“Itoophiyaan walittihidhamiinsa dinagdee uumuuf kutannoon hojjechaa jirti” -Obbo Taaggasee Caafoo

Finfinnee: Itoophiyaan biyyoota Afrikaa Bahaa faana walitti hidhamiinsa dinagdee uumuun fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjechaa jiraachuu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Obbo Taaggasaan haasaa Agarsiisa Horsiisee Bultoota Afrikaa Bahaa kaleessa Finfinnee, galma Barkumeetti banamerratti eegalamerratti taasisaniin, agarsiisichi walittihidhamiinsi biyyoota kunneenii hangam akka cimeefi agarsiistuu obbolummaa daangaa hinqabnee ta’uu hubachiisaniiru. Duudhaa guddaa kanaan Itoophiyaan walittihidhamiinsa dinagdee uumuun fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf yoomuu qophiidhas jedhaniiru. 

Horsiisee bulaan dallaafi daangaa akka hinqabne himanii; Itoophiyaan naannawasheen walitti hidhamiinsa uumuuf badhaadhina waloo uumuurratti ida’amuun haala itti adeemtu hubachuushee himaniiru.

Biyyoota Afrikaa Bahaa waliin haala teessuma lafaa qofaan osoo hintaane qorqalbiin firoomni dhiyoon waan jiruuf kana ilaalcha keessa galchuun gara badhaadhinaatti ariitiin haalli itti deemamu beekuun barbaachisa akka ta’es ibsaniiru,

Naannawaan horsiisee bulaa qabeenya uumamaan badhaadhaa ta’us yeroo baay’ee naaannawa hongee, lolaa, baqaafi walitti bu’iinsi dagaagee mul’atudha jedhanii; rakkoolee mul’atan kanneen keessaa saffisaan ba’uuf walittihidhamiinsa naannawaa uumuun furmaata ta’uus hubachiisaniiru.

Ministirri Jallisiifi Naannawa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahammad gamasaaniin akka jedhanitti, qabeenya uumamaafi qormaatilee naannawa horsiisee bulaa carraatti jijjiiruun fayyadama waloo mirkaneessuuf kutataa ta’uuf muuxannoofi barnootni guddaan argameera. Walitti hidhamiinsi horsiisee bulaa uumame kunis galtee guddaadha.

Barreessaa Olaanaan Biyyoota Gamtaa Afrikaa Bahaa( IGAD) Doktar Warqinaa Gabayyoo ergaa karaa bakka bu’aasaaniin dabarsaniin, horsiisee bultoonni biyyoota gamtichaa walitti hidhuurratti gumaata olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Gumaata horsiisee bulaaf beekamtii kennuuf Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii bara 2026tti  “ Waggaa horsiisee bulaa” mata duree jedhuun guyyaan horsiisee bulaa akka kabajamuuf murteessuu himanii; biyyootaafi dippiloomatonni IGADs milkaa’inasaaf akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru. 

Ekspoon mata duree “Horsiisee bulummaan miidhagina Afrikaa Bahaa” jedhuun walta’iinsa Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoofi IGADn qophaa’e kun hanga Amajjii 23tti kan turu ta’uun hubatameera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to ““Itoophiyaan walittihidhamiinsa dinagdee uumuuf kutannoon hojjechaa jirti” -Obbo Taaggasee Caafoo”

  1. Pingback: find out here

Comments are closed.