Haroon Wancii bifa waciitii kan qabu yoo ta’u, gaara guutoo gubbaan holqa bishaan keessa ciisudha. Iddoon argama isaas Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wancii keessa.
Haroon Dandii immoo Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti kan argamu yoo ta’u, lafa diriiraarratti haroo boca lakkoofsa saddeet qabudha. Mandarri Ikoo Turizimii Haroowwan Wancii-Dandii Kun qabeenya uumamaa daangaa bulchiinsaa godinaalee lamaniin utuu hindaanga’iin misoomaan hawaasa yaadatedha.
Haroon Wancii uumamaan Magaalota Muummee Godinaalee Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaarraa fageenya qixa ta’e irratti argama. Mandarri Ikoo Turizimii Haroo Wancii-Dandii akkuma uumaan adda ta’e hawaasa godinaalee lamaa misoomaan badhaasuunis adda. Amboorraa gara Kibbaatti Kiilomeetira 30-35, Walisoorraas akkasuma fageenya walqixa ta’erratti argama.
Daawwattoonni biyyoota alaarraa dhufanis ta’e biyya keessaa mandara turizimii kana daawwachuuf imalan Amboofi Walisoo mil’achuu yoo fedhan dhamaatii malee argatu. Kunis qabeenya uumamaa barootaaf dagatame misoomsuun hojiirra oolchuun cinatti galii magaalota lamaanii guddisuu keessatti gumaacha guddaa qaba.
Mandarri ikoo turizimii Wancii handhuura Oromiyaafi biyyaa teessoo dippilomaatotaafi gamtaa Afriikaa kan taatee Finfinneerraas gara Kibba Lixaatti kiilomeetira 150-155 hincaallerratti argama. Kunis haroo uumamaa, miidhaginaan gita hinqabne misoomaan faayamuun daawwattoota simachuuf qophaa’e keessaa Finfinneetti dhihaachuunis kan isaan qixxee hinjiru.
Imaltoota biyyoota gara garaa Daandii qilleensaa Itoophiyaatti fayyadaman, Finfinneetti bu’uun imala biyya biraaf darbaniifillee iddoo aara galfii dhiheenya jiru ta’uun isaa adda. Pirojektiin guddicha seenaa hawaasa naannawicharraa darbee kan godinichaa, darbees kan naannichaa akkasumas, kan biyyaa jijjiiruu danda’u kunis torban har’aa bakka abbaan mul’ata Maaddiin Biyyaaf Doktar Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Pirezidaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Komishinni Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Mahaammat Faakiifi anga’oonni olaanoo biroon argamanitti sirna ho’aadhaan eebbifameera.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) haasawaa taasisaniin akka jedhanitti, Wanciin yeroo hunda kennaa uumamaa qulqulluu taatee turteetti. Eebba dinqii uumamaa kana kunuunsaniifi gabbisanii ittifayyadamuun immoo gocha nurraa eegamudha. Adeemsa mandara turizimii uumamaa (Eco Tourism) Wancii Dandii misoomsuu keessatti boqonnaa ijaarsasaa keessatti lammiilee kuma saddeetii hamma kuma 12 ta’aniif carraan hojii uumameera. Hojiin misooma bu’uraa guddaan hojjetameera. Daandiiwwan kiiloo meetira 43, ibsaan daandii kiiloo meetira 35fi dhiheessiin humnaa, riqichi meetira 72fi manni barnootaa kan keessatti argamanidha. Dargaggoonni naannichaa fayyadamummaa dinagdee hojiilee misoomaa guguddoo waliin dhufan dhamdhamachuu eegalaniiru. Hawaasni bal’aa naannichaas amma carraa faayidaa olaanaa argamsiisu argateera.
Hojii kanarrattis yaadamni ida’amuu haalaan milkaa’uu eeranii, agarsiistuun kanaas ijaarsarratti hirmaannaa hojii dargaggootaafi qabeenya uumamaa miidhagaatti misoomaan simboo itti dabaluun cinatti hojiileen hawaasa naannichaa fayyadan hojjetamuu himu. Hojiin kunis dheebuu misoomaa qabeenya uumamaa kanaaf gaarii ta’uus qabeenya bal’aa guutuu biyyaa jiru waliin jalqabbii yoo ta’u, fuulduratti hojii guddaan akka hafu kan agarsiise ta’uu ibsu. Hojiin naannawaa Ikoo Turizimii kanaatti hojjetames miidhagina uumamaatti iddoo aara galfii mijessuun daawwattoota hawwachuu ta’us ni kaasu.
Lammileen hidda dhalootaa Itoophiyaa dhaloota lammaffaa biyyoota garagaraa jiraatanis dilbii qabeenya uumamaa biyyi abbaasaanii qabu sirnaan beekuuf dhufanii ilaaluu akka qaban waamicha dhiheessaniiru. Hawaasni qabeenya kana kunuunfachaa keessummaa gara qe’eesaatti dhufu akkaa aadaafi duudhaa Oromootti simatee keessummeeffachuu akka qabu dhaamu.
Pirezidaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, Mandarri Ikoo Turizimii Wancii-Dandii wiirtuu qofa osoo hintaane, karra carraa hedduu kan banu ta’uufi misoomni turizimii adeemsa rog-hedduu kan hammatu ta’uu kaasu. Galii maddisiisuu, carraa hojii uumuufi intarpiyuunarummaa jajjabeessuun guddina dinagdee keessatti gumaacha guddaa akka taasisuufi mandarri kun, turizimii itti fufiinsa qabu misoomsuu, bareedina uumamaafi qabeenya aadaa kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf kan dandeessisu ta’uu ibsu.
“Mandarichi namoota iddoo adda addaa irraa dhufan walitti fiduudhaan walhubannoodhaaf haala mijeessa. Daawwattoonni aadaa, duudhaafi haala jireenya naannoo sanaa hubachuuf carraa argatu. Kunis walhubannoofi waldanda’uu guddisa. Namoota Mandara Ikoo Turizimii kana dhugoomsuuf gumaachan hundaaf galatan qabu ibsuun barbaada. Hoggansaafi hojjetoota pirojektichaa, hawaasa naanniichaa, deggartootaafi michoota keenya hundaaf ulfaadhaa jechuun barbaada. Hundaa ol, yaada isaa maddisiisuu irraa kaasee, bajata sassaabuufi hordoffii cimaa taasisuun, pirojektichi qulqullina qabameefi yeroo taa’e keessatti akka dhugoomu kan taasisan, Ministira Muummee fi Looreetii Nagaa Addunyaa Doktar Abiyyi Ahimad, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada” jedhu.
Ikoo Turizimiin Wancii dandii damee misooma turizimiin Afrikaaf pirojektii fakkeenya ta’uudha kan jedhan ammoo Isteet Yunivarsiitii Ameerikaa Kaaliforniyaatti yeroo dheeraaf barsiisummaan kan tajaajilan Pirofeesar Alamaayyoo Gabra Maariyaami.
Pirofeesarri kun pirojekticha erga daawwatanii booda teessuma haroo wanciifi miidhagina uumamaa dinqisiifachuusaaniifi diiyaaspooraan biyya isaarraa fagaatee ture iddoowwan akkasii yoo ijaan argu biyyaaf quuqamuu bira darbee waa’ee biyyasaa dubbachuu danda’a jedhan.
Iddoowwan hawwata turizimii akkasii ilaaluun, addunyaatti beeksisuun, ijaaruufi misoomsuun irraa fayyadamuu akka barbaachisu kaasanii, Cabaraa Curcuraa, Gorgoraafi pirojektiiwwan kanneen biroo daawwachuusaaniifi pirojektiiwwan ijaarsi isaanii xumurame kunneen hawwattummaan isaanii adda ta’uu ibsu. Dinagdee Itoophiyaa miidhuuf qaamoleen holola afarsan jiraachuu kaasuun iddoowwan akkasii beeksisuun holola isaanii fashaleessuun akka barbaachisu eeraniiru.
Lammiileen Itoophiyaa dhaloota lammaffaa gara biyyaa dhufaa jiraachuu himuun mandara Ikoo turizimii kanneen akka Wancii Dandiifi kanneen biroo daawwachuun qabeenya biyyattiin qabdu baruufi beeksisuun akka irraa eegamu dhaamu.
Qindeessituun Saamraawiit Girmaa
BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016
4 Comments to “ Wancii-Dandii qabeenya uumamaa dagatamuu keessaa ba’ee biyyaaf eebba ta’uuf jiru”
Comments are closed.