Nama biyya Ameerikaarraa dhufee Akaakoo Mana Abbichuutti ilmaan qonnaan bulaa gombisaafi tapha fardaa tolaan leenjisu tokko waliin walargee waa’ee seenaa gootota Oromoofi fardeensaanii Adwaarratti galmaa’e haasa’aa turre.
Ani ardii Awurooppaa waggaa dheeraan jiraadhe. Fiilmiisaanii walwaraansaa fardeeniin dabaalame ilaaluun jaaladhan ture. Kanarraa kan ka’e ittifayyadamni fardeen waraanarratti hojiirra oolan kunniin akkamiin eegalaman isa jedhu gaafachuun eegale jedha namni kun. Sana booda yoo waa’ee seenaa waraanarratti ittifayyadama fardeenii baruu barbaadde kitaaba akkas jedhamu dubbisi jedhee waa’illisaa itti himuus eereera.
Bu’uuruma sanaan kitaaba jedhame manneen kitabaarara naanna’ee barbaadee dubbisuun eegale; waan ajaa’ibaas nan arge. Fiilmii faranjiin waraana fardeeniin dabaalame har’a hojjettuuf ka’umsi injifannoo Adwaarratti gootonni Oromoofi fardeensaanii galmeessisaniin kan walqabatu ta’uu irran ga’e jedha.
Kan faranjoonni kansaanii taasisanii har’a fiilmii ittiin hojjechuun madda galii godhachuun itti of jajan , lolli fardeeniin dabaalame kun Oromoorraa kan dhaalame ta’uu ragaaleen akka ibsan naaf kaasa. Bu’uuruma kanaan namni kun jireenya basha’aa maatiisaa wajjin keessa jiraatu, Awurooppaa dhiisee dhufee ilmaan Akaakoo Mana Abbichuu leenjisuu eegaluu eera.
Har’aaf waanin qorannaa irratti hojjechaa jiruuf kitaabicha siif hinkennu. Gaafan dhimma kana xumure garuu ummataafin ifoomsa. Atis dhuftee balballoomsita jedhee yeroo biraatiif walbellamne.
“Gootonni Oromoo seenaa addaa galmeessisanii darban ilmaan hedduu horataniiru. Anis ilmaan ilmaansaanii kana tapha fardaatiin yoon leenjise bu’aaqabeessan ta’a yaada jedhuun tokko jedhee Akaakoo Mana Abbichuuttan ijoollee dhiiraa leenjisuun eegale. Isaanis na hinqaanessine. Kanaan dura Itoophiyaa bakka bu’uun Aljarsirratti alaabaa Itoophiyaa olkaasuun meedaaliyaa warqii argamsiisaniiru” jechuun ibsa.
Oromoon koorniyaawwan lameeniinuu tapha fardaatiin maqaa akka qabu dubbiseera. Sana booda dubartootas ittidabaleen leenjisaa jira. Hamma ammaatti akka kilabiitti dursaa jirra. Kanaaf nama Oromoo mitiitii fardeeniillee kan maqaa qaban addunyaaf galtee ta’aniidha yaada jedhuun waliigallee gargar baane.
Dhimma kana maaliif kaaste jechuun keessan hinoolu. Dhugaadha Oromoon biyya Itoophiyaa jedhamtu tanaaf lafee dugdaa ta’ee tajaajilaa tureera; ammas ittuma jira.
Haata’uutii ga’umsi Oromoon tapha fardaatiin qabu osoo madda galii ta’uu qabuu waan xiyyeeffannoo hinarganneef faranjoonni kansaanii taasifatanii fiilmii ittiin hojjechuun dinagdeesaanii qaarisaniiru.
Nutis ilmaan Baalchaa Abbaa Nafsoo, Gabramaariyaam Gaariifi Gabayyoo Gurmuuti. Ga’umsa isaan fardeensaaniin deeggaramanii gaarreen Adwaarratti Xaaliyaanii jilbeeffachiisan ormaaf osoo hintaane nuuf madda galii ta’uu qaba jedhu dargaggoonni tapha fardaatiin ga’umsa qaban.
Sanbata darbe dorgommiin gombisa (gugsii) fardaa qarqara Hara Dandiitti gaggeeffameen akaakuuwwan tapha fardaa gara garaa qalbii nama hawwatan kan agarsiifaman yoo ta’u, ga’umsichi maallaqatti jijjiiramuun madda galii ta’uu akka qabu tapattoonni nikaasu.
Dargaggoo Taaddalaa Si’eessaa Shawaa Lixaa, Aanaa Dandii, Ganda Boddaa 01 irraa kan dhufe yoo ta’u, farda miila lamaan dhaabatuun namoota dorgomaniifi badhaasa maallaqa hanga kuma 30fi waancaa argatan keessaa isa tokko.
Taphni fardaa saggaarsaan, burraaqsaan olkaasanii dhaabuufi kan biroon akka gaggeeffamuufi ga’umsawwan kanneen hunda abbootii keenyaarraa dhaalle jechuun ibsa.
Abbootiin keenya injifannoo cululuqaa gaarreen Adwaarratti yeroo galmeessan sana osoo kaameeraa ammayyaatiin dhalootaaf taa’eera ta’ee har’a madda hawwata tuuristii galii ofii itti guddatu ta’aayyu. Sun waan hintaaneef dinagdee keenya hubeera jedha.
Nutimmoo quuqamni nukeessa buluu qaba kan jedhu dargaggoon kun, kan kaleessa seenessa qofaan dhageenyu sana har’a maallaqatti jijjiiruun wiirtuu hawwata tuuristii maddi galii itti argamu taasisuun barbaachisaa ta’uu kaasa.
Dhugaa dubbachuuf guddaa keenya qofa miti daa’imman olguddatoo Oromoo ga’umsa taphawwan fardaa garagaraatiin ganamuma ijaaramanii ba’u kan jedhe Dargaggoo Taaddalaan maallaqatti akka jijjiiramuuf feestivaalliifi waldorgommiin qophaa’u haala mijeessa jedha.
Haata’uutii bakkawwan hedduutti farda kabaja qabu kana tapha fardaatiin leenjisnee osoo madda galii godhachuu qabnuu akkuma laayyootti ilaaluun keenya dinagdee keenya waan miidhuuf qaamni dhimmisaa ilaallatu sirnaan irratti hojjechuu akka qabu dhaama.
Oromoon fardasaa akka dhalasaatti ilaala. Kanarraa kan ka’e maallaqasaa itti baasee miidhagsee bareechee jilawwan garagararratti hirmaachuun tapha fardaa bashannansiisaa ga’umsa bilchaataan dabaalameen walbohaarsa.
Ittiin adamoo adamsee waan qalmaa qopheeffataas ture. Ga’umsi kun ija addunyaatti osoo gadi bahee madda galii olaanaa waan ta’uuf mootummaan irratti hojjechuu qaba. Guddattoonnis ga’umsa horachaa deemuun itti badhaafamanii maqaa biyyasaaniis waamsisuu qabu yaada jedhu kaasa. Maallaqaafi badhaasa waancaa argate kanaan kan onnate Dargaggoo Taaddalaan, Oromoon ilmaansaa gahoomsuu akka qabu dhaama.
Kanamalees jalqabbii gama dorgommii tapha fardaatiin mootummaan qopheessaa jiru daran kan jajjabaachuu qabu, kan daawwatamu qofa osoo hintaane kan galii argamsiisu akka ta’uuf guutuu Oromiyatti irratti hojjechuu qaba.
Dargaggoo Alamuu Guutaas aanaadhuma Dandii, Ganda Boddaa 01 irraa kan dhufe yoo ta’u, taphawwan fardaa garagaraatiin dorgomuuf qophaa’ee dhufuu kaasa.
Innis dorgomtoota tapha fardaa olkaasanii dhaabuun kanneen badhaafaman keessaa isa tokko yoo ta’u, taphni fardaa Ispoortii Aadaa Oromoon ganamuma itti guddate, kan seenaanis ragaa bahuufiidha jedha. Haata’uutii ga’umsa tapha fardaa Oromoon qabu kun seenaan qofa kan leellifamu osoo hintaane maallaqa argamsiisuu akka danda’uuf irratti hinhojjetamne jedha.
Tuurizimiin agarsiisawwan paarkii qofa miti ga’umsa gama tapha fardaatiin Oromoon qabu sana qabatamaan, har’a lafarratti agarsiisuun madda galii taasisuun barbaachisaadha jechuunis ibsa.
Oromoon ga’umsasa injifannoo Adwaarratti galmaa’e qofaan ibsuun hinga’u kan jedhe dargaggoon kun, kaleessa faranjiin akkamiin gurraachotaan akka injifatame kaffalee ilaaluu akka qabuuf qaamni dhimmi ilaallatu xiyyeeffannaan irratti hojjechuu akka qabu dubbata.
Dhugumattuu injifannoon kaleessa gaarreen Adwaarratti galmaahe seenessa afaanii qofa osoo hintaane ga’umsa dhaloota ammaatiin dhaalameefi gadi bahee addunyaaf mul’atee sharafa alaa guddaa kan argamsiisu, dinagdee biyyaa humneessu, Oromoofi Oromummaas ol kakaasu akka ta’e eenyumaafuu ifaadha.
Kanaaf tapha fardaatiin ga’umsi jiru kun maallaqatti akka jijjiiramuuf dhaloota dhufu badhaasuu qofa miti addunyaatti beeksisanii tuuristiif banaa taasisuun biyyaaf galii argamsiisuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa eeraniiru.
Obbo Shimallis jilasaanii waliin dorgommii gombisa fardaa Godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaa qarqara Hara Dandiitti gaggeeffamerratti argamuun haasaa taasisaniin ga’umsi tapha fardaa Oromoon kaleessas ta’e har’a ittiin boonu bashannanaaf qofa osoo hintaane madda galii dinagdeen lammiileefi biyyaa itti cimu akka ta’uuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Ga’umsa fardeen keenya gaarreen Adwaarratti agarsiisuun faajjii bilisummaa ummata gurraachaa nutaasisan kan seenan ragaa bahudha. Sanas qabatamaadhaan hojiitti hiikuun madda galii gochuun barbaachisadhas jechuun ibsu.
Kanaafis qaamni dhimmi ilaallatu Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaafi kanneen biroo ciminaan irratti hojjetanii beeksiisuun dhaloota olguddatu seeraqabeessaan leenjisuun hojiitti seenamuu qaba jedhan.
Dorgommiin kana booda gaggeeffamu kan addunyaa hammate, madda galii nama dhuunfaafi biyyaa akka ta’uuf mootummaan naannichaa cimsee kan hojjetu ta’uu ibsuun dhaloonnis kanaaf of qopheessuu akka qabu dhaamaniiru.
Oromoofi Oromiyaa olkaasuun, addunyaatti beeksisuun ga’umsa keenya maallaqatti jijjiiruuf imalarra jirra. Boo’ichiifi abaarsi finxaaleyyii imala guddinaa itti jirrurraa duubatti nun deebisu. Kanaaf ga’umsa tapha farda keenyaa madda dinagdee keenyaa taasisuuf hunduu tumsuu qaba jedhan.
Walumaagalatti taphni fardaa bashannanaa hanga waraanaatti Oromoon ganamuma itti bilchaatee guddate seenaadhaan qofa leellifamuu keessaa bahee hawwata tuuristii, madda guddina dinagdee sharafni alaa itti argamu akka ta’uuf gama hundaan hojjechuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016
9 Comments to “ “Fardeen Oromoo kaleessa gaarreen Adwaa raasan har’a madda galii ta’uu qabu” -Dargaggoota Dandii”
Comments are closed.