Fiigichi Guddichi Wancii har’a adeemsifama

Finfinnee: Fiigichi guddaan Ikoo Turizimii Wancii/Dandii jedhamuufi biyya keenyatti kan jalqabaa ta’e har’a Wancitti adeemsifama.

Kaayyoonsaa atileetota biyya keessaafi alaatiif iddoo shaakalaa sadarkaasaa eeggate jiraachuu beeksisuu, akkasumas pirojektiin Maaddiin biyyaaf Ikoo Turizimii Wancii/ Dandii Ispoortii turizimiif haala mijaawaa qaba.

Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinarri Gargaartuun Daraartuu Tulluu ibsa gaazexessitootaaf kenniteen akka muldhistetti, pirojektiin kun wayita ijaaramu iddoowwan ispoortii sadarkaa biyyoolessaa eeggate kan ijaarame waan ta’eef guddina ispoortii atileetiksii biyya keenyaatiif faayidaa olaanaa qaba jetteetti.

Fiigicha guddaa Ikoo Turizimii Wancii/ Dandii kanarratti Itoophiyaa dabalatee atileetonni beekamoon biyyoota alaa Keeniyaa, Ugaandaa, Hoggantoonni Waldaa Atileetiksii Addunyaafi keessummoonni waamichi taasifameef akka argamanis eerteetti.

Akkasumas atileetonni beekamoon biyya keessaa 300 ol, godinaalee Shawaa Kibba Lixaafi Shawaa Lixaarraa namoonni 400, atileetonni biyyaalessaa 33, daa’imman 300, ogeessonni ispoortii muuxannoo qaban 150 akka argamanis himaniiru.

Dorgommicharratti korniyaawwan lameeniinuu atileetonni tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahan meedaaliyaa warqii, meetii, nahaasaafi qarshii kan badhaafaman ta’uus ibsiteetti.

Fiigicha Ikoo Turizimii Wancii/Dandii kanaaf walumaagalatti qarshiin miiliyoona jaha, kuma 148fi 860 ramadamuus eeranii, isa keessaa miiliyoonni tokkoofi kumni 700 atileetota mo’ataniif badhaasaaf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Fiigichi guddaan kun Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaafi Komishinii Turizimii Oromiyaatiin kan qophaa’e ta’uu Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa beeksisaniiru.

Dorgommiin atileetiksii Wancii/Dandii kiilomeetira 10n har’a waaree dura Wancitti adeemsifamu kun Oromiyaa dabalatee dargaggoonni biyya keenyaa iddoo bashananaa akka argatan carraan banamuufisaas muldhisaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad Ikoo Turizimii Wancii eebbisuu hordofuun dorgommiin atileetiksii kun yeroo jalqabaatiif achitti adeemsifamuun seenaqabeessa jedhaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Fiigichi Guddichi Wancii har’a adeemsifama”

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: sex 12 tuổi

Comments are closed.