Cabiinsa uumameef beekamtii kennuufi suphuun dhimma murteessaadha

  • Koreen Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Dammaqaa Makonnin kabajaan gaggeesse

Finfinnee: Cabiinsa imala bulchiinsaa Itoophiyaa keessatti mudateef beekamtii kennuufi tarsiimoowwan suphuu dandeessisan bocee hojiirra oolchuuf cimee kan hojjetu ta’uu Koreen Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa ibse.  Korichi Obbo Dammaqaa Makonnon kabajaan itti gaafatamummaasaaniirraa gaggeessuun bakkasaaniitti Obbo Tamasgeen Xurunaa filateera.

Korichi sanada mataduree, “Caba suphuu, dhalootaaf amanamuu” jedhurratti dhimmoota wayitaawoo biyyaalessaafi idiladdunyaarratti Amajjii 13 hanga 17 bara 2016 marii bal’aa taasise ilaalchisee ibsa baaseeraa. 

Itoophiyaa tokkummaa sabdaneessan cichoomteefi badhaate dhaloota dhaalchisuufi dhalootaaf amanamuu dhimma ijoo ta’uud ibsee, cabiisa imala bulchiinsaa keessatti mudateef beekamtii kennuu qofa osoo hintaane tarsiimoo suphiinsaa hojiirra oolchuuf cimee akka hojjetu jala sarareera.

Bara diijitaalawaa kanatti  sirnaan fayyadamuu baannaan  odeeffannoon sobaa babal’achuun walitti hidhamiinsi gareen muraasaa baay’isuun tokkummaa sabdaneesummaa balaarra buusuu akka danda’uus ibsichi akeekeera.

Garee muraasni gosaan, amantaan, naannummaafi faayidaan kan walitti hihdmaniidha. Faayidaa ofiif jecha biyya diinaaf dabarsanii kunneen badhaadhuu fedhu. Haa ta’u malee, miidhaarra faayidaalee dijjitaalaa kana gabbisuun kaayyoo garee kunneenii maseensuuf irratti qabsaa’uun gahee hoggansaafi miseensota paartichaa ta’uu walga’ichaan murtaa’uu ibseera.

Shirri walitti hidhamiinsa garee muraasaan sabaafi saboota gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu xaxamaa jiru fashalaa’uu gamaaggamichaarraa kan hubatame yommuu ta’uu; walitti hidhamiinsa lammiilee cimsuun biyya tokkummaa sabdaneessummaan cichoomte hundeessuuf hojiin hojjetamaa jiru bu’aa buusaa jiraachuus ibseera.

Akkasumas hariiroo biyyoota ollaa, Gaanfa Afrikaafi addunyaa waliin jiru gamaaggamuu kan ibsichi eeree;hariiroon biyyoota Lixaa sababa walitti bu’iinsa Itoophiyaa Kaabaatiin laafee ture bakka duraatti deebi’aa jiraachuus ibseera. Hariiroon biyyoota Bahaa waliin jirus daran cimaa dhufuu eereera.

Damee faayinaansiin waliin gahuuf, omishaafi omishtummaa qonnaa, bittaafi raabsaa xaa’oo, daldalaa alaa, omisha albuudaa, dhimmoonni industirii shukkaara bal’inaan ilaalamuun kallattiin fuulduraa kaa’ameera. Milkaa’ina  omishaa qonnaa qamadii bonaafi  asharaa magariisaa ciminaan itti fufsiisuuf  kallattiin kaa’ameera. Carraa hojii uumuu, qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuufi jireenya ummataa fooyyessuuf hojiileen hojjetaman  ilaalamanii tarkaanfiilee fudhatamuu qabanirratti murtoon darbeera.

Pirojektonnis dafanii akka xumuramaniif kallattiin kaa’ameera. Hidhi Laga Abbayyaas bara bajata 2017tti xumuruuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Gufuu guddina diinagdee keessa tokko walitti bu’iinsa fedhii garee muraasaan umamaniin  yommuu ta’u walitti bu’iinsa mudatu furuuf paartichi adeemsasaa saffisisuun, fayyadamummaa ummataafi nageenyaa waaraa biyyattiitti mirkaneessuuf garee hidhatanii socho’aan waliin filmaanni karaa nagaa cimee akka ittifufu kallattiin kaa’ameera.

Qaamolee gaaffii siyaasaa karaa seera qabeessaan dhiyeessaniif hanga danda’ametti haalota mijjessuuf, kanneen fedhii fi kaayyoo isaanii hidhannoon raawwachiisuuf socho’aanif immoo hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee akka itti fufuu murtoon darbeera.

Oduudhuma walqabateen korichi qajeeltoofi hojmaata bakka walbuusuu paartichaarratti hundaa’uun, Obbo Dammaqaa Makonnin kabajaan gaggeessee Obbo Tamasgeen Xurunaa pirezidaantii ittaanaa paartichaa gochuun sagalee caalmaan filateera.

Ji’oota jaha darbanitti dhiibbawwan keessaafi alaa dandamachuun guddinni digandee cimaa galmaa’uu kan himan ammoo Miseensa Koree Hoji Raawwachiiftuu paartichaafi Ministira Maallaqaa Obbo Ahmad Shideeti.

Guddina dinagdee Itoophiyaa karaa fooyya’iinsa qabuun ittifufsiisuuf qaala’iinsa gatiifi jireenya akkasumsa dhiibbaa idaa salphisuun xiyyeeffannaa fuulduree ta’ee kan ittifufu ta’uus ibsaniiru.

Rippoortara Gaazeexichaan

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Cabiinsa uumameef beekamtii kennuufi suphuun dhimma murteessaadha”

  1. Pingback: reference

Comments are closed.