“Maatiin mootummaafi ummata naannichaatti amanee ijoolleessaa gara naannichaatti erge” – Mootummaa Naannoo Amaaraa

Finfinnee: Maatiin mootummaafi ummata naannichaa amanatee ijoolleesaa gara yuunivarsitiiwwan naannichaatti waan ergeef qaamoleen lachuu dirqamasaanii ba’achaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Amaaraa beeksise.

Hogganaan biirichaa Doktar Mangashaa Faantaawu Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, osoo qaamoleen badii badiisa labsanii ayyaanotni Qillees ta’e Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee bakka daawwattootni biyya keessaafi alaa akkasumas ummatni naannichaa bal’inaan argamanitti kabajame.

Barattoonni gara yuunivarsiitii naannichaa akka hin deemneef qaamoleen kun olola sodaafi doorsisaa osoo tamsaasuu maatiin mootummaafi ummata naannichaa amanuun ijoolleesaa gara yuunivarsiitiwwan naannichaatti ergeera. Ijoolleen kunneenis rakkoo nageenyaa tokko malee ummata naannichaatiin simatamanii mooraa barnootaa seenaniiru. Yuunivarsiitiwwan hafanis guyyoota muraasa booda kallattii mootummaan kaa’een barattoota kan waaman ta’a.

Ummatni naannichaa hundarra nagaa fedha kan jedhan Doktar Mangashaan; utuma finxaaleyyiin akka namni ba’ee ayyaana kamuu hinkabajneef dhaadatanuu dargaggootni naannichaa garuu waan nageenya barbaadaniif ayyaanonni Qilleefi Cuuphaa haala nama ajaa’ibuun akka kabajaman taasisuusaanii himaniiru. Tumsa dargaggootni kunneen taasisaniifis galateeffataniiru.

Hojii ammaan tana ummanni naannichaa nageenya waaressuu taasifamaa jiru keessatti qaamolee nageenyaa tumsuun cinatti olola diinaa moggaatti dhiisuun misoomarratti bobba’ee jiraachuu ibsaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaas qaamolee nageenyaa naannichaa walta’uun harcaatuu diinaa gufuu misoomaafi nageenyaa taate tokko tokkoon funaanee seeratti dhiyeessaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, qaamni badii kun simannaa waggaa haaraa Itoophiyaa jechuunis Fulbaanatti sochii naannichaa hunda hojii ala taasisee ture. Har’a garuu barbadaa’uusaan olola miidiyaa hawaasaatiin oofuurraa kan hafe qabatamaan dhiibbaan uumaa jiru hin jiru. Kanarraa ka’uun harcaatuunsaa hojii saamichaarratti bobba’ee jira. Bakka qaamoleen nageenyaa hin jirretti darbee darbee sochii ugguraa jira.

Qaamni kun qaama garajabeessaafi gidiraa ummataaf dantaa hinqabneedha jedhanii; yeroo ammaas hawaasa bakkeewwan tokko tokkotti deggersa mootummaan beela hamaaf saaxilameef taasisu butaa jiraachuu dubbataniiru. Qaamni kun raabsa xaa’oo ugguruuf yaalus tumsa qaamolee nageenyaafi ummata naannichaan fashalaa’uu eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You