja’an keessaa tokko.

Godinichi aanaalee 10 kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa aanaaleen Isaraa, Gannaa, Toccaafi Maariitti omishni qamadii bonaa bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu Qajeelchi Misooma Qonnaafi Eegumsa Naannawa godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaa Ittaanaan qajeelchichaa Obbo Taaddasaa Uumaa dheengadda garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa kilaastara qamadii bonaa Aanaa Gannaa, Ganda Diilaamoo Maaraqaafi Arsee Ofaa daaw’atetti akka himanitti, qonni qamadii bonaa godinichatti erga jalqabamee waggaa sadii ta’eera. Bara jalqabaa lafti heektaara 63 bara darbe lafti heektaara 178.5 omisha qamadii bonaatiin uwwifamuu himaniiru.

Akka godinichaatti barana lafa heektaara kuma sadiifi 545 omisha qamadii bonaatiin uwwisuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu himanii, hanga ammaatti lafti heektaara 900 omishichaan uwwifamuufi galteen qonnaas yeroodhaan ibsaniiru.

Bardheengaddaa omisha qamadii bonaa lafa heektaara tokkorraa callaan qamadii kuntaalli 30 argamuufi baranammoo gara kuntaala 40tti guddisuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Qonnaan bulaa Ganda Diilaamoo Maaraqaa Obbo Waraaboo Diimaa akka jedhanitti, qamadii bonaa lafa heektaara afurirratti kan omishuufi bara darbe lafa walakkaa heektaaraarratti qamadii bonaa omishuu jalqaban.

Godinniifi aanichi barana deeggarsa sanyii qamadii taasisuufiis eeranii, guddiftuun callaa yeroodhaan dhiyaateef qarshii saaniitiin bitanii ittifayyadamuu dubbatu. Bishaan paampiidhaan harkisanii qamadii kan omishan ta’uus himanii, hanqinni bishaanii humna guutuun akka hinomishne isaan danquus ni eeru.

Lafa heektaara tokkorraa callaa qamadii hanga kuntaala 30tti kan eegan ta’uufi waliigalatti omisha qamadii bona baranaarraa callaa kuntaala 180 kan eegan ta’uu dubbatu.

Qonnaa Bulaan Ganda Arsee Ofaa Obbo Eeliyaas Didannaa akka jedhanitti, barana lafa heektaara lama omisha qamadii bonaatiin uwwisuufi lafa heektaara tokkorraa callaa qamadii hanga kuntaala 30 eegu.

Omisha qamadii bona baranaaf xaa’oon yeroon kan dhiyaateef ta’uu himanii, xaa’oo qarshii isaaniitiin bitachuufi sanyii filatamaa aanicharraa deeggarsaan argachuu dubbatu. Erga qamadii bonaa omishuu jalqabanii waggaa sadii ta’uu kan himan qonnaan bulaan kun, omishichi jireenyasaanirratti jijjiiruu ibsu.

Ogeessonni qonnaa deeggarsa taasisaafii jiraachuu himanii, gandichatti omishni qamadii daran babal’achaa jiraachuufi hanqina bishaaniirraa kan ka’e qonnaan bultoonni humna guutuun omishicharratti hirmaachaa akka hinjirre eeraniiru.

Qonnaan bultoonni gandoota lamaanii qonna bonaa kanaan qamadii, timaatimii, shunkurtii diimaa, boqqolloo, appilii dabalatee kuduraalee gara garaa omishaniiru. Biqiltuu avokaadoos biqilchanii kunuunsaa jiru.

Dargaggoo Taammiraat Tafarraa ogeessa qonnaa ganda Arsee Ofaa yoo ta’u, qophii oyiruurraa kaasee hanga midhaan faca’ee sassaabamee galutti qonnaan bultootaaf deeggarsa barbaachisu taasisaafii jiraachuu dubbata.

Gandichatti barana lafa heektaara 168.75 omisha qamadii bonaatiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu kan himu ogeessichi, kana keessaa hanga ammaatti heektaara 122.5 sanyiidhaan uwwifamuu ibseera.

Ittgafaatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Gannaa Obbo Dubbaalee Kabbadaa akka jedhanitti, aanichatti barana lafa heektaara 180 omisha qamadiitiin uwwisuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuufi raawwii hojii hanga ammaatti jiruun lafti 135.5 omisha qamadiitiin uwwisuun danda’ameera. Omishichi jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiraa jira.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Omishni qamadii bonaa jiruufi jireenya keenya fooyyessaa jira” – Qonaan bultoota Aanaa Gannas”

  1. Pingback: bệnh HIV

Comments are closed.